Tiraamp bilbilaan 'walabummaa Kaanadaa nan kabaja' jechuu MM haaraan beeksisan

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Muummee Kaanadaa Maark Kaarneey erga aangoo qabatanii yeroo jalqabaaf Pirezidant Doonaald Tiraamp waliin yoo dubbatan, Tiraamp walabummaa Kaanadaa akka Kabajan itti himan.
Haasaan aanga'oota lamaanii kun kan gaggeeffame sababa taarifaa fi yaada Tiraamp Kaanadaan Isteeta Ameerikaa 51ffaa akka taatu qabaniin biyyoota lamaan gidduu muddamni dhalatetti.
Duula filannoof qophiirra kan jiran Kaarneey haasaa bilbilaa Tiraamp waliin godhame kanaan ''ijaaraadha'' jechuun ibsaniiru. Tiraamp gama isaaniin baayyee bu'a qabeessa'' jechuun ibsan.
Tiraamp taarifni 25% konkolaattota alaa galan irra kahan giyyootaa muraasa booda hojiirra ooluu eegala. Kun ammoo indaastiriiwwan konkolaataa Kaanadaaf balaa guddaadha.
Waajirri Ministira Muummee Kaanadaa biyyootni lameen dhimma diinagdeefi nageenyaarratti hariiroo qaban cimsuuf marii hunda hammataa gaggeessuuf waliigalaniiru jedheera. Kunis filannoo Kaanadaa Ebla 28 gaggeeffamuun booda ta'a.
Tiraamp ejjennoon Jimaata kana agarsiisan kan yeroo darbeerra lajab kan jedhedha. Ministira Muummee duraanii Jastiin Turuuddootiin akka bulchaa isteeta tokkootti "Governor Trudeau" jechuun waamanii turan.
''kaanadaa yeroo hundan jaaladha'' jedhan Tiraamp marii bilbilaa kana booda yaada kennaniin. ''Haasaa baayyee gaarii ture. Ministira Muummee filachuuf deemu, kanaaf achii booda deebinee wal argina'' jedhan.
US omishaalee Kaanadaatii galan irratti qaraxa 25% keesseetti. Dabalataan gibirri 25% alumuniyeemifi sibiilaarras kaahameera. Kaanadaan ammoo haaloo bahuuf omishaalee US irra galan irrats gibira gatiinsaa doolaaraa biliyoona 42 gahu keesseetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gibirri konkolaattotarraa kaahame ji'a dhufu, kan qaama konkolaattotaarra kaahame ammoo ji'a lama booda akka hojiirra oolu Waayit Haawus beeksiseera.
Marii bilbilaa kana dura Kaarneey US ammaan booda michuu daldalaa amanamtuu miti jedhaniiru. Hariiroon inni durii Kaanadaan US waliin qabdus ''raawwateera'' jedhan.
Ministirri Muummee Paartii Liberaalii biyyattiirraa ta'an kun taarifa US irraan miidhaa guddaa gahu akka labsan dhaadataniiru.
Waajirri isaanii ibsa baase keessatti muummichi ministiraa kun ejjennoosaanii kana Jimaata kaleessaa Tiraampiin beeksisaniiru jedha.
Dhaadannoo Kaanadaa kun hojiirra kan oolu yoo Tiraamp taarifa konkolaattotaa fi qaama konkolaattotaarra kaahaniin itti fufan ta'uun ibsameera.
Taarifni Tiraamp konkolaattota biyyatti galan irra kaahan kun Kaanadaa keessatti namoota indaastirii omisha konkolaataarra hirmaatan 500,000 ta'an midha.
Tiraamp haasaa bilbilaa booda yaada rippoortarootaaf kennaniin ''Kaanadaafi US gidduu haalli gaarii ta'aa jedheen yaada'' jedhan.
Hariiroon US waliin jiru filannoo torabnoota keessatti gaggeeffamu irratti ajandaa ijoo ta'eera.












