Waraanni daldalaa Tiraamp harkifachuusaatiin eenyutu ammatti injifate?

Tiraampi

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp

Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp qaraxa cimaa Meeksikoo fi Kanaadaarra kaa'uuf doorsisaa ture xumurarratti biyyoota lamaan waliigaluun ji'a tokkoof tursiisan.

Tiraamp dhimma daangaa fi to'annoo yakkaarratti cimsuu akka inijfannootti eera.

Ministirri Muummee Kanaadaa Jastiin Tiruudoo fi Pirezedantiin Meeksikoo Kilaadiyaa Shinbaahum ammoo ijifannoo siyaasaa argachuu kaasu.

Waraanni daldalaa kun raafama dinagdee guddaa Ameerikaa Kaabaarra darbee biyyoota kaanitti dhagahamu uume.

Eenyutu dura rifata, kanatti aansee maaltu ta'uuf deema?

Imaammanni jabaa Tiraamp hordofu bu'aa kan buuse fakkaata

Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp biyyoota michuu daldalaa Ameerikaa dhiyoo ta'an waliin falmii keessaa seenuun bu'aa kan argamsiise fakkaata jedha gabaasaan BBC Waashingten jiru Subramaniyan.

Meeksikoo fi Kanaadaan nageenya naannoo daangaasaanii cimsuurrattii waliigaluun, daldala dawaa fentaniyil to'achuuf waliigalan.

Qaraxni Tiraamp buusuuf doorsisaa ture kun baratamaa miti.

Tiraamp kanaan dura yeroo aangoorra tuan qaraxa feerroo fi aluminiyeemii irratti kaa'uun, Meksikoo, Kaanaadaa fi Gamtaa Awurooppaa biratti mufii uume ture.

Ogeeyyiin dinagdee tarkaanfiiwwan sun bal'aa hin turre jedhu.

Tiraamp amma meeshaalee Meeksikoo, Kanaadaa fi Chaayinaarraa Ameerikaa seenan qaraxuuf waadaa seenan.

Chaayinaan ammallee Kibxata halkan walakkaarraa eegalee meeshaaleerratti qaraxa %10 dabalamuuf jira.

Garuu Tiraamp Kanaadaa fi Meksikoorra guyyoota 30 booda qaraxa kaa'uuf fi dhiisuun ammatti ifa miti.

Shakkii kun dhaabbileen daldalaa gabaa Ameerikaarratti akka hin hirkachuu hir'isan, warshaalee haaraa ijaaruu, ykn hojjettoota qacaruu hanga waldhabdeen daldalaa caalaatti ifa ta'utti of qusachuun mul'ateera.

Bara aangoosaanii goolabaa kan jiran Tirudoon waraana daldalaa yeroof tursiisutti milka'aniiru

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gabaastuun BBC Jeesikaa Murfii Torontorraa akka jettutti, Tiraamp qaxara Kanaadaarraa ka'uu yeroof tursiisuun qondaalota siyaasaa fi hongantoota dhaabbilee daldalaa biratti akka haara galfitti ilaalame jetti.

Doorsifni taarifaa kun garuu guutumaan guutuutti kan hafe miti. Ministirri Muummee Kanaadaa Jastiin Tirudoon injifannoo siyaasaa himachuu malu.

Qondaalonni siyaasaa Kanaadaa maaltu akka Tiraaamp akka quubsu barbaadaa jiru, Tirudoon torban xumura bara aangoo isaanii akka Ministira Muummeetti milkii dhabuun xumuran.

Tarkaanfiiwwan nageenya daangaa Wixata labsame hundi haaraa miti.

Ji'a Muddee keessa Kaanaadaan tarkaanfiiwwan daldala fentaniyl jeequuf tattaaffii fi hordoffi karaa seera kabachistootaa cimsuuf $900m; £700m) ramaduu beeksiste.

Dirooniin basaasaa Kaanaadaa fi helikooptaroonni 'Black Hawk' jedhaman lama dhiheenya kana daangaa biyyoota lamaanii sakatta'uu jalqabaniiru.

Qondaaltonni yaaddoo daangaa dhimma Tiraamp kaasef xiyyeeffannoo kennuu agarsiisa jedhan.

Gaaffiin hafe tokko kun egeree hariiroo Kanaadaa fi Ameerikaatif maal jechuudha? isa jedhu . Michummaan biyyoota laman giddu jiru qaraxa gama dinagdee Tiraampiin buuseen raafameera.