MM Kanaadaa Maark Kaarnii hariiroon US waliin ture obba'eera jedhan

Ministirri Muummee Kanaadaa dhihoo kana filaman hariiroon kanaan dura biyyasaanii fi US gidduu ture xumuramuu ibsan.
Hariioon isaan jedhan kun kan ''walta'iinsa diinagdee, nageenyaa fi humna waraanaa irratti hundaa'e,'' ture.
Diinagdeen Kanaadaa akkaataa taarifa haaraa Pirezidanti Tiraamp kaa'an dandamachuu danda'uun akka haaraatti ijaaramuu qaba jedhan.
Kanaadaanis gamasheen taarifa kaa'uun haaloo ni baati jedhan qondaalli kun ibsa gaazexeessitootaaf kennan.
Taarifi kaa'anis diinagdee US irratti ''dhiibbaa guddaa'' kan qabaatu ta'uu ibsan.
Tiraamp Roobii darbe konkolaattotaa fi qaamolee konkolaattotaa alaa galan irratti gibira dhibbeentaa 25 dabaluu ibsaniiru.
''Kun dhaabbiidhaan itti fufa,'' jedhan Tiraamp.
MM Kanaadaa gamasaaniin waliigaltee meeshaalee awutoomootiivii kana bara 1965 biyyoonni lameen waliif mallatteessan (Canada-US Automotive Products Agreement) jireenyasaanii keessatti waliigaltee akkaan murteessaa ta'uu ibsaniiru.
''Sun egaa sababa taarifa kanaa obba'eera,'' jedhan.
US gibira dabaltus Kanaadaan oomishaalee awutoomootiivii ittuma fufti kan jedhan qondaalli kun, diinagdee biyyattii kan olaantummaan to'atu uummata biyyattii ta'uu ibsan.
Adeemsi kun eenyu waliin hariiroo daldalaa akka cimsan kan of keessaa qabu ta'uus eeran.
Kanaadaan hariiroo daldalaa US waliin itti fufuun turree kan ilaallu ta'a jechuunis yaada kana rarraasanii hambisan.
MM Kaarniin kanumaan dhimma taarifa meeshaalee gara biyya keessaa seenanii irratti dabaluu fi akkamiin akka qolatan qabxii ijoo duula na filadhaa isaanii godhatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maark Kaarnii MM duraanii Jastin Turuudoo kan bakka bu'an yoo ta'u filannoon waliigalaa ammoo ji'a dhufu keessa, Ebla 28, gaggeeffama.
US oomishaalee Kanaadaa irraa seenan hunda irratti gibira dhibbeentaa 25 dabalteetti. Oomishaalee aluuminiyeemii fi sibiilaa irrattis dhibbeentaa 25 dabalte.
Kanaadaanis oomishaalee US hundarra waliigalatti taarifa doolaara Ameerikaa biiliyoona 42 ta'u kaa'uun haaloo baateetti.
Waayit Haawus akka ibsetti taarifi haaraan Ebla dhufu gaafa bultii 2 hojiirra oola. Konkolaattota gara biyyaa galchuurratti jijjiiramni taasifame ammoo guyyaa itti aanu.
Tiraamp Kamisa kaleessaa (Bitootessa 27, 2025) Gamtaan Awurooppaa fi Kanaadaan tokkoomuun US irratti waraana daldalaa akka hin banne akeekkachiise.
Yoo akkas godhan taarifa kana ammaarra akkaan caalutu isa eeggata jechuun itti dhaadate Tiraamp.
US bara darbe qofa konkolaattota miiliyoona saddeet Kanaadaa irraa galchite. Daldalli kun doolaara Ameerikaa biiliyoona 240tti tilmaama.












