Tiraamp hayyama jireenyaa dhaabbii US dolaara miiliyoona 5'nin dureeyyiitti gurguruuf

Donaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp sagantaa viizaa dureeyyiif qophaayee hojiirra oolaa ture sagantaa haaraa 'gold card' jedhamuufi dureeyyiin lamummaa US doolaara miiliyoona shan kaffalanii akka argatan hayyamu hojiirra oolchuuf yaada dhiyeessan.

Tiraamp rippoortarootatti wayita dubbatan sagantaa ''EB-5'' jedhamuufi investaroota biyya ormaaf kennamu sagantaa haaraa US keessatti hojii uumuun bakka buusuuf akka jiran ifa godhan.

Sagantaan kun 'gold card' jedhamee ibsameera. Abbootiin qabeenyaa biyyoota biroo US keessatti hayyama jireenyaa dhaabbataa ykn 'green card' akka qabaatan godha. Abbootiin qabeenyaa kun US keessatti invest gochuuf waadaa galuutu irra jira.

''Gold Card gurguuruuf deemna. Gatiin kaardii kanaa gara $5 million ta'a'' jedhan Tiraamp.

Sagantaan kun hayyama jireenyaa dhaabbataa kennuun, ulaa guddaa lammummaa US argachuu akka uumus himan.

''Dureeyyiin kaardicha bitachuun gara biyya keenyaa dhufu'' kan jedhan Tiraamp, qabiyyeen sagantaa kanaa guutuun isaa torban lama keessatti ifa akka godhamu dubbatan.

Sagantaa kanaa tukjaaronni Raashiyaas hiree argachuufi dhiisuu wayita gaafataman hireen kun isaaniifis banaa ta'uu himan. ''Tujaaronni Raashiyaa namoota gaggaarii ta'n jiru'' jedhan.

Sagantaan duraanii dureeyyiif qophaaye EB-5 bara 1990 kongireesii biyyattiin fudhatama argatee tajaajila lammummaafi Immigireeshinii USn investarootaaf viizaa kennaa ture jedha gabaasni Rooyitarsi.

Sagantaan kun dureeyyii biyyoota adda addaa hawwachuun hojii guddoo US keessatti uumeen diinagdee biyyaa dadammaqseera.

Hogganaan damee daldalaa biyyattii Hoowaard Laatniik sagantaan EB-5 maallaqa xiqqaan hayyama jireenyaa kennuutti ture jedhanii waan amananiif Tiraamp isa haquuf murteesseera jedhe. Sagantaan kun 'Tiraamp gold card' waan jedhamuun bakka bu'a jedhan qondaalli kun.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.