Yukireen qabeenya albuudaa Tiraamp dhaadatuuf irratti US waliin waliigaltee taasisuu himte

Albuuda Yukireen

Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

Yukireen Ameerikaa waliin waliigaltee albuudaa olaanaa taasisuuf hayamamtuu aangaa'aan biyyattii BBCtti hime.

Aanga'aan kun akka jedhanitti, waliigalteen Yukireen Ameerikaa waliin taasifte kun kan marsaa jalqabaa yoo ta'u, ''kan bu'aa gaarii argamsiisuu danda'udha'' jedhan.

Akkas haa jedhan malee aanga'aan kun waa'ee waliigaltichaarratti gadi fageenyaan hin ibsine.

Miidiyaaleen akka gabaasanitti, Ameerikaan doolaara biiliyoona 500 kan gurgurtaa albudicharraa argamu kan dhunfaashee gochuuf gaaffii dhiyeessitee turte dhiiftulleen, Yukireen biyya waraanaan miidhamtefeef eegumsa gochuuf waadaa hin galle.

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gitasaanii Yukireen Volodmiir Zelenskiin torban kana keessa gara Waashingitan dhaqanii waliigaltee akka mallatteessaniif eegaa jiraachuu dubbatan.

Dureewwan lamaan torban darbe keessaa jechaan wal waraanuu keessa galanii akka turan ni yaadatama.

Tiraamp Kibxata kaleessaa haasaa taasisaniin, waliigaleerra gahusaanii dubbachu baatan illeen, haala waliigaltichaatiin Yukireen ''mirga waraanaa itti fufuushee ni argatti'' jedhan.

''Baayyee gootoota'' jechuun gaazexessitootatti kan dubbatan Tiraamp, haata'u malee ''deeggarsa maallaqaa fi waraanaa Ameerikaa malee waraanni kun yeroo gabaabbaa keessatti xumuramuu hin danda'u'' jechuun yaada kennan.

Deeggarsi meeshaa waraanaa Ameerikaan Yukireeniif taasiftu itti fuufaa laata jedhamuun kan gaafataman Tiraamp, ''tarii hanga Raashiyaa waliin waliigalteerra geenyuutti... waliigaltee qabaachuu qabna. Ta'u baannaan itti fufa'' jedhan.

Erga waliigalteen taasifameen booda Yukireen keessatti ''humni nagaa kabachiisaa'' akka bobbaafamu kaasan.

Tiraamp torban darbe keessa Pirezidantii Yukireen Zelenskiidhaan ''abbaa hirree'' jechuun dubbiin xuquunsaanii ni yaadatama. Itti dabalunis waraanichi eegaluudhaanf itti gaafatamtuun Raashiyaa osoo hin taane Yukireen jechuun qeeqanii ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kunis kan ta'e doolaarri biiliyoona 500 kan gurgurtaa albuuda Yukiren irraa argame nuuf ta'e jechuudhaan gaaffii Ameerikaan dhiyeessite erga Yukireen kiffifteen booda ture.

Zelenskiin gamasaatiin Pirezidantiin Ameerikaa ''nama addunyaa dogongoraa'' keessa jiraatuudha jechuun ni yaadatama.

Tiraamp galiin albuuda Yukireen irraa argamu Ameerikaaf ta'u qaba jechuun gaaffii kan kaasan Ameerikaan tibba waraanaatti Yukireeniif maallaqa olaanaa deeggarsa taasisuun wal qabateedha.

Tiraamp, Ameerikaan deeggarsi Ameerikaan Yukireeniif taasifte doolaara biiliyoona 300 hanga 3500 ta'u akka danda'u Kibxata dubbataniiru.

Faayinaanshiyaal Taayimsi akka gabaaseetti, Yukireeniifi Ameerikaa jidduutti waliigalteen albuudaa taasifamulleen dhimmichi ganaa jalqabarratti argama.

Ofii Yukireen albuuda attamii qabdii?

Albuudoota ''dheedhii murteessoo addunyaa kanaa'' keessaa parsantaa shan kan ta'u Yukireen keessatti argama jedhamee yaadatama. Isaanis:

  • Kuusaa giraafiitii mirkanaa'e toonii miiliyoona 19 kan elektirikii baatirii konkolaattota hojjechuuf oolu,
  • Kuufama litiyeemii Awurooppaa hunda keessaa harka sadii, qaama ijoo baatirii amma jiru keessatti.

Weerara Raashiyaatiin dura ammoo oomishin tiitaaniiyemii kan xiyyaaraa kaasee hanaga buufataalee annnisaa ulfaatina salphaa qaban ijaaruudhaaf ooluu addunyaa keessaa parsanataan torba akka qabdu himama.

Kana malees Yukireen kuusaa alboodata qaalii hedduu akka qabdu himama.

Isaaniis meeshaalee waraanaa, tarbaayinoota humna qilleensaa, elektirooniksii fi kanneen biroo meeshaalee addunyaa hammaayyaa irratti tajaajilan alboodota gara 17 ta'an akka qabdu ibsameera.

Kuufamni albuudaa muraasni Raashiyaan to'atameera. Akka Ministirri Diinagdee Yukireen, Yuuliyaa Svyrydenko jedhanitti, qabeenyi doolaara biiliyoona 350tti tilmaamamu har'as naannoo Raashiyaan qabatte keessa jira.