US balaaleeffannaa yeroo cimsiteetti waraaanni Awuroppaa Yukireen keessatti nagaa mirkaneesuu danda'aa?

Madda suuraa, PA Media
Raashiyaa fi Ameerikaan waraana Yukireeniitti xumura gochuudhaaf wayita marii jalqabanitti, hoggantoonni Awurooppaa ammoo dhukaasa dhaabuun kamiyyuu karaa ittiin nagaa waaraa fiduu itti mirkaneessan irratti mari'achaa turan.
Haata'u malee, ergamni nagaa eegsisuu yeroo kamuu caalaa waggoota 30 darban keessatti waraanni Awurooppaatiif qormaata ta'uu akka danda'u xiinxaltoonni waraanaa BBC'tti himan.
Doonaald Tiraamp torban darbe haasaa bilbilaa gara daqiiqaa 90n booda, Vilaadmir Puutiin waliin wal arguuf akka yaadan beeksisuu isaanii hordofuun, Kiiv fi michootashee Awurooppaa biratti waliigalteen hirmaannaa isaanii malee raawwatamuun lola haaromsa ykn gara fuula duraatti waldhabdee guutuu ardii kanaatiif balbala banuu danda'a jedhu guddachaa dhufeera.
UKn haaluma qaama waliigaltee nagaatiin nageenya Yukireen mirkaneessuu gargaaruuf biyyattii keessatti loltoota lafoo bobbaasuuf "qophii fi fedhii qabdi" jedhan Ministirri Muummee Siir Kiir Istaarmar Dilbata darbe.
Kunis yaada jalqaba waggaa tokko dura pirezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakrooniin dhiyaatee deebisee kaasan.
Haa ta'u malee, walgahii ariitiidhaan gitasaanii Awurooppaa waliin Wiixata Paaris keessatti waamamee booda, yaada kanarratti qoqqoodinsi uumamuu erga gabaafame booda, Siir Kiir waliigaltee nagaa kamiyyuu irratti haleellaan Raashiyaan Yukireen irratti kana booda raawwattuu akka dhaabbatuuf "deeggarsi Ameerikaa" akka barbaachisu cimsanii dubbatan.
US loltoota mataashee erguu irraa kan of qusattee yoo ta'u, itti gaafatamummaa nageenya Yukireen mirkanneessuun itti gaafatamummaa Awurooppaa akka ta'e cimsitee dubbatteera.
Kunis hirmaannaa Ameerikaa malee ergamni nagaa eegsisuu itti fufuu danda'uu fi dhiisuu isaa irratti shakkii uumeera.

Madda suuraa, PA Media
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Lakkoofsi kun eessaa akka dhufu na ajaa'ibsiisa. UKn birgeedii tokko bobbaasuu fi itti fufsiisuu dandeessi, kunis gara namoota 5,000 ta'a," jechuun Dr Firaank Ledwidge, qondaala basaasa waraanaa Biriteen duraanii fi ergama nagaa eegsisuu NATO Bosniyaa fi Koosovo keessatti hirmaatan BBC News Russia'tti himan.
"Bosniyaa kan bal'inni kudhan keessaa harki tokko Yukireen taate keessatti, garee guddaa Ameerikaa fi garee guddaa lammiilee Biriteen hidhannoo guddaa qaban dabalatee, loltoota nagaa eegsisan 60,000 qabna turre. Waraanni Ingilizii yeroo sanaa baayyinsaa walakkaa waan ta'eef, hidhannoo gaarii kan qabne ture," jechuun Dr Ledwidge dabalanii ibsan.
Baay'inni humna nagaa eegsisuu fi murteessummaa isaa, eegumsi Ameerikaa milkaa'ina ergamoota darban mirkaneesse jechuun ibsaniiru.
"Ergama nagaa eegsisuu keenya hunda keessatti isaan nu sodaataa turan, nutis garuu waan sodaannu hin qabnu. Ameerikaanoonni deeggarsa keenya akka qaban mirkanaa'eera" jechuun Dr Ledgwidge tajaajila isaanii Yugoslavia duraanii eeruun yaadataniiru.
''Kunis ammoo haala cimaafi baayyee balaafamaa kanaan dura Boosiniyaa -Kosoovoo keessatti nu mudatee caalaati. Kan Iraan ykn Afgaanistaan caalaa akka ta'en shakka'' jechuun akeekkachisan.
''Yoo haleellaa dirooniitiif ittisa waliigaltee qabaanee fi loltoonni bobbaafaman kan nageenya loltoota keenyaa eeguuf gahaa yoo ta'an malee loltoota hin bobbaafnu.''
Yaaddoowwan kunneen jiraatanis, namoonni tokko tokko UKn akka kaka'umsaatti socha'udhaaf fedhii qabaachuu ishee hirmaannaa bal'aa Awurooppaatiif akka kaka'umsaatti socho'uuf akka gaariiitti ilaalu.
Imbaasii Biriteen Moskootti argamutti itti gaafatamaa waraanaa kan turan, Joon Foormaan, hoggansi Biriteen namoota biroo akka hordofan jajjabeessuu danda'a jedhanii amanu.
"Biriteen tarii loltoota hanga kuma 10 gara Yukireen erguun ishee hin oolu. Biyyoonni Awurooppaa dadhaboo ta'an akka hirmaatan waadaa galchuu qabna," jedhan.
UK fi Faransaayiin alattis miseensonni NATO Awurooppaa biroo kamtu humna nagaa eegsisuuf akka gumaatan ammallee ifa miti.
Yaa'ii Paaris booda haasawa taasisaniin, Chaansilarri Jarman Olaaf Scholz ''marii kana ammatti gochuun yeroo malee fi guutummaatti dogoggora'' jedhan.
Haata'u malee Scholz'n yeroonsaa kan filannoo Jarmaniin Dilbata dhufu sababii gaggeeffamuuf akkasumas haalli marii nagaa mirkanaa'uu dhabuu irraa dhiibbaa qabaachuu mala ta'u hin ibsine.

Madda suuraa, Reuters
Ameerikaatti aantee miseensi NATO waraana guddaa lammaffaa qabdu Turkiyaan, hanga ammaatti ergama ta'uu irratti ejjennoo qabdu hin ibsine. Ollaan Yukireen Poolaandi waraana NATO sadarkaa 3ffaa kan qabdu yoo ta'u, kanaan dura humna ishee erguu irraa of qusatteetti.
Xiinxaltoonni biyyoota ijoo kanneen malee, miseensonni NATO hafan walumaa galatti loltoota 30,000 erguu akka danda'an tilmaamaniiru. Kunis baayyiina waraanaa kuma dhibbaan lakkaa'aman kan Pirezidaantiin Yukireen Volodymiir Zelenskiin ni barbaachisa jedhan irraa baay'ee xiqqaadha.
Tokko tokkos kutaalee ijoo sarara adda waraanaa eeguun, humnoonni Yukireen gahee giddugaleessaa taphachuun, hanga baayyina loltootaa barbaachisuu sana hir'isuu danda'a jechuun falmu.
Istarmar torban dhufu Waashingitan daawwachuun Tiraamp waliin wal arguuf kan jiru yoo ta'u, karoora isaanii kanaafis deeggarsa ni barbaadu jedhamee eegama.
Gorsaan imaammata alaa, pirezidaantii Ameerikaatti dhiheenya qaban Fireed Fileitz sagantaa BBC Radio 4's Today'tti akka himanitti, ''dhiyeessii arjummaa ajaa'ibaa ministira muummee keessanii'' fi ''gumaacha ajaa'ibaa'' ta'a jedha.
Raashiyaan tarkaanfii akkanaa obsuu fi dhiisuu ishees dhimma biraati. Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sergee Laavroov loltoonni biyya alaa biyyoota NATO irraa Yukireen keessatti bobbaasuun isaanii ''fudhatama akka hin qabne'' ibsaniiru.
Kan alaabaa adda addaa jalatti socho'an ta'an illeen, Moskoon akka babal'ina gamtichaatti akka ilaaltu akeekkachiisaniiru. Kanaanis Puutiin weerara guutuu kanaaf sababa dhiheesse mirkanneessuudhaaf.
Gama biraatiin biyyoonni Awurooppaa marii nagaa irraa kan hafe yoo ta'u, qondaaltonni Raashiyaa fi Ameerikaa hirmaannaa isaanii malee walga'aniiru.
Gaaffiin ijoo amma jiru yoo Sa'udii Arabiyaa keessatti dhukaasa dhaabuun mirkanaa'e Awurooppaan barbaachisuummaa waraana nagaa eegsistoota gara Yukireenitti erguu Ameerikaa amansiisuudhaaf humna gahaa qabaachuu isaaniti.
Hanga ammaatti yoo xiqqaate, Raashiyaan gahee Awurooppaa waraana kana furuu caalaa dheeressuu akka ta'etti ilaalti.












