Wantoota 17 Tiraampii fi gareen isaanii torban kana keessa hojjatan maal?

Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp erga yeroo lammaataatiif aangootti deebii'ee torban sadi, garee isaa tarkaanfii hedduu fudhate.
Fakeenyaaf Gaazaarratti fedhii qabu beeksisuu, gargaarsa biyya alaa daangessuu, falmii goolfii keessa seenuu fi dubartoota saala jijjiirratan dorgommii ispoortii irraa dhorkuu dabalatee, Tiraamp gorsaan isaanii Eloon Maask fi gareen isaanii ajandaa isaanii dabarsuuf dhiibbaa hedduu gochaa jiru.
1. Ameerikaan Gaazaa 'fudhachuu' yaada dhiheesse

Madda suuraa, Getty Images
Kibxata darbe Waayit Haawusitti muummicha ministeera Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu waliin ibsa waloo kennaniin, Tiraamp Ameerikaan ''Gaazaa akka fudhattu'' fi "akka dhuunfattu" dubbatan.
Tiraamp naannoo ji'oota 15'f waraanan miidhamte kana ijaaree ''Riviyeraa Baha Giddu Galeessaa'' akka godhu yaada dhiyeessan.
Tiraamp Kamisa darbe miidiyaa hawaasummaa irratti kanuma irra deebi'anii dubbatan, "Yeroo waraanni xumurame Israa'el Gaazaa dabarsitee Ameerikaatti kenniti," jedha
Filisxeemonni yeroo ammaa achi jiraatan bakka biraa akka qubsiifaman ibseera.
Traamp buqqa'iinsi kun bara baraaf akka ta'u yaada dhiyeessan. Garuu qondaaltonni bulchiinsasaa boodarra bakka biraatti jijjiiruun yeroodhaaf qofa akka ta'e himan.
Namoota nagaa dirqiin biyyaa ari'uun seera idil-addunyaa cabsuu ta'a.
2. Hojjettoonni USAID kumaatamaan lakkaa'aman hojii dhaabanii boqonnaarra akka ta'an ajaje

Madda suuraa, Getty Images
Bulchiinsi Prezidaant Doonaald Tiraamp hojjettoota USAID10,000 keessaa 300 qofa hambisee kaan hojiirra ari'uu akka karoorfate maddeen Rooyitarsiif himaniiru.
Jijjiiramni kun Jimaata halkan ta'a jedhamee eegama ture garuu yeroodhaaf abbaa murtiitiin uggurame .
Tarkaanfin kun gargaarsa addunyaa kan dhaabe yoo ta'u, sagantaaleen dhibbaan lakkaa'aman biyyoota addunyaa keessatti addaan kute.
3. Chaayinaa irratti taarifa kaa'ee doorsisa biyyoota ollaa dhiise

Madda suuraa, Getty Images
Tiraamp Kibxata darbe meeshaa Chaayinaa irraa galan irratti taarifa haaraa %10 kaa'aniiru.
Garuu doorsisa taarifa %25 meeshaalee Kanaadaa fi Meksikoo irraa dhufan irratti kaa'uuf dubachaa ture guyyoota 30'f dhaabuu ibse.
Kunis erga hoggantoonni biyyoota sanaa nageenya daangaa akka ifoomsan waadaa galaniin booda.
Ministirri Muummee Kaanaadaa Jastiin Tiruudoo godaansa fi qorichi lubbuu namaa galaafatu Fentaanyiliin US akka hin seenne daangaa Ameerikaa fi Kaanaadaa cimsanii akka eegan irratti walii galan.
Prezidaantiin Meeksikoo Kilaawudiyaa Sheenbaam daangaa kaaba biyyattii loltootaan jabeessuuf walii galan. US gama isheetin qawwee gara Meksikoo seenu daangessuu danda'a.
Taariifni ogeeyyiin qaala'iinsa jireenyaa hammeessuu danda'a jedhanii yaada dhiyeessan kun, yaada Tiraamp filannoo Sadaasan dura dhiheese.
4. Hojjettoonni federaalaa akka aangoo gadhiisan kakaase
Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraaamp hojjattoota waajiralee federaalaa fedha isaaniin hojii gadhisuu barbaadaniif mindaa ji'a saddeetiin kenninaaf jedhan.
Kunis lakkoofsa hojjettoota mootummaa federaalaa xiqqeessuuf yaadameeti.
Haa ta'u malee, abbaan murtii Ameerikaa yeroodhaaf karoora kana dhaabe.
Hojjettoonni siiviilii miliyoona lamaa ol ta'an haala waliigaltee kanaan naasuu keessa galaniiru.
Qeeqxonni seera qabeessummaa yaada kanaa gaaffii keessa galchuun waldaaleen hojjettootaa federaalaa miseensonni waliigaltee kana fudhachuu irratti of eeggannoo akka godhan gorsaniiru.
5. Mana Murtii Yakkaa Idil- addunyaarra qoqqobbii kaa'e

Madda suuraa, Getty Images
Kamisa darbe Traamp hojjettoota Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) irratti qoqqobbii akka kaa'an ajaja mallatteessan.
Qoqqobbiin kun namoota namoota lammiilee Ameerikaa ykn michoota isaanii irratti qorannoo geeggesan irratti uggura maallaqaa fi viizaa kaa'a.
Manni murtii Heeg keessatti argamu kun himannaa duguuggaa sanyii, yakka dhala namaa irratti raawwatamuu fi yakka waraanaatiin himannaa addunyaa fida.
Haa ta'u malee, Ameerikaafi Israa'el miseensa miti.
Dhiheenya kanas Hamaas fi MM Netaaniyaahuun yakka waraanaa Gaazaa keessatti raawwatan jechuun ajaja hidhaa kenne.
6. Gareen IS Somaaliyaa keessaa xiyyaaraan akka haleellamu ajaje
Doonaald Tiraamp Somaaliyaatti haleellaan qilleensaa Gareen IS irratti akka raawwatamu Guraandhala 1 ajajuu ibse.
Tiraamp miidiyaa hawaasaa irratti ''Ajjeefitoonni holqa keessa dhokatanii arganne kunneen Ameerikaa fi Michoota keenya doorsisaniiru.''
"Haleellaan kunis holqa isaan keessa jiraatan barbadeessuun, osoo karaa kamiinuu, namoota nagaa hin miidhiin, shororkeessitoota hedduu ajjeeseera," Jedhe.
Haata'u malee, BBC'n gabaasa kana battalatti addatti mirkaneessuu hin dandeenye.
7. Dhaabbilee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessaa of baasan
Tiraamp dhaabbilee UN hedduu keessatti hirmaannaa Ameerikaa xumuruuf tarkaanfii fudhataniiru.
Kibxata darbe Tiraamp US Ejensii Baqattoota Filisxeem, ykn UNRWA keessaa akka baatu mallatteessaniiru.
Akkasumas US Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNHRC) keessatti hin hirmaattu jedheera.
US guyyoota 90 keessatti miseensummaa dhaabbata barnootaa, saayinsii fi aadaa UN (UNESCO) qorannoo akka gaggeessu dubbataniiru.
8. Namoota Ameerikaarra ari'aman xiyyaara jalqabaa gara Guantanamo erge

Madda suuraa, Getty Images
US godaantotaa Ameerikaarra ari'aman gara Guantanamo Bay ergite. Kunis erga Tiraamp buufata humna galaanaa Ameerikaa Kuubaatti argamu kanatti gondaantota hidhuuf akka babal'isuuf karoora isaanii beeksisaniin booda.
Buufatni Galaanaa kun waggoota kurnaniif godaantoota lakkoofsa xiqqaa qabachuuf itti fayyadamaa ture. Tiraamp namoota 30,000 qabachuuf akka babal'atu barbaadu.
9. Yukireen deeggarsa argachuuf albuuda akka kennitu gaafatame
Wiixata Tiraamp, Yukireen deeggarsaa waraanaaf maallaqa doolaara biliyoona 300 (£240bn) Ameerikaarra argachuuf albuuda baay'ee hin argame fi adda ta'e akka kennitu gaafatan.
"Yukireen waliin waliigaltee gochuuf waan jirruuf albuuda fi wantoota biroo akka nuuf kennitu mirkaneessuuf deemna,'' jedhan Tiraamp.
Yukireen kuufama guddaa yuuraaniyeemii, litiyemii fi titaaniyaamii kan qabdu yoo ta'u, kunis oomisha ittisaa fi elektirooniksiitif fayyadamuu ni danda'ama jechuun CBS gabaaseera.
Pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelensky biyyi isaanii invastimantii dhaabbilee Ameerikaatiif banaa ta'uu ibsaniiru.
10. Namoonni saala jijjiirratan ispoortii dubartootaa irraa dhorkaman
Doonaaldi Tiraampi namoonni saala isaanii jijjiirrachuun dubartii tahan akka dorgommii ispoortii dubartootaa keessatti hin hirmaanneef aangoo pirezidantummaa isaanii fayyadamuun mallatteessan.
Ajaja pirezidantichi dabarse qajeelfama, danbii fi hiikaa seeraa qaba. Ministeerri Barnootaa manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa seera kana hin kabajne akka qoratuuf ajaji darbeera.
Tiraampi akka jedhetti murtoon kun dorgommii Olompikii 2028 irrattis akka hojjetu himan.
Dorgommichi Loos Anjelesitti gaggeeffama. Namoonni saala jijjiirrachuun dubartii tahan dorgommicha irratti hirmaachuuf gara US dhufuuf yoo jedhan akka viizaa hin argane himan.
11. Bishaan hidhaalee Kaalifoorniyaa irraa gadhiise
Ibidda Amajjii keessaa Los Anjeeleesitti ka'ee hordofee, Tiraamp, bishaan liitrii biliyoonaan lakkaa'amu kuufamaa Kaalifoorniyaa lama keessaa akka gadhiisan Koreen Injinaroota Waraanaa ajajan.
Tiraamp Kaalifoorniyaan dhiyeessii bishaanii ibidda dhaabuu irratti jijjiirama fiduu danda'u dhorke jedhanii turan .
Ogeeyyiin fi qondaaltonni bishaan gara Los Angeles yaa'uu waan hin dandeenyeef lafaatti baduu akka hin oolle dubbatan.
Miseensi Kongiresii Ameerikaa Ted Lieu, bishaan hidhaa keessa jiru osoo hin gadhiifamin dura, "yeroo gannaa qonnaan bultoota baraaruf fayyadamuuf ture." jedha
12. Koree 'loogii farra-kiristiyaanaa' furu labse
Tiraamp "bilisummaa amantii Ameerikaa eeguu fi farra kiristaanaa mootumaa keessatti xumuruuf" ajaja hojii raawwachiiftuu mallatteessaniiru.
Tiraamp kadhannaa biyyaalessaa Waashingitan DCtti qophaa'e irratti yaada erga kennanii booda ajaja kana mallatteessan.
13. Falmii goolfii keessa seene

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan goolfii cimaa kan ta'ee fi addunyaa irratti koorsii hedduu kan qabu Tiraamp, waldhabdee qindeessitoota shaampiyoonaa gidduutti jiru furuuf gidduu seene.
Torban kana PGA Tour akka jedhetti, Tiraampiin akka gidduu seenu erga gaafateen booda, LIV Golf waliin ''waliigaltee'' irraa gahuu ibseera.
Gaarummaa taphichaa, biyyattii, fi biyyoota dhimmicha keessa jiran hundaaf akka hirmaatu Pirezidaantichi gaafanneerra,'' jedha ibsichi.
14. Jijjiirama qilleensaa marsariitiiwwan mootummaa irraa kaafamu ajaje
Torban darbe irraa eegalee bulchiinsi Traamp marsariitiiwwan ejensii mootummaa Ameerikaa wabii jijjiirama qilleensaa akka kaasan ajaje.
Marsariitiiwwan Kutaalee Geejjibaa, Ittisaa, Naannoo fi Qonnaa, kan tajaajila bosona bulchu irratti dhiibbaa uumeera jechuun The Guardian gabaaseera.
Torban kana keessa hojjettoonni bulchiinsa galaanaa fi hawaa (NOAA) yeroodhaaf lammiilee biyya alaa waliin akka wal hin qunnamne ajajamuu isaanii miidiyaaleen Ameerikaa gabaasan.
Jijjiiramni kun kan dhufe erga hojjettoonni Kutaa Gahumsa Mootummaa Eloon Maaskin durfamu (DOGE) waajjiraalee NOAA seenanii marsariitiiwwan ejensichaa qabataniin booda.
15. Qaqqabummaa Maask dabale
Jimaata darbe, Prezidaant Doonaald Traamp baasii Ministeera Ittisaa dabalatee baasii mootummaa federaalaa akka hir'isuu Maask gaafate.
''Pentagon, barnoota, waan hundarraa hir'isi." jedhan Tiraamp yeroo ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin.
Bulchiinsi Tiraamp, Maask sirna kaffaltii Ameerikaa kan waggaatti maallaqaa doolaara tiriliyoona to'atu akka to'achuu danda'u taasiseera jechuun miidiyaaleen Ameerikaa gabaasan.
16. Tiraamp, Baayidan odeeffannoo icciitii akka hin arganne godhe
Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp, Joo Baayidan odeeffannoo icciitii biyyaatti ta'aniif ibsa basaasaa guyyuu akka hin arganne haquu ibse.
Waggaa afur dura Joo Baayidan akkanuma isa godhe.
Tiraamp barreeffama waltajjii hawaasummaa isaanii Truth Social jedhamurratti, ''Joo Biideen odeeffannoo icciitii argachuu itti fufuun hin barbaachisu,'' jechuun barreesse.
"Joo, hojiirraa ari'amte," jechuun jecha yeroo sagantaa televizyinii 'The Apprentice' jedhamurratti beekamuun itti dabale.
17. Paam Boondiin malaammaltummaa fi filannoo gidduu seenuun garee hojii FBI diigde
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbaan Alangaa Waliigalaa Tiraamp, Paam Boondiin torban kana humna filannoo keessa gidduu seenummaa biyyoota alaa akka hin jiraannee ittisuuf hundaa'ee, akkasumas ijaarsa biraa oliigaarkii Raashiyaa irratti xiyyeeffate diiganiiru.
Ajaja guyyaa jalqabaa Boondiin aangoo qabatteen mallattaa'een, taask foorsii dhiibbaa biyyoota alaa FBI, kan filannoo Ameerikaa keessatti jidduu seenummaa biyyoota alaa ittisuuf irratti kaayyeffate, hojjettoonni isaa akka to'annoo yakka dhaabbilee qoricha sammuu hadoochan dadabarsanii fi yakkoota biyyoota alaarratti akka xiyyeefataniif irra deebi'anii ramaduu diigde.
Ajajni kun "dhimmoota baayyee dursi kennamuuf furuudhaaf qabeenya bilisa gochuu, akkasumas balaa meeshaa waraanaa dabalaa jiruu fi mirga abbaa alangaa fayyadamuu ni xumura" jettee jirti.
Boondiin, Task Force KleptoCapture jedhamu kan erga Raashiyaan Yukireen weerartee booda jalqabame diigdee jirti. Yaatii fi qabeenya biroo oliigaarkii Raashiyaa irraa fudhachuuf itti gaafatamummaan itti kennamee ture.












