Tiraamp gareen IS Somaaliyaa keessaa xiyyaaraan akka haleellamu ajaje

Madda suuraa, US Africa Command
Doonaald Tiraamp Somaaliyaatti gidduugala qajeelfamaa fi ajajaa garee Islaamummaa (IS) fi kanneen biroo irratti haleellaan qilleensaarraa akka raawwatamu ajaje.
Tiraamp miidiyaa hawaasaa irratti ''Ajjeefitoonni holqa keessa dhokatanii arganne kunneen Ameerikaa fi Michoota keenya doorsisaniiru.''
"Haleellaan kunis holqa isaan keessa jiraatan barbadeessuun, osoo karaa kamiinuu, namoota nagaa hin miidhiin, shororkeessitoota hedduu ajjeeseera."
Haata'u malee, BBC'n gabaasa kana battalatti addatti mirkaneessuu hin dandeenye.
Traamp namoota haleellaa jedhame kanaan irratti xiyyeeffatan keessaa tokkollee maqaa hin ibsine.
Pirezidantichis bareeffamasaanii kan xumuran: ''Ergaa ISIS fi kanneen biroo lammiilee Ameerikaa irratti haleellaa raawwataniif ''ISIN BARBAANNEE, ISIN AJJEEFNA!''
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Ministirri Raayyaa Ittisaa Piit Hegseet ibsa kennaniin, ''xinxala keenya jalqabaa haleellaa xiyyaaraa kanaan hidhattoonni hedduun kan ajjeefaman yoo ta'u, namoonni nagaa tokkollee akka hin miidhamnedha'' jedhan.
Hegseth akka jedhanitti, haleellaan kun dandeettii IS ''haleellaa shororkeessummaatiif shira xaxuu fi gaggeessuu'' daran kan gadi buusee'' akkasumas ''Ameerikaan yeroo hunda shororkeessitoota adamsuu fi dhabamsiisuuf qophii ta'uushee mallattoo ifa ta'e dabarsa'' jedhan.
Haleellaan qilleensaa kunis gaarreen Gooliis, kan kaaba Somaaliyaa keessatti argamu irratti akka raawwatame himaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiraamp bulchiinsa duraanii kan komatan yoo ta'u, waraanni Ameerikaa waggootaaf karoorsaa IS addaa kana irratti xiyyeeffatee akka ture ibsuun. Haata'u male, Joo Baayiden "fi michoonni isaa" atattamaan "hojiin akka hojjetamu hin goone. Ani hojjedheera!" jechuun himatan.
Humnoonni Ameerikaa bara 2023 keessa haleellaa Joo Baayidan ajajaniin, kaaba Somaaliyaa holqa gaarreen fagoo jiru keessatti hogganaa IS, Bilaal al-Sudaanii fi hidhattoota isaa 10 ajjeesanii ture.
IS bara 2010moota keessa keessumaa Sooriyaa fi Iraaq keessatti sadarkaa idil-addunyaatti sadarkaa olaanaa ka'ee kan ture yoo ta'u, amma garuu argamnisaa irra caalaa kutaalee Afrikaa qofa irratti daangeffameera.
Dameen IS Somaalee garee al-Shabab kan garee jihaadistoota guddicha Somaaliyaa al-Qaayidaa waliin hidhata qabu keessaa bahuudhaan bara 201tti ijaarame.
Akka Waajjirri Daarektarri Odeeffannoo Biyyaalessaa Ameerikaa jedhuutti, IS Somaaliyaa keessatti argamu namoota biyya keessaa saamuudhaan kan beekamu yoo ta'u, irra caalaa haleellaa xixiqqaa fi darbe darbe haleellaa raawwatu.












