Tiraamp har'aa kaasee Kaanaadaa, Meeksikoo fi Chaayinaarra taarifa kaa'uuf

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Guraandhala 1, 2025 irraa kaasee taarifii %25 Meeksiikoo fi Kaanaadaa irra akkasumas Chaayinaa irra ammoo %10 akka kaa'an Waayiti Hawuus beeksise.
Haata'u malee, Tiraamp boba'aa Kaanaadaa irraa gara US galu irratti taariifa %10 akka kaa'uufi kunis torban lamaan booda hojiirra kan oolfamu ta'u dubbatee ture.
Tiraamp biyyoota Gamtaa Awurooppaa Ameerikaa haala gaariidhaan hin keessuumMeessine jedhan irras taariifa kaa'uudhaaf karoora qabaachuu ibsaniiru.
Pireesi Sakreetariin Waayit Haawus Kaarooliin Liiviit taariifni Kaanaadaa fi Meeksikoo irra ka'ame sababa isaan "qoricha sammuu hadoochu fentaaniilii bitanii seeraan alaa biyya keenya akka seenuu fi akka raabsamu hayyamuudhaan lubbuu lammiilee Ameerikaa miliyoonaan lakkaa'aman balleesseetiif deebii kennuudha'' jedhan.
Tiraamp gamasaatiin, sababni tarkaanfiin kun fudhatameef godaantota seeraan alaa daangaa qaxaamuruudhaan gara biyyattii seenan hedduu kan sababeeffatee fi akkasumas madaallii hir'ina daldala biyyoota ollaa waliin jiru sirreessuu akka ta'e irra deddeebiin yoo dubbatan dhagahamu.
Pireesi Sakreetariin tun ibsa guyyaa Jimaataa Waayiti Hawuusiitti kennaniin, ''kunneenis kan pirezidantichaan waadaa galaman akkasumas kan haaluma waadaa seenaniitiin raawwatamaniidha'' jedhan.
Tiraamp tibba duula filannootti oomishaalee Chaayinaa irra taariifa hanga %60 akka kaa'an dorsiisanii ture.
Haata'u malee, guyyoota muraasa gara Waayiti Hawuusitti deebi'an keessatti tarkaanfii ariifachiisaa kamuu fudhachuurraa of qusachuudhaan, bulchiinsi saanii dhimmicha akka qoratuuf qajeelfama kennan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2018 irraa eegalee meeshaaleen Ameerikaan Chaayinaa irraa galchitu xiqqaachaa kan dhufe yoo ta'u, kanaafis ogeeyyiin dinagdee taarifa dabalaa walitti fufinsaan Tiraamp bara aangoosaa isa jalqabaa keessatti kaa'an irraa kan ka'e ta'uu himan.
Torban muraasaan dura qondaalli olaanaan Chaayinaa tokko, maqaadhaan Ameerikaa kaasuu baatulleen, Tiraamp gara pirezidaantummaatti deebi'uun isaanii, diinagdeewwan gurguddaa addunyaa kanaa lama jidduutti waraanaa daldalaa akka hinkaafneef akeekkachiisan.
Itti aanaan Ministira Muummee Chaayinaa, Ding Shueshiyaang Foramii Diinagdee Addunyaa Siwiizarlaand Daavoos keessatti taa'amerratti haasawa taasisaniin, biyyi isaanii waldhabdee daldalaatiif furmaata barbaadaa akka jirtuu fi daldala alaa galchiitu ammoo babal'isuu akka barbaaddu himaniiru.
Chaayinaan, Kaanaadaa fi Meeksikoon michoota daldalaa Ameerikaa olaanoo yoo ta'an, meeshaalee bara darbe gara Ameerikaatti galfaman keessaayis %40 kan qabu.
Taariifni cimaan haaraan kun waraana daldalaa guddaa cimsuufi US keessatti qaala'insa dabalu akka danda'u sodaatamaa jira.
Minstirri Muummee Kaanaadaa Jastiin Tiruudoo Jimaata darbe akka jedhanitti, "kun waa nuti barbaannu miti, garuu yoo inni gara fuulduraatti tarkaanfatee nutis tarkaanfii ni fudhanna" jedhan.
Kaanaadaa fi Meeksikoon kanaan dura taarifa Ameerikaa kanaaf tarkaanfii mataa isaaniitii fudhachuun deebii akka kennan kan dubbatan yoo ta'u, yaaddoo daangaa Ameerikaa gama isaanittii qabdu furuudhaafis tarkaanfii fudhachaa akka jiran Waashingitaniif mirkaneessuuf yaalaa jiru.
BBC'n yaada isaanii argachuudhaaf Imbaasii Chaayinaa kan Ameerikaatti argamu quunnamee ture.
Boba'aa Ameerikaan Kaanaadaa fi Meksikoo irraa galchitu irratti gibirri yoo dabalame, waadaa Tiraamp biyya keessatti baasii jireenyaa gadi buusuuf galan rakkoof saaxilamu mala.
Taarifa jechuun gibira galtee meeshaalee biyya alaattti oomishamanii gara biyya keessa galfaman irratti kaffalamuudha.
Meeshaalee biyya alaarraa gara biyya tokkootti galan irra gibira kaa'uun meeshichi qaala'aa waan adeemuuf carraan jiraattoonni biyya sanaa bitachuu danda'an xiqqaa ta'a jechuudha.
Yaadni isaa, bakka kanaa jiraattonni oomisha biyya keessaa gatii salphaadhaan bitachuun, dinagdee biyya akka guddisaniidha.
Haata'u malee, baasii taarifa anniisaa biyya alaatii galfamu irratti dabalamu daldaltootaa fi fayyadamtootaatti darbuu danda'a.
Kanaanis gatii boba'aa irraa kaasee hanga gurgurtaa nyaataa hundaatti dabaluu mala.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












