'Tiraamp dhiyeessi qoricha HIV/AIDS addaan kutuun Itoophiyaaf rakkoodha'- Ministeera Fayyaa

Zannabach Asfaaw

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Zannabacha Asfaaw (karaa bitaan kan jirtu) dhaabbata mit-mootummaa HAPCSO Finifinneetti qoricha farra HIV wayita nama vaayirasicha waliin jiraattuuf bara 2005 yeroo kennitu suuraa agarsiisu

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp qoricha farra HIV/AIDS dhaabuuf ajaja dabarsuun Itoophiyaa akka yaaddessu Ministeerri Fayyaa biyyattii BBCtti hime.

Bulchiinsi Tiraamp dhiyeessii qoricha farraa HIV/AIDS qofaa osoo hin taane dhiyeessi qoricha busaa fi qoricha daa'imman reefu dhalatanii biyyoota jaarmiyaa USAIDtiin deeggaramanitti addaan kutuu Rooyitars gabaase.

Murtoon kun akka tasaatti yoo hojiirra oole, ''Itoophiyaaf rakkoo hammaata ta'uu danda'a'' jedhan Itoophiyaatti Ittigaafatamaa ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS, Obbo Fiqaaduu Yaadataa.

Itoophiyaatti namoonni qoricha farra HIV/AIDS fudhataa jiran 600,000 ol akka ta'an kan eeran Obbo Fiqaaduun, kanaan dura qorichi kun bilisaan namoota dhibicha waliin jiraataniif Itoophiyaatti kennamaa ture.

Sadarkaa addunyaatti hanga xumura bara 2023tti namoonni miliyoona 39.9 vaayirasii HIV waliin akka jiraatan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibsee ture.

Haaluma walfakkaatuun, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa murtoon Pirezedantii Ameerikaa kun lubbuu namoota miliyoonaan lakkaa'amanii balaarra buusaa jedhee yaadda'uu ibse.

Qoricha farra farraa HIV AIDS

Madda suuraa, Getty Images

Qoricha farraa HIV/AIDS jiraachuun, ''namoonni vaayirasicha waliin jiraatan akkuma nama kaanitti akka jiraatanii fi daa'ima vaayirasicha irraa bilisa ta'an akka horataniif, jiruu idilee isaanii akka itti fufan gargaaru'' ibsan qondaal Ministeera Fayyaa Itoophiyaa BBCn dubbise kun.

Dhiyeessiin qoricha lubbu baraarsa kanaa dhibuunsa garuu rakkoo jabduu uumuuf akka deemu ibsan.

Dhiyeessiin qoricha farraa HIV/AIDS adda cituun lubbuu namoota vaayirasicha waliin jiraataniif balaa ta'uu fi tamsa'iina vaayirasichaas hammeesuu akka malu eeran.

Tatamsa'inni vaayirasichaa sadarkaa Itoophiyaatti %1n gadi irra jiraachuu kan ibse Dr Guushaa Balakkoo, Hogganaa Itaanaa Egumsa Fayyaa Naannoo Oromiyaa, Itoophiyaan waggoota kurnan darban keessa jijjiirama fooyyee galmeessu ibse.

Dhibeen AIDS ammalleen yaaddoo fayyaa cimaa ta'uu itti fufeera.

Haata'u malee, magaalota biyyattii keessatti tamsa'inni vaayirasichaa dhibbentaa sadirra jiraachuu eere.

Qorich farra HIV/AIDS kun tamsa'ina dhibichaa xiqqeessuu keessatti qooda guddaa gumaachuu eeran.

USAID'tti hogganaa duraanii 'global health' ji'a darbe dhaabbaticha gadhiisan Atul Gawaandi, tarkaanfiin Tiraamp kun, ''balaa hamtuudha'' jedhan.

''Qorichi arjoomaan kennamaa ture namoonni miliyoonni 20'n akka lubbuun turan gargaare. Kanatu har'a adda cita,'' jechuun Rooyitarsitti dubbatan.

Ajajni Tiraamp tibbana baasee kana ilaalchiise qabatamaadhaan dhibbaa attamii qabaachuu akka danda'urratti dhaabbanni gargaarsaa USAID'n garuu gaaffii Rooyitarsiif deebii hin kennine.

Itoophiyaan maal gochuu dandeessi?

Qondaalli Ministeera Fayyaa Itoophiyaa Obbo Fiqaaduun akka jedhanitti, qorichi farra HIV/AIDS bilisaan namoota vaayirasicha waliin jiraataniif kennamu fandii maallaqa idil-addunyaatiin deeggaramaa ture.

Dhaabbanni Ameerikaa PEPFAR (President's Emergency Plan for AIDS Relief) jedhamuun dhaabbilee Itoophiyaa keessatti argaman waliin ta'uun to'annoo HIV/AIDS fi dhibeewwan isa waliin hidhata qaban irratti hojjata.

Dhaabbanni gargaarsa Ameerikaa USAID akka jedhutti, waggoota15'n darban Itoophiyaatti to'annoo HIV/AIDStiif doolara biliyoona sadiitti dhiyaatu baasii taasise.

Murtoon Tiraamp yoo hojiirraa oole mootummaan Itoophiyaa fala isaarratti mariyachuu mala jedhan Obbo Fiqaaduun.

Dhibeen AIDS Itoophiyaatti, keessattu waggoota jalqabaa keessa, lubbuu namootaa fi jirenya maatii hedduu gaaga'uun rakkoo fayyaa, hawaasummaa, xiinsammuu fi diinagdee hamaa uumee akka ture ni yaadatama.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.