HIV: Oduu sobaa bara 2021 keessallee tatamsa'aa jiru

Doreen Moraa Morachaa

Madda suuraa, Doreen Moraa Moracha

Ibsa waa'ee suuraa, Doreen Moraa Morachaa

Paawol Torn waggaa kudhan dura yeroo dhumaatiif maatiisaa waliin yeroo wal argetti sodaa dhukkubni kun nutti darbuu mala jedhuun qodaa ykn saa'inaa inni itti nyaate ni gatu ture. Bara 1988 qoratamee akka HIV qabu bareen booda barnoota narsii barachaa ture addaan kute.

"Guutummaa umurii kiyya yeroon 20oota keessa jiru sodaanan dabarse," jedha.

Amma Mr Torn UK kessa jiraachaa kan jiru yoo ta'u, guyyaa guyyaan kininii isaa fudhachuufi waggaa keessatti si'a lama doktora isaa bira deemuurraan kan hafe waa'ee vaayirasichaa baayyee yaadateeyyu hin beeku.

Namoonni HIV waliin jiraachaa wallaansa argachaa jiraatan umuriidhuma sirrii namni qabaatu jiraachuu danda'u. Ilaalchawwan boodatti hafoofi dogogora ta'an akka qodaa ykn saa'inaa tokkotti waliin nyaachuun HIV nama qabsiisuu danda'a jedhan hafaniiru.

Haata'u malee, ammallee oduun soba tatamsa'aadhuma jiru.

'Kan fayyisu jira'

Dubartiin Keeniyaa irraa taate Doreen Moraa Morachaa HIV waliin dhalatte garuu bara 2005 keessa yeroo umuriin ishee waggaa 13 ta'u qoratamtee akka dhibeen kun dhiigashee keessa jiru barte.

Isaan booda beeksifni TV argan tokko akka namicha Taanzaaniyaa isheefi haadha isheellee HIV irraa nan fayyisa jedhu tokko bira deeman godhe.

"Qoricha baala irraa hojjetame inni gurguraa ture tokko dhugnee HIV irraa bilisa akka taane amannee deebine," jetti.

Achumaan qoricha HIV akka vaayirasichi dhiiga keessatti hin baayyanneef fudhachaa turtes ni dhaabde. Kun hanga sirni qaamashee dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu (immune) dadhabuun dhukkubbiin gogaasheerratti jijjiirama fiduufi nimooniyaan ishee qabuttidha.

Isaan booda HIV dhiigashee keessa jiru waan baayyateef dhukkubni biraan yoo ishee qabe akka ishee ajjeesuu danda'u doktorrishee itti hime.

Wal'aanamuu baannaan, HIVn akka gara AIDStti jijjiiramu taasisa. AIDSn ammoo dhukkuba akka qaamni dhala namaa dandeettii ofirraa ittisuu dhabu waan godhuuf dhibeenumti salphaa tokko akka nama miidhu taasisa.

Namichi ishee gowwoomse "waliin dhooftuu" akka ta'e ifa ta'eef. HIVn talaallii ykn qorichi fayyisu hin jiru, amantaan kan fayyisu jira jedhu garuu baramaadha," jedha pirezidantiin Hawaasa Aids Idil-addunyaa Dr. Adeebaa Kamarulzaman.

Dhiyeenya kana namoonni vaayirasicharraa fayyuun isaanii mul'achuun abdii uumeera.

Ji'a kana keessa, dubartiin Arjentiinaa tokko karaadhuma sirna qaama dhibee ofirraa ittisuu uumamaasheetiin HIV irraa bilisa ta'uusheetiin nama lamaffaa taateetti.

'Yeroo hunda dhukkuba namatti daddabarsuu'

Joosii Mensaah dubartii Gaanaati garuu sababa qoollifannaa irra gahurraan biyya Jarman deemte. Sababa dhibee fayyaasheerraa kan ka'een nama waliin hariiroo, akkasumas hojiishees dhabdeetti.

Qoollifannaan namarra gahu kan maddu ilaalcha dogongoraa namoonni HIV qaban yeroo hunda michuu jireenyaasaaniitti ykn daa'imatti ni dabarsu yaaddoo jedhudha, jetti.

"Namni tokko HIV ilaalchisee haala fayyaan isaa/ishee irra jiru miseensa maatiitti ykn michuu jireenyaatti himu/himtu.... namoonni ilaalcha dogongoraa takkaa poosetiiva taanaan, poosetiiva jedhamta waan ta'eef %100 bilisa hin taatu," jetti Joosii Mensaah.

Dhugaan jiru, farra HIV yeroo dheeraatiif erga fudhataniin booda dhukkubni kun guddaa waan hin jiraanneef (HIVn dhiiga isaanii keessa waan jiruuf qoricha umurii guutuu fudhachuun isaanirra jiraatullee) namoonni vaayirasicha kaanitti hin dabarsan.

Joosii Mensaah

Madda suuraa, Joyce Mensah

Ms Joosii Mensaah qoricha fudhataa osoodhuma jirtuu ijoollee afur qabdi. Ijoolleeshee kana keessaas tokkollee vaayirasii kanaan hin qabamne.

Guutummaa addunyaarratti, wallaansi waan babal'ateef carraan HIVn haadharraa gara daa'imaatti darbuu erga bara 2010 as walakkaadhaan irrateera.

Haata'u malee Gaanaa keessatti garuu, intalumti Joosii Mensaah dhiyeenya kana akkuma haadhashee vaayirasii qabdi waan ta'eef warra kaan faalti amantaa jedhuun mana barumsaatii ari'amtee akka manatti deebitu taasifamteetti.

Dursaan dhaabbata tola-ooltummaa UK Terrence Higgins Trust jedhamuu Iyaan Giriin akkas jedha: "Muuxannoon mataa kiyyaafi kan namoota HIV waliin jiraatanii akka mul'isutti rakkoon tokkichiifi hundaa ol rakkisaan, yeroo baayyee akka baattuufi dadabarsituu dhukkubaatti of ilaaluudha.

"Waggoota baayyeetiif, vaayirasicha namoota birootti dabarsaan jira jedheen sodaadha.

"Amma vaayirasicha dabarsuu akkan hin dandeenye baruu kiyyaaf, anaaf bilisummaadha."

'HIVn amma badeera'

HIVn murtee du'aa ta'uun isaa hafee namoonni vaayirasicha waliin jiraatan akkuma nama kaanii jiraachuufi jiruu fayyaalessa qabaachaa yeroo jiraachaa jiran kanatti, ilaalchi kun ammoo daangaa darbee of-eegannoo taasifamu laafaa dhufeera jedhu gareen duula farra HIV irratti taasifamurra hojjetan tokko tokko.

"Wal'aansaafi meeshaa ittisa HIV ilaalchisee milkaa'ina ajaa'ibsiisoo ta'anitu jiru. Haata'u malee, ilaalchi Aids'n badeera jedhu hojii ittisaa taasifamaa jiru keessatti tasa hin gargaaru. Kana malees, qoricha HIV barbaaduurratti invastimantii taasifamu hin gargaaru," jedha Dr Kamarulzaman.

Lakkoofsi UN baase akka agarsiisutti, bara 2020 keessa guutummaa adunyaarratti namoonni miliyoona 38 HIV waliin kan jiraatan yoo ta'u, 700,000 kan ta'an ammoo dhukkuba Aids waliin walqabatuun lubbuu dhabaniiru. Kun ammoo miidhaa vaayirasii kanaaf qorichi osoo hin argamiin turuu isaati.

Mr Torn akka jedhutti dargaggoonni HIV akka dhukkuba namoota umuriin deemaniitti ilaalu. Mr. Giriinis "hubannoo gadi aanaa ta'etu jira" jechuun yaaduma Mr. Torn kana ni qoodata.

"Isaan HIV wanta duriiti jedhanii yaadu," jechuun itti dabaluun ibsan.

'Ani nama HIVn qabu miti'

Akkuma dargaggoonni dhibee kana akka dhukkuba namoota umuriin deemanii ta'etti yaadan, baay'een ammoo vaayirasiin kun warroota fedhii saala walfakkaataa qaban (gay) kan miidhu akka ta'etti ilaalu.

Guutummaa addunyaarratti, uummata HIV waliin jiraatan keessaa walakkaan dubartoota. Akka dhaabbata tola-ooltummaa Frontline Aids irraa taate Kiristiin Isteegliing HIVn dhibee hunda caalaa dubartoota umurii wal hormaataa keessa jiran ajjeessudha.

Garuu dubartoota isheen itti dubbatte keessaa muraasatu hubannoo qaba.

"Ragaa baayyee barbaachisaa ta'e ilaalamuu qabudha. Sababiin isaas Dubartoonni umurii kana keessa jiraniifi ulfaa'uu barbaadan waa'ee saal-qunnamtii of eeggannoo hin qabnee ilaalchisuun haasaa taasisuun isaaniif rakkisaadha," jetti Ms. Kiristiin Isteegliing

Milkaa'inni guddaan argamellee, HIV ilaalchisuun oduun sobaa ammallee tatamsa'aa jiran namoonni akka hojii malee taa'an, michuu jireenyaan ala ta'an, akkasumas wal'aansa sirrii ykn qorannoo fayyaa maluufiin hin argannee taasisaa jira.

Odeessaalee kana waliin deeman biroo: