Dubartii HIV qabdu kaaniifillee ‘du’a bareeda’ akka du’an gargaartu

Madda suuraa, SHALI REDDY
Teembii Kaambuullee namoota dhibbaan lakkaa’aman kan HIVdhaan du’aniif qaqqabaafii jirti. Iswaatiinii keessatti namoota afur keessaa tokko HIV dhiiga keessaa qabu. 'Du’a bareedaa' namoonni akka qabaatan gochuun waan isheen of barsiistedha.
Teembiin du’a gosa sadii beekti.
Inni jalqabaa baayyee beekamaa dha. ''Namichi ija dadhabaa ‘’abdii hin qabu, naa dhumeera’ jedhuun si ilaala.'' Teembiin yeroo ija dunuunfatan nagaatti jettiin. Kuni du’a isa badaadha.
‘’Inni gosa lammataa immoo jira,’’ jetti Teembiin. ‘’Namni du’u ergaa ykn akeekkachiisa ni qabaata, innis namoota warra dhiisanii du’aniif. Hamaa fi gaarii jireenya irraa baratan barsiisanii darbuu fedhu.''
Inni sadaffaa du’a isa gaarii dha; yeroon namni du’u maatiifi hawaasa isaa haala gaariitti dhiisee, kan loletti araaramee yoo du’udha. Inni kuni jiraachuu Teembii hin barbaadu, isheen garuu sa’aatii dhumaa namoota dhukkubsatan bira inuma argamti.
Dhukkubichi Eedsiidha, Teembiin immoo naannoo baadiyyaa hindaaqqoo horsiisaa jiraaatti. Kibbaa Afrikaa iddoo Eswaatiinii jedhamu.
Biyya kana dura Siwaaziilaand jedhamuun beekamtu- Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa biyyattii kana wiirtuu weerarri HIV akka malee kan itti babal’ate jedheeraanii, kunis sababa Covid'n kan hammaatedha.
Biyyattiin waggaa 10 darban keessatti gama vaayirasicha to’achuun fooyyee agarsiistus, ammallee ummata miiliyoona 1.3 tahu keessa tatamsa’inni HIV 26% dha.
‘’Duuti yeroo hunda naannoo keenya jira,’’ jetti Teembiin.
Yeroo jalqabaaf waan HIV jedhamu yeroo dhageesse ni yaadatti. Bara walakkaa 90 moota keessa ture, yeroo reefu heerumtee digrii jalqabaa Yunivarsiitii Siwaazilaanditti qo’achaa turte.
Biyyattii keessa duulli dhiiga arjoomuu jira ture. Hiriyyoonnishee baayyeen dhiiga kennaniit torban tokko booda yunivarsiitii dhufuu dhaaban.
‘’Yeroo oduu dhiigni isaanii dhukkuba balaafamaa taheen faalameera waan jedhutu dhagahame,’’ jetti. Isayyuu dhukkubichaan takkaa qabamnaan abdii hin jiru, ni duutas‘’ jedhamaa ture.
Mooraa yunivarsiitii sana keessa sodaatu guute, hiriyyoonnishee baayyee ergasii dhiiga kennuu dhaaban.
‘’Nutis yoo dhiiga kennuu baanne waan irraa hafnu nutti fakkaatee ture,’’ jetti.
Waggaa muraasa booda Tembiin mana barumsaa sadarkaa lammaffaa keessa barsiistuu taateeti waa’ee HIV irra caalaatti dhagahuu kan jalqabde. Yeroo kanatti hiriyyootaafi wayilootashee dabalatee namni baayyeen qabamaa ture.
Namoonni dhukkubsatanii takkaa otoo hin turiin achumaan gaafa badan hubachaa turte. Takka turemmoo du’uun isaanii gaafa himamu ni dhageessi dhukkubichi maal akka tahe garuu hin beekamu ture.
Jalqaba bara 2000 irratti garuu waa’een HIV gaazexaa fi raadiyoodhaan gabaafamuu jalqabe. Tembiinis mana kitaabaa deemteeti akkanni uummata addunyaa hubaa jirufaa waa’ee dhukkuba kanaa dhagahuu jalqabde.
Vaayirasichi quunnamtii saalaa hin daangeffamneen akka daddarbu baramus hogganootni hawaasaa tokko tokko garuu yaada mataa isaanii itti dabalu.
Namoota namuusa hin qabnee fi seexanatti amanutu dhukkubichaan qabama jedhu ture. Tembiin garuu kuni akka dhugaa hin taane dubartiin abbaa manaa tokko malee hin beekne dhukkubichaan gaafa duutu barte.
Namoota seexanatti amananidha jedhamuun namni yeroo isaanirraa goru mana isaanii deemteetu jajjabeessuu jalqabde.
‘’Takka takkaa mana isaanii yeroon dhaqu nan galchan,’’ jetti. ‘’Baayyee qaana’u. Ani garuu yoo na barbaadan akka n argatan ittan hima. Isaan hin sodaadhun ture.’’
Bara 2002'tti Tembiin ofiishee qufa’uu jalqabde, jalqaba waan qufaan ishee qabate itti fakkaatee ture. Gaaf tokko garuu waatu ifeefi.
‘’Qufaan kuni waan narraa deemu miti sababiinsaa HIV gatii tahuu danda’uuf,’’ jette.
Tembiin dhiigashee qoratamte. Bu’aan qorannoos dhiiga keessaa HIV akka qabdu agarsiisa.
‘’Akkamiin na qabate?’’ kan jedhu gaafachuu jalqabde. ''Ijoollee koo sadan maaltu mudata laata?’’ jette.
Yeroos qorichi baay’inni vaayirasii dhiiga keessaa akka hir’isu godhu ji’atti doolaara 50 ture. Inni immoo galii maatii Tembii bulchu ture.

Madda suuraa, SHALI REDDY
‘’Kana akkamiinan danda’a?’’
‘’Yooman du’a laata?’’ jechuun hin hafne. Garuu akka namoota biroo hin qaanfanne, akka HIV dhiiga keessaa qabdu nama hudumaatti himte.
‘’Waan fe’eyyuu narratti haa tahu namoota na jaalatan irraa gargaarsa akkan barbaadu beeka. Yoon dhokse anis icciitiin du’uufi,’’ jetti.
Isheefi abbaan warraashee ijoollee isaanii gad-teessisanii akka HIV qaban itti himan. Dhukkubichi hammachuufi mana dhiqannaa qoodachuudhaan akka hin darbines itti himan.
Dawaa akka argataniifi waa’ee dhukkubichaa akka beektu itti himte. Ergasii sagantaa deeggarsaa namoota dhukkuba kanaan qabamaniif qajeelfama kennu argatte.
Achiinis bara 2002tti daarikatara sagantaa deeggarsa kanaa taate, jireenya isheerraa hawaasa ijaa barsiistuuf namni ishee fudhachuu jalqabe.
Tembiin jireenya nama baayyee dhukkubichaa fi loogii dhukkubichaa waliin dhufu waliin rakkatan argiteetti. Namoonni dhukkubichaan qabaman baayyees du’a isaanii jala akka isaan waliin taatu ni gaafatuuni.
‘’Animmoo waan isaan jedhan nan godhaafi, otoo isaan hin dubbatiin maal akka barbaadan naa gala.
''Gariin akkan isaan qabadhu barbaadu na gaafatu. Kaan immoo akkan itti bu’uyyuu hin barbaadani. Nama hundumaa akka akka isaaniittan qabadha. Kabajas kennaafi. Duuti isaanillee akka miidhaguufan barbaada ture,'' jetti.
'Du'a bareedaa'
Yaadni du’a bareedaa jedhu waggoota dheeraaf kan ture dha. Bara 1601tti hojjetaan waldaa Kiristaanaa Ingilaand Kiriistoofar Saatan duuti bareedaa-sireee irratti du’uufi namoota jaallattuun marfamtee du’uu dabalata.
Duuti tasaa immoo namoota jaalattuun ‘nagaatti’ otoo hin jedhiin du’uufi garummoo yeroo dheeraaf namoota rakkisaa ba’aa ta’anii du’uudha jedha ture.
Dhimmi kunuunsa namoota du’a jala ga’aniif kennuun yeroo ammaa kanatti dhimma marii irratti taasifamaa jiru dha.
Biyyoota guddatan keessatti xiyyeeffannoonsaa, miidhama jabaa malee du’uu dha.
Afrikaa keessaatti garuu duuti kee akkamiin namoota naannnoo kee jiran miidha kan jedhu dha jedhu Dr Rabi Ekooree. Joornaalii dhimma kanaaaf wal-qabatoo tahan maxxansurratti akka barreessanitti.
‘’Kanaaf, HIV dhaan du’uun maqaa ‘duutisaa/ishee hin tolle,’’ jedhu fida jedhan.
‘’Yeroo ammaa kana namoota muraasa qofatu Iswaatiiniitti Eedsiidhaan du’a,’’ jetti Tembiin garuu sababii Covid’n dhorkaan waan jiruuf lakkoofsi dabalaa akka jiru dhagahaa jirra jetti.
Biyya nama afur keessaa tokko HIV qabu keessatti maloota ittisaa hin fayyadaman taanaan namoonni vaayirasichaan qabaman ni dabalu, ulfi hin barbaadamnes akkasuma ni dabala jedha gabaasni UNAids.
Kana malees, haleellaan saalaa, gudeeddiin fa’i dabalaati jira.
Dhaabbati UNAids gabaasa 2020tti baaseen dargaggoota umriin isaanii 15-24 ta’an harki 42 namoota haaraa HIV dhaan qabamanidha. Kanneen keessaa miiliyoona 4 kan tahan biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadi keessa jiraatu.
Tembiin yeroo namoota dhukkuba Eedsiin qabamanii abdii bayyanachuu hin qabne yeroo argattu kana yaadachiistiin.
''Du’a bareedaa du’uun nagaa qaba,’’ jettiin.
‘’Namoota HIV’dhaan qabaman. Nagaa argachuun baayyee itti ulfaata. Gaabbii malee addunyaa kanarraa nagaan deemuu, anis dhumni waan hundumaa nagaa argachuudha jedheen itti hima,'' jetti.
‘’Namoonni biroo akkati of kabajutti, si kabaju,’’ Qaanii ati ofirra hin keenye eenyuyyuu sirra hin kaa’u. Dhukkubsachuutti immoo eenyuyyuu qaana’uu hin qabu,'' jechuun dubbatti.
















