Filannoo Itoophiyaa 2021: Gaaffii hirmaannaa dubartootaa deebii hin arganne

Madda suuraa, Anadolu Agency
Hooggansa siyaasa paartilee Itoophiyaa keessatti gaheen dubartootaa xiqqaadha, keessumaa kan paartilee mormituu. Biyyattii keessa paartileen 60 ol jiran keessaa hoggansi garri caalu dhiirotadha jechuun danda'ama.
Kunis, walakkaan ummataa dubartoota osoo ta'anii jiranii hoggansa paartilee keessa gahee dhabani gaaffii jedhu akka ka'u taasisa.
Akka xinxaltoonni jedhanitti kanneen filannoof kaadhimaman dabalatee lakkoofsi dubartootaa xiqqaadha.
Keessumaa MM Abiy Ahimad erga aangotti dhufani as kaabinee keessaa walakkaa dubartootaan akka qabamu gochuuniifi dubartoonni gahee kana dura hin qabaannetti akka bahan isa taasifame gaarummaan kaasuun danda'ama.
Garuu, haala waliigalaan yoo ilalaame wantoonni jijjiiramu qaban hedduu ta'u himu ogeeyyiin damee kanaa.
Gahee dubartootaa mana mareetti
A.L.I bara 1987 haa ilaallu. Bara sanatti kanneen mana maree bakka bu'oota ummataa seenan keessaa 536 dhiirota, dubartoonni 10 qofa.
Akka ragaan boordii filannoo agarsiisutti mana maree naannoottis hammi lakkoofsa dubartootaa xiqqaadha. Bara sanatti mana maree naannolee keessaa 1,355 dhiirota yoo ta'an kan dubartoonni 77 qofadha.
Bara mootichaa keessammoo miseensota paarlaamaa 240 keessaa dubartoonni lamadha. Bara dargiimmoo miseensota Shangoo 835 keessaa dubartoonni 14 dha.
Filannoo biyyaalessaa A.L.I bara 2007 taasifameen garuu lakkoofsi fooyyee qaba. Dubartoonni 212 (38.8) miseensota mana maree bakka bu'oota ummataa ta'aniiru.
Mana maree naannolee filannoo ADWUI'n olaantummaan mo'ate 800 keessaa 40.3 kan ta'an dubartoota.
Itoophiyaan barana filannoo biyyaalessaa jahaffaa taasistu keessaa ''dhiibame'' kan jedhe KFO'n, miseensota mana maree 16 qabu keessaa dubartiin tokko qofaadha.
Kunis Dr Balaayinash Yisihaaq jedhamu. Kana dura hirmaannaa filannoo keessa taasisaniifi paartilee keessa gaheen dubartootaa xiqqaachuu gaafanneerra.
'Dubartoonni haleellaa saalaaf saaxilamu'
Dr Balaayinash bara 1997 paartii Warraaqsa Federaalistii Dimookiraatawaa Oromoo seenuun hirmaannaa taasisuu eegalan. Baras Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Anfilloo bakka bu'uun hirmaatanii injifatan.
Ta'us, qormaanni dubartoota mudatu 'hedduu' jechuun ibsu. Bara isaan hirmaannaa taasisuu eegalan keessa lakkoofsi dubartootaa xiqqaa ta'uu himu.
''Miseensa paartii mormituu ta'un mataa isaatu cimaadha'' kan jedhan Dr Balaayinash dubartoonni haleellaa saalaaf saaxilamoodha jechuun himu.
'Dubartoonni miidhaan garaa garaa irra gahe jiru. Wanti nurra gahe jedhanii dubbatan sodaachisaadha. Dubartootaaf cimaadha,' jedhu.
Dabalataan, hojiirraa ari'amuu, duula maqa balleessii akkasumas kaan dubartoonni miseensa paarti mormituu keessa akka qooda hin fudhanne taasisan jiraachuu himu.
Hakiima horii kan ta'an Dr Balaayinash 'sababa hirmaannaa siyaasaa isaaniin' hojiirraa waan ari'amaniif yeroo tokko rakkachuu BBC'tti himaniiru.
Keessumaa magaalota naannolee keessa gahee paartilee keessatti hirmaachuus ta'e kaadhimamaa filannoo ta'anii dhihaachuu sodaa qabu jechuun himu.
Dhiibbaa hawaasaa
Akkaataadhuma jireenyuma hawaasaarraa kan ka'e dubartoonni hojiiwwan hedduun akka ko'ooman taasisa. Kunimmoo waltajjii isaan ilaallaturra akka hin hirmaanne dhorka.
Dr Balaayinash keessumaa baadiyyaatti qoraan funaanuu, bishaan waraabuu, ijoollee guddisuufi kaan dubartoonni akka boqonnaa hin qabaanne hojiiwwan godhan keessaati jechuun dubbatu.
Dubartoonni hirmaannaan isaan siyaasa keessa taasisan xiqqaa ta'us duula filannaa paartileen taasisan, sagalee kennuufi kaan keessa garuu qooda xiqqaa hin jedhamne qabu.

Madda suuraa, Anadolu Agency
Akka fakkenyaatti filannoo bara 1997 taasifameen lammiileen miiliyoona 27 ol sagalee kennuuf galmaa'an keessaa miiliyoona 13 ol dubartoota.
Kanneen sagalee kennan miiliyoona 22 keessaa miiliyoona 10 ol dubartoota.
Muuxannoo isaanii kana durarraa ka'un Dr Balaayinash dubartoonni kaadhimamaa ta'anii yoo galmaa'an dubartoonnis ta'e dhiironni sagalee isaaniif kennu duubatti hin jedhan jedhu.
Kanneen dhaaba ABIN hundeessan keessaa Immabet Kabbadaa, ganna 29, tokkodha. Yeroo jalqabaafisi paartii keessa bara 2010 keessa qooda kan fudhatte.
Ta'us, lakkoofsi dubartootaa xiqqaa ta'u himti. Fakkeenyaaf miseensota koree giddu gala paartichaa 45 keessaa dubartoonni sadii qofa.
Koree Hojii Raawwachiiftuu dhaabichaa murteewwan jajjaboo murteessuuf gahee qabu keessaa garuu dubartoonni tokkoyyuu hin jirani.
Gaheen dubartootaa akka dabalu sochii taasisnus ''quubsaa miti'' jechuun dubbatti. Sadarkaa koreetti hirmaannaan xiqqaatus sadarkaa aanaatti garuu jijjiiramni jiraachuu himti.
Waggaa tokkoof waajjira paartichaa Baahirdaar jiru hogganaa turte. Akka isheen jettutti hirmaannaan dubartootaa kan xiqqeesse keessaa tokko dubartoota maqumaaf hirmaachisuun tokko ta'u himti.
Dabalataan, dubartoonni ''paartilee siyaasaa keessa hirmaachuufi gahee hooggansaa ni sodaatu'' jechuun dubbatti.
Keessumaa dirree siyaasaan walqabatee miseensonni maatii dubartoonni siyaasa akka hin seenne dhiibbaa akka taasisan himti.
Akka isheen jettutti, kaadhimamtoota dhaabichi dhiheesse keessaa 30% dubartootadha.
Gama kaaniin, paartiin IZEMA illee kaadhimamtoota dhaabichi filannoof dhiheessu keessaa 30% dubartoota ta'u itti gaafatamtuun damee dargaggoo paartichaa Tsiyoon Ingidaayye dubbatti.
Paartichi miseensota koree hojii raawwachiiftuu 21 qabu keessaa dubartoonni jaha ta'u himti.
Miseensa 'Yellow Movement' jedhamuufi waa'ee dubartootaa hubannoo cimsuuf hojjetu keessa kan turte Tsihoon paartiin amma keessa jirtu waa'ee dubartootaa xiyyeeffannoo akka kenne amanti.
Ta'us, yeroo hedduu dubartoonni walgahiiwwan garaa garaa irratti akka qindeessan, buna akka danfisan, akaayii akka kennaniifi kessummeessuu akka hojjetan gaafatamu himti.
Dabalataan, yaadawwan ''atimmoo bifa keetin filatamta'' akkasumas sagantaa paartichaa beeksisuuf ''dubartoota bareedduu maaliif hin filannu,'' waan jedhu dhagahuu himti.
Ogeeyyiin akka furmaataatti dubartoota aangomsuu, ilaalcha hawaasaa jijjiiruu, hirmaannaa siyaasaa cimsanii dhimma isaan ilaallatu irratti murtee akka kennaniifi kanaafis xiyyeeffannoo kennuun akka barbaachisu eeru.
















