Namichi yeroo jalqabaaf HIV irraa fayye du’aan boqote

Madda suuraa, Getty Images
Dhukkubsataan yeroo duraaf HIV irraa fayye Timootii Reey Biraawun dhukkuba kaansariitiin addunyaa kanarraa du’aan boqote.
Obbo Biraawun “Dhukkubsataa Barliin” jedhamuun beekama.
Innis nama uumamaan HIV qabamuu hin dandeenyerraa jijjiirraan dhukaa taasifameefii ture.
Kanaaf qorichoonni farra HIV isa hin barbaachisan jechuudha kanarraa ka’uun hamma dhumaatti vaayirasicharraa bilisa ta’ee ture.
Waldaan Hawaasa AIDS Idil Addunyaa Obbo Biraawun abdii HIV irraa fayyuu addunyaaf mul’iseera jedheera.
Obbo Biraawun Ameerikaatti kan dhalate yoo ta’u, nama ganna 54 ture. Innis bara 1995 osoo Jarman magaalaa Barliin jiraatuu ture kan HIV’n qabame
Achiis bara 2007’tti gosa kaansarii dhiigaa Luukeemiyaa jedhamuuf saaxilame.
“Yeroo boqachuun Tiimootii Reey ibsu gadda guddaadhaani…. erga ji’oota 5’f kaansarii waliin rakkachaa turee anaa fi hiriyyoota kiyyaan marafameetu boqote,” jechuun waahillisaaTiim Hoofjiin fuula Feesbuukiirratti maxxanseera.
Dabalataanis akkas jedhe: “Tiim jireenyasaa waa’ee HIV irraa fayyuusaa namootatti himuun akkasumas ambbaasaaddar abdii ta’uun ture kan dabarse.”
Fayyuuf dhihoo turanii?
Fayyuun Obbo Biraawun baay’ee balaa qaba ture. Adeemsi kunis namoota miiliyoona 38 Afriikaa keessatti biyyoota Saharaa gaditti HIV waliin jiraataniif baay’ee mi’aawaadha.
Seenaan Obbo Biraawun HIV irraa fayyuu saayintistota, dhukkubsattoota akkasumas addunyaadhaaf qorichi HIV fayyisu argamuu danda’a jedhuuf abdii guddaa ture.
Waldaan Hawaasa AIDS Idil Addunyaa du’uun Obbo Biraawun “onnee nu cabse” jedheera.
“Tiimootii fi hakimasaa Geeroo Haatariif galata guddaa qabna, isaanis saayintistootaaf HIV fayyisuun akka danda’amu mul’isuun karra bananiiru,” jedhan Piroofeesar Adeebaa Kamaaruulzmaan pireezidaantiin Waldaan Hawaasa AIDS Idil Addunyaa.
Dhukkubsataan lammaffaa HIV irraa fayye bara kana qoricha fayyadamuu dhaabe. Adam Kaastileejoo “Dhukkubsataa Landan” jedhamuun beekamu yaala Obbo Biraawun fayyadamaniin wal fakkaataa ta’e fayyadamanii turan.
“Adeemsi Tiimootii fi Adam ittiin fayyan HIV fayyisuuf adeemsa jabaa ta’uu baatus qorannoo qoricha HIV fayyisu keessatti garuu yeroo murteessaadha,” jedhan Insititiyuutii Doohertii Meelbarnitti daayirektara kan ta’an Piroofeesar Shaaroon Leewin.
“Hawaasni saayinsii gummaacha’a Tiimootiin gummaacha’an guyyaa tokko beekamtii ni kennina. Kunis qorichoota nageenyummaansaanii eegame dhiheessuun, gatiinsaanii madaalawaa ta’een akkasumas istiraateejii HIV fayyisuun danda’amurratti hojjachuun yookiin maloota madiinummaa qaamaa to’achuudhaan.”














