UK'tti dhiigni namootaa COVID-19 irraa fayyan yaaliif ooluuf qophiirra jira

Madda suuraa, PA
Dhaabbati tajaajila fayyaa UK 'NHS' dhibee kana yaaluuf jecha namootni COVID-19 irraa bayyaannatan dhiigaa isaanii akka gumaachaniif gaafachaa jira.
Abdiin jiru seeliin ittisaa yookaan 'antibody' isaan uummatan namoota kaan vaayirasicharraa fayyisuu danda'a kan jedhudha,
US hospitaalota 1500 ta'an waliin kanaratti qorannoo guddaa egaltee jirti. Namni tokko yeroo covid-19'n qabamu sirni ittisaa qaamaa isaanii seelii
dhibee ittisu uumuun vaayirasicha ofirraa lola. Yeroo booda kun pilaazmaa yookaan dhangala'aa dhigaa isaanii keessatti kuufama.
NHS ammatti pilaazmaan namoota COVID-19 irraa fayyanii namoota vaayirasichaan dhibamaa jiraniif kennuun ni gargaara yoo ta'e baruuf yaalaa
jira.
Ibsi dhaabbaticharraa ba'e: " Abdiin keenya jalqaba akka yaaliin wal'aansa COVID-19'f fayyadamuudha" jedha. "Yoo kun guutummaatti raggaasifame, yaaliin kun pilaazmaa kennuun
dhibamtoota COVID-19'f ariitiin akka bayyaannataniifi lubbuun akka turaniif carraa kennuu danda'a.
"Yaaliin taasifamu hundi dhibamtoota eeguufi bu'aa mirkanaa'aa argachuuf jecha adeemsa raggaasifamuu cimaa keessa ni darba. Yaaliin kun akka raggaasisamuufi aritiin hojiitti akka
galluuf mootummaafi qamoota kun ilaallatuu waliin hojjachaa jirra.
Gartuuleen kan hojeechaa jiran biroon jiru?
Gartuuleen UK keessa jiran hedduun pilaazmaa dhiigaa fayyadamuuf yaalaa jiru. Hospitaalli Yunivarsiitii Weelsi Kaardiif keessa jiru torban kana
teeknoolojii kana yaaluu akka barbaadu ibseera. Pireezdaantiin Meedikaal Saayinsi Akkaadaamiifi Kiingis Heelzi Paartinarsi
Piroofeesar Ser Obbeerti Leechilar sadarkaa xiqqaan yaalii gaggeessu akka barbaadan ibsaniiru.
Yeroo yaaliin biyyaalessaa adeemsifamaa jirutti dhibamtoota vaayirasichaa haala soodachiisaa keessa jiraniifi filannoo wal'aansaa biraa hin qabneef pilaasmaa fayyadamuu barbaada.
"Torban xiqqoo keessatti namootni wal'aansa kan argachuu hin jalqaban taanaan bayyeen gadda. Yaaliin biyyaaleessa NHS aritiin jalqaba jenne abdanna."
Wal'aansa kana yaaliif UKn barfatteetti jedha,
Addunyaan hafe haala maalirra jiru?
Addunyaa keessatti biyyootiin baayyee wal'aansa pilaazmaa kana yaaluu eegalaniiru.
Torbee sadii keessatti saayintistoonni US piroojeektii biyyaaleessa eegaluun hanga ammatti dhibamtoonni 600 ta'an wal'aanamaniiru.
Kiliinika Maayoo irraa Piroofeesar Maaykil Jooynar hojii kana hogganaa jiru. "Torban jalqabaa irratti wanti nuti hubanne pilaazmaa kana kennuun
mallattoo yaddeessaa ykn ammoo mallattoo haaraa hin fidne." Jedha. "Hargansuufi fayyaan namoota tokko tokkoo fooyya'aa akka dhufe
gabaafameera. Kun bayyee nama jajjabeessa, garuu gadi fageenyaan qoratamuu qabu."
"Waa'ee pilaazmaa kanaa wanti nuti hin beekne bayyeen jira, torban dhufan keessatti waa'ee pilaazmaa kanaa, qabiyyee isaafi amaloota
biro baraa deemna."
"Garuu takka takka akka ogeessa fayyaatti, carraa argattu tokko tokko fudhachuu qabda."
Weerara dhibee biroo irratti yaaliin akkanaa gargaaree beekaa?
Dhiiga namoota dhibeerraa bayyaannatanii fayyadamuun ogummaa fayyaa keessatti haaraa miti. Waggoota 100 dura dhibee Ispaaniish Filuufi
dhiyeenya ammoo Iboolaafi Saarsiif malli kun yaalameera.
Hanga ammaatti hangam milkaa'aadha kan jedhu irratti qorannoo xiqqaatu gaggeeffame. Yaaliin kun Koronaavaayirasiif ni hojjataa kan jedhu
irratti immoo qorannoon baayyee gaggeeffamuu qaba.
US keessatti garuu namootni kanaratti gargaaru barbaadan hedduudha jedhu. Hogganaan fayyaa wiirtuu dhiigaa Niiw Yoorki, Biruus Sachis,
"Namootni bayyaannatanii dhufanii nu gammachiisaniiru," jedha. "Namootni dhiiga gumaachuuf kumaatamaan dhufanii hanga ammaatti gara
yuuniitii 1000 arganneerra. Namootni vaayirasicha keessa sadarkaa adda addaan darban amma xiyyeeffannaan isaani 'akkamiinaan nama biraa
gargaara' isa jedhu ta'uun isaa bayyee nama gammachiisa."
Saayintistoonni pilaazmaan waan akka raajii hin ta'u. Garuu wal'aansi Koronaavaayirasii xiqqaa waan ta'eef hanga talaalliin argamutti kan gargaaru kan jedhu abdii jirudha.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















