Koronaavaayiras: Feesbuukiin namoota oduu dogongraaf saaxilaman akka irratti dammaqan gochuuf

Dubartii bilbila ishee ilaaltu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii bilbila ishee ilaaltu

Feesbuukiin fayyadamtoota isaa qabiyyee sobaa waa'ee koroonaavaayirasii qoodaniifi daawwatan akeekkachiifni isaan ni qaqqaba jedheera.

Kun ammoo odeeffannoo sirrii hin taane ittisuuf akka gargaaru himame.

Sirni akeekkachiisaa Feesbuukiin baase kunis, namoota koronaavaayirasii irrattii odeeffannoo dogongoraa dubbisa, qoodan ykn ilaalaa jiran akka gara marsariitii Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa dhaqaniif akkeekachisa.

Qorannoon dalagame akka agarsiisutti Feesbuukiin keessattuu afaan Ingiliziitiin alatti odeeffannoon sirrii hin taane irratti tarkaanfii hinfudhatu jedheera.

Feesbuukiin garuu qorannichi waan dhaabbanni kiyya hojjataa jiru dhugaan hin ibsine jedheera.

Dhaabbati Feesbuukii magaalaa Kaaliifoorniyaatti bu'uureeffatte kun beeksiiseetti torbee dhufaa irraa kaasuun ergaa akkeekachiisaa kana jalqaba odeessaalee irratti fayyadamtootatti mul'isu eegala.

Gara dhugaatti qajeelchuu

Akeekkachiisni Feesbuukiin ergu kunis namoonnii akka gara marsariitii Dhaabbata Fayyaa Mootummota Gamtoomaniitti dhaquun odeeffannoo sirri argataniif qajeelcha.

Dubbii himaan Feesbuukii akka jedheetti,''akkeekachiisa kanas akka jijjirama imaammataatti hinilaalluu. Garuu waltajjii odeefannoo kanaaf filannoo dhuheessuudha malee.''

Kana malees, tarkaanfichi namoonni waa'ee vaayirasichaa irratti odeeffannoo miidhoofi sirrii hin taaneef saaxilaman akka gara odeeffannoo sirrii maddawwan aanga'oota irraa argamuutti darbaniif akka gargaaruus himeera.

Qorattoonni gaggeefame tokkos fayyadamtoonni Feesbuukii miiliyoonaan lakkaa'aman odeeffannoo waa'ee Koroonaavaayirasii sirrii hin taaneef akeekkachiisa tokko malee saaxilamaniiru jedhu.

Gareen qorannoo kun akka himeettis, odeeffannoon balaafamoofi soba ta'an tokko tokkoos namoota hedduun ilaalaluufi qoodamusaanii bira gaheera jedheera. Fakkeenyaaf, odeeffaannoon ''Namooti gurraachi koroonaavaayirasiin ni dandamatu'' jedhuufi kan ''Kilooraayid daayoksaayidiin vaayirasichi ni badalleessa'' jedhanii namoota hedduun ilaalamu adda baaseera jedheera.

Qorattoonni dhaabbata Avaaz samuuda barreeffanoota feesbuukii waa'ee koronaavaayirasiirratti gadhiifaman sirrii hin taanee 100 ol afaan Ingiliizii, Ispaaniish, Poorchugiizii, Arabaa, Xaaliyaaniifi Fireenchii xiinxalaniiru.

Hasxaa Facebook
Ibsa waa'ee suuraa, Hasxaa Facebook

Argannoowwan qorannichaas:

  • Dhaabbati Feesbuukii odeeffannoo sirrii hin taaneetiif akeekkachiisa kennuuf guyyoota 22 itti fudhata. Kunis qaamooleen feesbukii waliin wal ta'uun hojjatan qabiyyee sanarratti yeroon akeekkachiisa itti argatan immoo kanarra boodatti akka harkifatu taasisa.
  • Qabiyyeewwan soobaa akka saamudaatti xinxalaman keessaa %29 kan ta'aniif afaan Ingliziin maxxanfaman soba ta'usaanitiif gonkumaa mallattoon irratti hintaasifamne.
  • Afaanoota Ingiliiniin ala ta'aniitti ammoo kan caaluudha jedheera. Fakkeenyaaf, qabiyyee afaan Xaaliyaaniin maxxanfaman keessaa %68, kan Afaan Ispaanish %70, fi kan afaan Poorchugiizii irratti %50 kan ta'an mallattoo soba ta'usaanii itti hintaasifamne.
  • Haa ta'u malee yaaliiwwan Feesbuukiin Afaan Arabaa irratti taasifamee fiixaan bahaadha. Kunis odeeffannoon sobaa %22 tiin alatti kaaniif mallattoon odeeffannoo soba ta'usaa agarsiisuuf akeekkachiisi itti taasifameera.
Maxxansa Facebook oduu sobaa waa'ee koronaavaayirasii

Madda suuraa, Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Maxxansa Facebook oduu sobaa waa'ee koronaavaayirasii

Feesbuukiin hojii isaa dhugaa adda baasuu kanas dhaabbilee isa waliin wal ta'an waliin babalisuun gara afaanota 50 olitti guddisuuf kan hojjatu ta'u himeera.

Faadii Quraan Daariktarri Duula Avaaz akka jedhaniittis, ''Feesbuukiin balaa jidduugala waltajjiiwwan odeessaaleen sobaa Covid-19 ilaalchisuun irratti qoodamu keessatti argama,'' jedheera.

''Haa ta'u malees kubaaniyaan kunis namoota waa'ee koronaavaayirasii irratti odeeffannoo sobaatiif saaxilamaniif akkeekkachiisa kennuufi odeeffannoo soba qulleessuun dhaabbata jalqabaa ni ta'a'' jedhaniiru.

Bishaanii fi ashaboo

Odeeffannoowwan sobaa qorattoonni kunneen adda baasan keessaa tokkoo isa, bishaan hedduu dhuguufi soogiddaafi jinjibilaan afaan lulluuqachuun vaayirasichi qaama keessaa akka bahu ni taasisa jedhu ta'u beeksisan.

Odeeffannoo akkas jedhu kunis osoo garee qorattootaa Avaaziin Feesbuukiitti beeksiifamuun akka buufamee hintaasifamniin dura yeroo 31,000 ol qoodameera.

Hogganaa olaanaa fi hundeessaan Feesbuukii Maark Zuukarbarg akka jedhaniitti, dhaabbatisaa Feesbuukii fi Intaagiraamii irratti fayyadamtoota biiliyoona lama tahan odeeffannoo maddeen sirrii irraa odeeffannoo akka argataniif qajeelcheera. Kanas karaa wiirtuu odeeffannoo Covid19 keenyaafi ergaawwan barsiisoo fayyadamuudhaan. Namoonni miiliyoona 350 tahanis caalaa barachuudhaaf cuqaasaniiru'' jedheera.

''Fakkeenyaafis, qabiyyeen odeeffaannoo dogongoraa maxxanfame tokko kan nama akka miidhaa qaamaa ofirratti raawwataniif kan geessisu qaba ta'e, battalumatti akka marsariitiirraa akka haqamu taasifama.

Haaluma kanaanis odeeffannoo dhibba kumaatamaan lakkaa'aman haqneerra. Fakkeenyaaf, odeeffannoo ''barakiinaa dhuguun Covid-19 irraa nama fayyisaa jedhuufi fageenya ofii eeggachuun badaa faayidaa hin qabu jedhan hedduun haqamaniiru,'' jedheera.

Maark ammoo ergaa akeekkachiisaa hojjechaa kan jiru yoo ta'u, fayyadamtoonni harka 95 ol tahan ilaaluu hinfeedhan jedha.

Ogeettii odeessaalee dogongoraa miidiyaa hawaasummaa kan taate Emiilii Teelar,' 'tarkaanfiin Feesbuukiin amma oduuwwan sobaa ittisuuf fudhachaa jiru gaarii dha. Rakkoon oduun sobaa tatamsaasuu yeroo ammaa argaa jirru kan yeroo filannoo Ameerikaa caalaa baayyee ta'aa jira,'' jette.

''Garaagarummaan odeeffannoowwan sobaa yeroo filannoofi odeessaalee fayyaa inni guddaan, dhimma fayyaa dhimma lubbuu namootaa balaaf saaxiludha,'' jetteetti.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa