Koroonaavaayiras: Haalawwan odeeffannoowwan sobaan osoo hin babal'atiin ittiin dhaabuu dandeessan

Miidiyaalee hawaasummaa

Odeessaaleen sobaa koronaavaayirasii irratti gadhiifaman intarneetii guutaa jiru. Kanaafuu ogeessonni hawaasni hundi odeeffannoowwan kanneen secca'uu keessatti kan gahee isaa akka bahuuf waamicha taasisuu.

Ofii odeeffannoowwan badaan akka hin tatamsaaneef maal raawwachuu dandeessa?

1. Dhaabbadhuutii yaadi

Maatiifi hiriyyoota kee gargaaruuf odeeffannoo isaaniif qoodu ni barbaadda. Kanaaf yeroo gorsa haraa karaa WhatsApp, Facebook ykn imeelii argattu ariitiin isaaniif qooduu dandeessa.

Ogeeyyiin akka jedhanitti odeeffannoo dogoggoraa dhaabuuf salphaatti malli inni tokkoffaan takka dhaabatanii yaadudha. Yoo shakkii qabaatte, dhaabdee gadi fageenyaan qorachuudha.

2. Madda odeeffannookee qoradhu

Namaaf qooduukeen dura, gaaffii bu'uuraa 'Maddi odeeffannoo kanaa maali?' kan jedhu gaafadhu.

Yoo maddikee "hiriyyaa hiriyyaakoodha" ykn "ollaa waayila adaadaakoo" waan jedhu yoo ta'u kun rakkoo akka qabu agarsiisa.

Ogeessonni guutummaa guututti sirrii ta'uu dhiisu danda'u. Garuu, odeeffannoon isaan kennan kan fira fagoo irraa karaa Waatisaapppiin argannu irraa hedduu foyya'aadha.

Giraafiksii bilbilarraa oduu sobaa yoo balleessan agarsiisu

3. Soba ta'uu danda'aa?

Wanti fuulduratti mul'atu waan sirri ta'uu dhiisuu mala.

Interneetii gubbaatti fuulli ogeessotaa, aanga'ootaa, mootummaafi BBC dabalatee kanneen miidiyaa sobaa uumuun ni danda'ama.

Suuraalee adda addaas waan madda sirriifi amanamurra odeeffannoon kan madde fakkeessanii geddaruun ni danda'ama.

Fuula miidiyaalee hawasummaafi marsaritiiwwan mirkaneeffannaa qabaniifi beekamoo ta'an daawwadhaa. Yoo odeeffannoo sana salphaatti argachuu dhabdan soba ta'uu danda'a. Yoo waan maxxanfamefi vidiyoon jiru shakkisiisaa fakkate- soba ta'u mala.

Akka namootni odeeffannoo mirkaanessan himaniti qubee gurguddaafi barreefama wal hin fakkanneen odeeffannoon ba'u yeroo baayyee oduu sobaa ta'uu mala.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa

4. Dhugaa ta'uusaa hin mirkaneeffannee? Namaaf hin qoodiin

Odeeffannoo "tarii dhugaa ta'uu danda'a" amantaa jedhuun namaaf hin qoodiin. Bu'aa caalaa miidhaa gessisaa jirta ta'a.

Takka takka lafa ogeessotti - akkaa doktarootafi ogeessotti fayyaa jiranitti- odeeffannoo qoodna.

Kun sirrii ta'uu danda'a garuu jalqaba shakkiikee mirkaneeffadhu. Dabalataan ammo suuraafi barreefamni ati maxxansitu boodarra waan biratti geeddaramuu danda'a.

5. Odeeffannoo hunda tokko tokkoon mirkaneeffadhu

Sagaleen waraabame tokko WhatsApp gubbaatti hedduu qoodamaa jira. Namni sagalee kanarratti dubbattu "wayilaa ishee hiriyaa hospitaala keessa hojjattu qabdu," tokkorraa ergaa dhufe hiiktee akka himaa jirtu dubbatti.

Namoota addunyaarra jiran baayyeetiin sagaleen kun gara BBCtti ergameera. Ergaan kun garuu odeeffannoo sirriifi sirrii hin taane of keessaa qabu.

Yeroo ergaa tartiiba gorsaa qabu argattan, gorsa dhugaa ta'uusaa beektan tokko (fakkeenyaaaf waa'ee harka dhiqachuu) yoo of keessaa yoo qabaate inni hafe hundi dhugaadha jedhanii amanuun salphaadha.

Garuu kun yeroo hunda dhugaa miti.

6. Maxxaansaalee miira tuqan irraa of eeggadhaa

Kun wantoota nu sodaachisan, nu aarsan, nu yaddeessan ykn nu gammachiisan kan hedduu qoodamanidha.

"Sodaan wantoota oduu sobaa guddisan keessa isa dursaadha," jettin ogeettin dhaabbata odeeffannoo sobaa interneeta adda baasuun gaazexxeessitoota gargaarufi First Draft jedhamu Kileer Wardil.

Wantooti ejjennoo hatattamaaf waamicha dhiyeessan yeroo baayyee yaaddoo uumuuf qophaa'an- kanaaf of eeggadhaa.

"Namootni maatii isaanii kunuunsuu barbaadu, kanaaf wanta "Maloota vaayirasicha offirraa ittiin ittisan" ykn "Fayyinaaf kana fudhadhaa," jedhu yeroo argan isaan gargaaruuf wanta danda'an hunda godhu," jetti.

7. Wantoota deeggarsaa yaada

Odeeffannoo tokko kan namaaf qooddu waan dhugaa ta'eefimoo wanta yaadicha deeggartuufi?

Wiirtuu Hordoffii Midiyaalee Hawaasummaa Demositti hogganaa qorannoo kan ta'e Kaarl Milar harka caalaa odeeffannoo amantaa ofiin qabnu deeggarru qoodna jedha.

"Yeroo wanta tokkoo agarree aariin waliialle mataa raasnu caalatti hubamna," jedha. "Hunda caalaa yeroo kanatti, wanta midiyaalee hawaasummarratti qoodnu irratti suuta jechuu qabna''.