Keeniyaan hanqinni kondomii na mudate 'mala biraa fayyadamaa' jette

Madda suuraa, Getty Images
Qondaalonni fayyaa Keeniyaa hanqinni dhiyeessii kondomii biyyattii waan mudateef uummatni biyyattii tooftaa biraa akka fayyadamaniif dhaaman.
Manneetii nyaataa, hospitaalota, fi buufataalee tajaajile uummataa biroo keessatti manneen fincaanii keessatti kondomii bilisaan dhiyeessuun hin danda'amne.
Dhaabbanni mootummaa Sagantaa ittisa Aids fi dhukkuboota saalaa daddarboo biyyaalessaa hanqinni kondomii akka jiru beeksiseera.
Jalqaba waggaa kanaatti wal dhabdeen dhaabbilee qoricha farra HIV alaa galchanii fi mootummaa gidduutti dhimma qaraxaan dhalate akka hanqinni kun uumamuuf sababa taheera jedhame.
Wagga waggaan Keeniyaan kondomii miliyoona 445 barbaaddi. Mootummaan ammoo ji'a ji'aan miliyoona 1.6 qofa dhiyeessa.
Ministerri fayyaa Keeniyaa bara 2018 akka himetti tatamsa'inni HIV Aids biyyattii keessatti %4.9 irra jira.
Dubartootni dachaa sadii warra dhiiraa caalaa vaayirasiichaan qabamuu hima gabaasichi.
Garuu kaawontii biyyattii jiran keessatti garaagarummaa guddaa qaba.
Akka adunyaatti namootni miliyoona 37.7l tahan HIV Aids kan qabaman yoo tahu biyyootni Sahaaraan gadii irra caalaa miidhamoodha.
Namootni miliyoona 25 olvaayirasichaan qabaman biyyoota Afrikaa keessatti argamu jedhe Dhaabbatni Fayyaa Adunyaa gabaasa xumura bara 2020 baaseen.
Tatamsa'inni vaayirasichaa adunyaa irraa %71 kan tahu biyyoota Saharaan gadii keessattidha.
Itoophiyaa keessatti yeroo weerara koroonaavaayirasii kanatti namootni HIV qabamanii turan tajaajila fayyaa gahaa argachuuf rakkachaa akka turan BBCtti himanii ture.
Ragaan UNAIDS irraa arganne akka garsiisutti tamsa'inni HIV Itoophiyaa keessaa bara 2018 keessa %1.33 taha. Bara 2020 keessa ragaan kun namootni 500,000-700,000 tahan Hiv Aids qabamaniiru jedhe.
HIV Aids ammayyuu qoricha fayyisu kan hin qabne yoo tahu rakkoo fayyaa adunyaa isa guddaa tahee akka itti fufe WHO himeera.















