Dawaan HIV %86 ittisuu danda'u qorannoon mirkanaa'e

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Dawaan tamsa'ina vaayirasii HIV qaama keessatti daangessu UK, Weelsi keessatti qorannoo yaaliirra ture bu'aa qabeessa tahuun mirkanaa'era.
Qorichi kuni akka hojjetu kan mikanaa'e fayyadamtoota qoricha kanaa kan guutuu UK irraa walitti babba'an irratti qorannoo yaalii taasifamuun booda dha.
UK'tti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman qoricha Prep jedhamu kana kiliniikotarraa bitatanii fudhachaa jiru.
Hospitaalota Cheelsii fi Westiministar waliin tahuun Ejansiin Fayyaa UK qorichi kuni akka hojjetu qorannoon taasise qorannoowwan kanaan dura taasifaman keessaa kuni bal'aa tahuu himeera.
Qorannoon kuni bara 2017tti kan jalqabe yoo tahu hamma bara 2020tti dhaabbilee fayyaa UK 157tti adeemsifameera.
Qorannoon kuni dawaan pre-exposure prophylaxis(Prep) hojiirra akka oolu mirkana yoo kennu carraa HIVdhaan qabamuu harka 86'n hir'isa.
Yaaliiwwan qoricha kanaa kilinikoota garaagaraatti taasifaman qorichi kuni harka 99 akka hojjetu mrikaneessaniiru.
Ejansiin Fayyaa UK qorichi kuni bu'aa qabeessa tahuun mootummaan bara 2030tti tamsa'ina HIV zeerootti gadi buusuuf kaayyoo qabate milkeessuuf gargaara jedheera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gorsaan fayyaa hormaataafi HIV qorannoo kana irratti hirmaatan Joon Saandars vaayirasii kana ittisuuf qorannoon yaalii kuni bu'a qabeessummaa qorichichaa agarsiiseera jedhan.
Qorannoon miilanaa kanneen qorichoota kana dura hojjetaman caalaa bu'aa qabeessa akka tahe mirkanaa'uu himan.
Dhaabbanni tola oolaa The Terrence Higgins Trust HIV jedhamu bu'aa qorannoo kanaa haala gaariin kan simate yoo tahu, hawaasa bal'aa bira qaqqabsiisuufi waa'ee dawaa kanaa hubannoo uumuuf hojjetamuu akka qabu himeera.
Ittigaafatamaan imaammataa dhaabbatichaa Dabii Laayikook manneen qorichaafi marsariitiiwwan irrattillee namoonni bitachuu akka danda'an godhamuu qaba jedheera.
Akka Dr Saandarsan jedhanitti dawaan kuni akka hojjetu mirkanaa'uun dabalataan akkatti faayidaarra oolus qorannoon ifa baheera jedhan.
''Jalqaba namooti hangami qoricha kana akka barbaadan akkasumas yeroo hangamiif akka fudhatan beekna ture. Amma immoo eenyuuf qorichi kuni akka ajajamuu qabu barree jirra. Namoota baayyee biraan gahuufis hojjechuu dandeenya, '' jedhan
Dawaan Prep jedhamu kuni qorichoota HIV kanaan duraa of keessatti kan qabate yoo tahu, vaayirasiin HIV gara qaamaa akka hin galleefi erga gales qaama keessatti akka hin tamsaane taasisa.
Qorichi kuni guyyaatti al tokko yookiin saal-quunnamtiin dura fudhachuun danda'ama.
Qorichi kuni bara 2020tti UK keessa bal'inaan akka tamsa'u kan taasifame qorannoowwan kana dura dalagama irratti hundaa'uuni.












