Waraana booda Tigraayitti dhibeen HIV akkaan babal’achaa jira

Madda suuraa, Getty Images
Baatiiwwan darbaniitti Tigraayitti qorannoon dhibee HIV AIDS kan jalqabame yoo tahu dhiiga namoota hedduu keessattis vaayirashichi argamaa jira.
Hospitaalonni, waajjiraaleen fayyaa, waldaalee ittisaa fi to’annoo HIV yaaddoon ‘’weeraraa’’ akka jiru maddeen ni ibsu.
Weerarri kuni dargaggoota umrin isaanii waggaa 25 gadi tahan irratti akka olaanaa tahe gabaasaaleen waajira fayyaa naannichaa agarsiisu.
Maqaleetti qindeessituun fayyadamtoota qoricha farra HIV Aadde Hiwoot Aragaawwii BBCtti akka himanitti ji’oota darbanitti qorannoo hospitaalatti taasifameen dhiiga namoota baayyee keessatti HIV’n argameera.
‘’Kanaan dura ji’oota keessatti dhiiga namoota muraasa irratti qofa dha HIV’n kan argamu. Amma garuu sadii hanga afurriitti argachaa jirra. Yeroo naa bilbilaa jirtutti namoonni vaayirasiin kuni dhiiga isaanii keessatti argame sadii jiru,’’ jetti.
Hiwoot, ‘’guyya guyyaatti namoota 20-25 dhiiga qorachiisan keessaa yoo xiqqaate lama keessatti HIV’ argamaa jira,’’ jetti.
Tahus namni qoratamee of baruu qabu baayyeen gara mana yaalaa dhufaa jira jettee hin yaaddu.
Sababiinsaas meeshaaleen qorannoo tajaajilaan ala tahanii turuu fi meeshaan qorannoo HIV sadarkaa lammaffaafi sadaffaa irratti immoo hanqinni waan jiruufi.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraana Naannoo Tigraay waggaa lamaaf tureen hospitaalonniifi buufataalee fayyaa guutummaan guutuutti haala jedhamuun manca’aniiru. Warreen hafan ammoo hanqina meeshaalee fayyaa qabu.
Yeroos ogeessonni fayyaa guwaantii miicanii akka fayyadamaa turan haadholii ulfaa qorachuufis rakkachaa akka turan himaniiru. Kondomiifi qorichi farra HIV bilisaan hiramus dhaabbatee ture. Ogeessonni baayyees naannicha dhiisanii bahaniiru.
Waajjiri fayyaa naannichaa hanqinni qorannoo fi qorichaa olaanaa tahe akka jiruufi dhiyeessi jiruun qorannoo taasifameen tamsa’inni vaayirasichaa ‘’akkaan bal’aa’’ akka tahe agarsiisa jedheera.
‘’Qorannoo yaalii dhaabota fayyaa 37 keessatti taasifameen tamsa’inni vaayirashichaa dhibbeentaa 1.8 hanga 10.5 akka tahe agarsiisa,’’ kan jedhu waajirichatti qindeessaan ittisaafi to’annoo HIV Obbo Fissahaa Birhaanee dha. Hanqinni kondomii fi qorichi HIV’n haadharra daa’imaatti akka hin dabarre taasisu jira jedhaniiru.
Kana malees ogeessonnifi qondaaloti fayyaa BBC’n dubbise yeroo waraanaa haleellaan saalaa dubartoota irratti qaqqabaa tures tamsa’uu vaayirasichaaf shoora guddaa qaba jedhan.
‘’Dubartoonni 120,000 tahan haleellaan saal-quunnamtii irra gaheera. Kunneen keessaa dhibbeentaan shan vaayirasiin HIV dhiiga isaanii keessatti argameera.
Kunis tamsa’inni vaayirasichaa sadarkaa yaaddessaarra gaheera kan jettu Aadde Hiwoot, ‘’qorannoo taasisuun sadarkaan irra jiru sirriitti akka beekamu irra deddeebiin gaafachaa jirra. Tahus filadhaa qoradhaa jedhamaa jirra. Hawaasni marti qoratamuu qaba,’’ jetti.
‘Filatanii qorachuun(target testing)' : qaamota hawaasaa saaxilamoo tahan irratti qorannoo xiyyeefatu yoo tahu, daldaltoota saal-quunnamtii, konkolaachistoota, kanneen maatii HIV qabanirraa dhalatan, haadholii ulfaa fi namoota wiirtuulee buqqaatotaa keessa jirani dha
Dhalootni haa fayyuu, nurratti haa dhaabbatu
Waggoota 20 darban keessatti tamsa'ina HIV hir'isuufi dhaloota baraaruuf hojjetaa kan turte Aadde Malka'aa Asigadoom ammallee of baraaraa jechaa jirti.
Bara 1993 A.L.I vaayirasiin HIV dhiigashee keessa akka jiru erga bartee namoota kaan wajjin dhimmicharratti miidhamtoota barsiisaafi kunuunsaa turteetti.
Aadde Malka'aan daarektar olaantuu Waldaa Tasfaahiwoot Tigraayi dha. Waldaan kuni dubartoota HIV dhiiga keessaa qaban wajjin hojjeta. Tamsa'inni amma jiru kuni isa waggaa 20 har'aa na yaadachiisa jetti.
''Waan itti dadhabaa turre, gara zeerootti deebi'aa laata?'' sodaa jedhu qabdi.
Yeroo weerara koronaavaayirasii namoonni baayyee mana waan hin baaneef, ''dubartoota irrati haleellaan saalaa adda addaa irra gaheera. Sababa kanaan HIV, fistullaa fi dhibeewwan biroof saaxilamaniiru,'' jette.
''Sababa waraanaa warreen qoricha dhabanii turan, reebichaafi gudeeddiin irra gahee dhukkubaafi du'aaf saaxilamaiiru. Kanneen dirree waraanaa deeman ammoo 'bor du'uun koo hin oolu' jechuun saal-quunnamtii eeggannoo hin qabne raawwataniiru, '' jechuun ibsiti.
Kunneen tamsa'inni vaayirasii kanaa akka hammaatuufi sadarkaan irra jirus akka hin beekamne taasiseera jetti.
Waldaan Tasfaa Hiwoot Maqalee fi naannoo isheetti miseensota 1017 qaba.
Dhibeen HIV naannolee sadiin alatti sadarkaa yaaddessaarra akka jiru ragaan Waajira To'annoo fi Ittisaa Federaalaa mul'isa.
Waggoota dhihoon asitti naannoleen Gaambeellaa, Harar, Affaar, Tigraay,
Amaaraafi Beenshaangul Gumuuz akkasumas Finfinneen sadarkaa yaaddessaarra jiraachuu isaanii akeekkachiisaniiru.
Bara 2016 tamsa'inni HIV dhibbeentaa 1.24 kan ture dabalaa akka jiru qo'annoowwan mul'isaa turan.
Qorannoo Intitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa bara 2019tti taasiseen tamsa'inni vaayirasii kanaa dhibbeentaa 1.3 irra gaheera jedha.
Akka seerri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa agarsiisutti lakkoofsa uummataa keessaa dhibbeentaa tokko ol dhukkubichaan yoo qabame akka weeraraaatti lakkaa'ama.
Itoophiyaattis sadarakaa biyyaalessaa jedhamuun weerara jedhamuu baatus, tamsa'inni dhukkubichaa bal'aan akka jiru garuu hin shakkisiisu.
Waraanaan dura tamsa'inni vaayirasii kanaa 1.43 akka ture kan himu hoggansi waajira to'annoofi ittisaa HIV Naannoo Tigraay Obbo Fissahaa Birhaanee yeroo ammaa kanatti vaayirasichi 'tamsa'aa' akka jiru ibsa.
Waraanaan dura Naannoo Tigraayitti namoonni 43,000 fi ijoollee 3000 tahan dhibee HIV'n qabamanii akka turan himuun Obbo Fissahaan, ''waraanaan booda qo'annoo taasifaneen namoota qoricha farra HIV fayyadaman 33,000 jiru,'' kana jechuun kaab lubbuun darbeera ykn gara iddoo biraa deemaniiru tahuu danda'a.
Godina Lixaafi kibbaa Iroobitti namoonni jiraatan haala maalirra akka jiran kan hin beekamne tahuu himuuun Obbo Fissahaan,''yerootti namni 1000 guyyaatti du'aa turetu jira. Hamma waggaa 40 qofatti namoonni jiraachaa turan. Dargaggoonni kana hin beekan,'' jedhan.
Rakkoon inni biraa kondomii dha
Obbo Ri'isoom magaalaa Shiree Indaasillaasee ittigaafatamaa to'annoo fayyaati. Naannichatti meeshaaleen qorannoo gahaan ijaa hin jirreef tamsa'inni vaayirasichaa hamma yoonaa akka hin mirkanoofne dubbatu.
''Haqinni kondomii jira. Namoonni otoo hin qoratamiin wal-fuudhaa jiru. Saal-quunnamtiin eeggannoo hin qabne akka jirus ni shakkina jedhan. Dhukkubooti saal-quunnamtiin daddarban badanii turanillee akka haaraatti mul'achaa jiru. Kunneen tamsa'ina dhukkubichaaf akkaan shoora qabu,'' jedhaniiru.
Qaamoti isaan ilaallatu hundi kiitii qorannoo vaayirasichaafi kondomii akka dhiyeessaniifi gaafataniiru.
Kana malees lakkoofsi manneen dhugaatii, jimaa itti qama'aniifi kilabooti halkanii isa waraanaan dura turanirraa dabaluu ragaan waajira fayyaa naannichaa agarsiisa.
Gorsa ogeessa fayyaa
HIV'n ammallee yaaddoo fayyaa addunyaati.
Hamma ammaatti vaayirashichaan namoonni miiliyoona 40tti siqan lubbuun isaanii darbuu ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa agarsiisa.
Vaayirasiin kuni ammallee qorichi argamufii baatus ittisuun garuu ni danda'ama.
Aadde Hiwoot Aragaawwiin rakkoo akka haaraatti dhufaa jiru kana bu'uura godhachuun hawaasa haala gahaa taheen barsiisuun barbaachisa jetti.
''Barnootni yoo kennamuudhaa baate fi tarkaanfiin yoo hin fudhatamne uummata fixa yaaddoo jedhu qabna,'' jechuun ibsiti.
Dabalataan meeshaaleen qorannoo, qoricha farra HIV, kondomii fi tarkaanfiiwwan ittisaa akka kennaman gaafatti.
''Dhimma kanaaf xiyyeeffannoon addaa kennamuu qaba. Mootumaan hamma eegamu hojjechaa hin jiru. Waan qabuun kan wal'aansoorra jiru ogeessa qofaa dha,'' jechuun yaaddoo qabdu hubachiisti.












