Fayyaa: Dubartii jalqabaa addunyaarratti HIV irraa fayyite

Tooftaan wal'aansa kun namoota vaayirasicha waliin jiraatan hedduusaaniif fayyisuuf hin oolu jedhameera

Madda suuraa, SCIENCE PHOTO LIBRARY

Ibsa waa'ee suuraa, Tooftaan wal'aansa kun namoota vaayirasicha waliin jiraatan hedduusaanii fayyisuuf hin oolu jedhameera

Dubartiin lammii Ameerikaa yeroo jalqabaaf addunyaarratti HIV irraa kan fayyite yoo taatu, addunyaarratti namoota fayyan keessaa ishee sadaffaa ta’uutu amanama.

Dubartiin kun wal’aansa dhukkuba Lukiimiyaa (kaansarii dhiigaa) fudhachaa kan turte yoo ta'u, seelota ‘stem’ jedhaman kan nama uumamaan madinummaa vaayirasii AIDS fidan ofirra ittisuu qabu irraa fudhatte.

Dubartiin kun ji’oota 14’f vaayirasicharra bilisa taatetti.

Ogeeyyiin akka jedhanitti garuu tooftaan jijjiirra dhiigaa, dhiiga ujummoo handhuuraa dabalatu kun namoota vaayirasii HIV waliin jiraatan hedduu isaaniif hin ta’u, balaa cimaaf kan saaxiluu jedhu ogeyyiin.

Dhimmi dubartii wal’aansicha fudhatte kanaa yaa’ii dhimma fayyaa Deniver gubbatti Kibxata kan dhiyaate yoo ta’u, yeroo jalqabaatiif tooftaa kanaan HIV irraa dhukkubsata fayyisuun danda’ame.

Dubartiin kun nama sadaffaa fi dubartii jalqabaa HIV irraa fayyite haa jedhamtuyyuu malee Sadaasa bara 2021 dubartiin lammii Arjantiinaa qoricha tokko malee HIV/AIDS irraa fayyuun gabaafamee ture.

Dhukkubsattuun kun wal’aansa dhibee kaansariif jecha jijjiirraa dhiiga ujummoo handhuuraa ’umbilical cord blood’ nama biraa irraa fudhatte.

Yeroo wal’aansicha argattee kaase garuu dawaa farra vaayirasichaa wal’aansaaf kennamu fudhachuun isheef barbaachisaa miti jedhame.

Wal’aansi kun qaama qorannoo Ameerikaan namoota vaayirasicha waliin jiraatani fi wal’aansa kaansarii fi dhibeeewwan hamoo biroof jijjirraa dhiigaa gosa kanaan walfakkaatu fudhataniti.

Seelonni geeddaraman kunneen qaccee caaseffama addaa kan qaban yoo ta’u, vaayirasii HIVtiin hin faalaman ykn hin qabaman .

Saayintistoonni akka jedhanitti, sirni madinummaan namoota wal’aansa kana fudhatanii vaayirasii HIV ni dandamata.

Dubartiin wal’aansa jijjiirraa dhiigaa argatte wal’aansa dhukkubsattoota seelota haadhoo ’stem’ akka jijjirraa dhukaatti namoota umriin ga’eeyyii irraa argatanii turaniitiin wal hin fakkaatu.

Dhiigni’ Umbilical cord’ seelota stem jedhaman kan namoota umriin gaheeyyii ta’aniirra argamu caala bal’inaan hojiirra oola.

Wal’aansichi namootni kan namoota dhiiga kana gumaachaniif fi fudhatanii walitti dhiyeenya walsimu danda’u qabaachuun dirqama miti.

Pirezedantii hawaasa vaayirasicha waliin jiraatanii sadarkaa addunyaakan ta’an Sharoon Lewin,tooftaan jijjirraa walaansa kanaaf hojiirra oolfame namoota vaayirasicha waliin jiraatan harkaa caalu fayyisuu hojiirra kan oolu miti jedhan.

Haa ta’u malee wal’aansi kun ‘’vaayriasicharra fayyuun akka danda’amu mirkananeessa, tarsimoo wal’aansa qacceetti gargaaramuu cimsuun vaayirasicharra fayyuuf tarsiimoo bu’aa buusu danda’u’’ jedhan.

Argannoon dhimma dhiyeenyaa kanarratti xiyyeefatu amma yoonaatti hin maxxanfamne, kanaafu hubannoonn saayiinsaawaa dhimma kanarratti xiyyeeffate ammaf murtaa’adha.