'Lixa Tigraayitti waliigaltee nagaatiin boodas duulli sanyii balleessuu itti fufeera'- HRW

Dubartoota dhaabbatanii jiran

Madda suuraa, HRW

Dhaabbanni mirga dhala namaaf falmu Human Rights Watch naannoo falmisiisaa Lixa Tigraay keessatti waliigaltee nagaatiin boodas yakki saba dhabamsiisu [ethnic cleansing] itti fufeeraa jedhe.

Dhaabbatichi ibsa Caamsaa 31, 2023 baaseen iddoo humnoonni Amaaraafi Tigraay kiyya jedhanii irratti wal-falman Lixa Tigraay keessatti kanneen yakka saba dhabamsiisuu raawwachaa turan erga waliigaltee nagaa Piriitooriyaatiis ''gocha isaaniin itti fufaniiru'' jedhe.

Lafa waraana Kaaba Itoophiyaa dura godina Kibba Tigraay jedhamun beekamu, humnootni Amaaraa erga to'atanii booda lafti sun ''kan Amaaraati'' jechuun saba naannicha barootaaf ture humnaan dhabamsiisuuf yakki gaggeeffamaa akka ture dhaabbileen mirgaaf falman irra deddeebiin gabaasaa turan.

HRW ibsa isaa alanaa keessatti erga waraanni karaa nagaa dhumees ''kanneen mirga namoomaa sarban yakka dararuufi humnaan buqqisuu dalaganiif gaafatamtoota ta'aa hin jiran'' jedhe.

''Sadaasa 2, 2022 waliigalteen nagaa erga raawwatee Lixa Tigraay keessatti aanga'oonni naannoofi humnootni Amaaraa warra sabummaan Tigiree ta'an irratti duula humnaan dhabamsiisuu raawwachuu itti fufaniiru.''

Ibsi dhaabichaa qorannoo ji'ootaaf gaggeeffamaa ture irratti hundaa'ee kan baheedha.

Qorannoo gaggeefame keessatti ''amma duras sarbama mirgaan aanga'oonni maqaan isaanii eerame Koloneel Dammaqee Zawduu fi Balaay Ayyaaleew jimlaan nama hidhuu, dararuufi dirqiin godaansisuu keessatti qooda fudhachuu itti fufaniiru.''

Fakkii haala Lixa Tigraay keessa ture agarsiisu, Ebla, 2022

Madda suuraa, Human Rights Watch

Ibsa waa'ee suuraa, Fakkii haala Lixa Tigraay keessa ture agarsiisu, Ebla, 2022

Daayireektara itti aantuu HRW Afrikaa kan ta'an Latiishiyaa Baader waliigalteen nagaa mallattaa'us yakka saba dhamabsiisuu uummata Tigree, Lixa Tigraay jiran irratti raawwatu dhaabsisuu hin dandeenye jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Mootummaan Itoophiyaa sarbama mirgaa raawwateef haqni akka mirkanaa'u ni barbaada yoo ta'e, Lixa Tigraay keessatti qorannoon walabaa gaggeefamuusaa dhorkuu hin qabu, qondaaltotaafi ajajoota waraanaa sarbama raawwatan gaafatamtoota gochuu qaba.''

Dhaabbatichi Fulbaana bara 2022 irraa hanga Ebla bara 2023 Lixa Tigraay keessaa namoota sarbama mirga namoomaa gahu ijaan argan, miidhamtootaafi hojjettoota ejensichaa walumatti 35 ta'an bilbilaan dubbiseera.

Namootni yaada isaanii jaarmiyaa kanaaf kennan Lixa Tigraay magaalaa Humaraa keessatti aanga'oonni naannichaafi humnoonni Amaaraa dhalattoota Tigraay kumaa ol ta'an walitti qabanii bakka tursiisaa kaahuu dubbatan.

Bakka jumlaan tusiifaman keessatti ''namni yoo dhukkubsate, waldhaansi fayyaa kennamuuf hin jiru, hamma du'anittis achuma turu'' jedha namni ganna 28 bakka Beet Hintseet jedhamutti hidhamee ture tokko.

Sadaasa 10, 2022 Milishoonni Faannoo dhalattoota Tigraay 2,800 ta'an kan dhiira, dubaraa fi daa'imman of keessaa qabu buufataalee shan irraa humnaan gara bakka biroo geessaniiru jechuun Rooyitarsi dhaabbilee gargaarsaa waabeffachuun gabaasee ture.

Ergasiis Amajjii darbes akkasuma jiraattotniifi hidhamtooti 70 ta'an Lixa Tigraay keessaa baafamaniiru akka gabaasa dhaabbatichaatti.

Dhalattooti Tigraay waraana dheessanii gara Baha Sudaanitti baqatanii ammallee achi jiran 47,000 akka ta'u dhaabbileen gargaarsaa ni himu, kan achuma Tigraay keessatti qe'eerraa buqqa'an garuu lakkoofsaan hin beekamu.

Seerri idila addunyaa sabani humnaan qe'eerraa buqqa'e mirga fedha isaan qe'ee isaatti deebi'uu qabaatus haalli qabatamaa amma Lixa Tigraay keessa jiru walabummaan deebi'anii jiraachuuf mijataa mitii jedheera HRW.

Namootni jaarmiyaa kanaaf yaada isaanii kennan aanga'oota sadaarkaa olii irraa qabee hanga nama dhuunfaa adeemsa kana keessatti hirmaateetti hunduu seera duratti dhiyaachuu akka qabu iyyataniiru.

Dubartii daa'ima baattee konkolaataa fe'insaarra jirtu

Madda suuraa, AFP

Jaarmiyaan kun bu'aa qorannoo isaa isa jalqabaa mootummaa Itoophiyaaf dhiyeessee deebii akka hin arganne ibseera.

Daayirektarri itti aantuun jaarmiyaa kanaa Latishiyaa michoonni idila addunyaa Itoophiyaa qabinsi mirgaa biyyattii akka fooyya'u yoo fedhan, sarbamni mirgaa amma adeemaa jiru akka dhaabatu, balleessitootni akka himataman dhiibbaa gochuu qabuu jedhaniiru.

Mootummana wanta amma Lixa Tigraay keessatti ademaa jiru dhaabisisuun, yakkitoota qoratee seeraan akka adabus waamicha godhaniiru.

Lixni Tigraay erga waraanni Kaaba Itoophiyaa eegalee harka humnoota Amaaraa jira.

Naannoon kun lafa qonnaa saliixiifi kaaniifis mijataa ta'e bal'aa kan qabu yoo ta'u humnoonni siyaasaa Amaaraa naannichi bulchiinsa Tigraay jala kan gale bara bulchiinsaa ABBUT, humnaafi tooftaadhaani jechuun abbummaa lafichaaf falmu.

Mootummaan naannoo Amaaraa Hagayya keessa waayee Lixa Tigraayii bahuurratti yaada kenneen ''bakkeewwan kunneen humnaan kan nurraa fudhatamaniidha. Amma eenyummaa isaa deebiifachuuf qabsoo godheen ummanni bilisummaa isaa labsateera. Amma nagaan jiraachaa jira,'' jedhee ture.

Mootummaan federaalaa humnoota Tigraay waliin waliigaltee nagaa erga raawwatee hiree lafa Lixa Tigraay irratti ejjennoon qabu humnoota Amaaraa hin gammachiisu.