Yaada Tiraamp 'US Gaazaa akka to'attu' dhiyeessaniif biyyoonni addunyaa deebii kennan

Mancaatii Gaazaa

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhimma Filisxeemota Gaazaa irratti yaadni kennan ilaalchisee hoogganoonni addunyaa dubbachiisaa jira.

Tiraamp US yeroo dheeraaf abbummaa Gaazaa akka qabaattuu fi bulchiinsicha deebiftee misoomsuuf fedha qabaachuu dubbatan. Dabalataanis, Filisxeemonni Gaazaa jiraachaa turan Gaazaarraa fagaatanii akka qubsiifaman yaada dhiyeessan.

Taraamp akkam godhanii naannicha akka misoomsan dubbataniiru, ammoo US ulaa Gaazaa yeroo dheeraaf dhuunfattee naannicha tasgabbii guutuutti, Gaazaas iddoo ajaa'ibaa gochuu akka dandeessu dubbatan.

Yaadni kun biyyoota michuu US ta'an dabalatee bitaafi mirgaa mormii keessummeessaa jira.

Pirezidantiin Filisxeem Mohaammud Abbaas yaada Tiraamp kana cimsanii balaaleffatan.

''Mirgi Filisxeemotaa haqa qabeessa ta'e wanta mariif dhiyaatu miti, Gaazaan qaama biyya Filisxeemi'' jedha ibsi karaa waajira Pirezidantii isaanitiin bahe.

Ibsa addatti Abbaas baasaniin ammoo karoorri Tiraamp ''sarbama seera idil-addunyaa hamaadha'' jedhaniiru.

Ibsi Abbaas akka ejensiin Oduu Wafa hiiketti, ''mirgi uummata keenyaa, kan nuti barkurneef qabsoofneefi aarsaa guddaa itti baafne akka sarbamu hin hayyamnu'' jedha.

Baha Gidduugalaatti biyyi gahee murteessaa baatu Masriin karaa Ministira Haajaa Alaashee yaada Tiraamp kana kan balaaleffattu ta'uu ibsite.

Ministirichi Ministra Muummee bulchiinsa Paalistaayiin kan Kaayeroo turan waliin ibsa yeroo kennan Gaazaa qulqulleessanii deebisanii ijaaruun wayita uummanni qe'eesaarraa hin fageeffamnetti ta'uu qaba jedhaniiru.

Hojiin ijoon Gaazaa bayyanichiisuu atattamaan raawwatamuu qabas jedhaniiru.

Pirezidant Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hoogganoonni addunyaa hedduun yaada Tiraamp mormuun wanti Baha Gidduugalaatti tasgabbii fiduu danda'u biyya walabaa lama ijaaruun (a two-state solution) akka ta'e ibsaa jiru.

Ministirri Dhimma Alaa UK, Deeviid Laamiiy biyyisaanii ejjennoo biyya walabaa lama ijaaruutti akka cicchitu ibsaniiru.

Filisxeemonni dachee isaanii Gaazaa fi Weestibaanki keessa jiraachaa, badhaadhuu isaanii arguutu nurra jira,'' jedhan.

Ministeerri Dhimma Alaa Faransaayis ibsa baaseera. Filsxeemonni Gaazaa keessaa humnaan buqqa'uu akka balaaleffatu beeksise.

Dabaluunis Gaazaan qaama sadaffaa kamiinuu to'atamuu hin qabdu jechuun yaada Pirezidant Tiraamp morme.

''Israa'eliifi Filisxeemiif wanti furmaata waaraa fidu beekamtii biyya walabaa lamaa qofa'' jedheera.

Raashiyaan karaa dubbii himaa Kireemliin Dimiitrii Peeskoov yaada kenniteen, Baha Gidduugalaa keessatti qubannaan kan raawwatamuu qabu beekamtii biyyummaa Filisxeem labsamuu booda ta'uu qaba jedhaniiru jedha gabaasni Rooyitars.

Ministeerri Dhimma Alaa Saawdii Arabiyaas yaada filisxeemota Gaazaa dhaabbataan buqqisuu balaaleffateera. ''Yaalii kamuu filisxeemota lafa isaaniirraa buqqisuu ni mormina'' jedha ibsi bahe.

Filisxeemiif beekamtiin biyyummaa kennamu malee Israa'el waliin hariiroo kamuu akka hin qabaanne ibse.

Chaayinaafi Awustiraaliyaanis yaada Tiraamp mormanii furmaata walabummaa biyya lamaa jedhu kan deeggaran ta'u beeksisan.

Tarkiinis karaa Ministira Dhimma Alaa ishee yaada kenniteen Filisxeemoota ''taphaa ala gochuun waraana hammeessa'' jetteetti.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.