Sababii qaraxa US sibilarra keesseetiin gosa soorataafi dhugaatii qaala'uuf jiru beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Tarkaanfii Tiraamp tibbana oomishaalee sibiilaa fi aluminiyeemii gara UStti galfamu hunda irratti qaraxa %25 kaffalamuuf jira. Kunis seera meeshaalee biyyoota michoota daldalaa gurguddoo kan akka Kanaadaa, Meksikoo, Biraazil, akkasumas Gamtaa Awurooppaa dabalatee kanfaluuf jiru.
Tarkaanfiiwwan qaraxa dabalataa prezidaant Doonaald Tiraampidhaan labsame kunis, ji'a dhufu hojiirra oola jedhamee eegama. Kana jechuun ammoo, dhaabbileen daldalaa Ameerikaa hedduun sibiilota gara biyya keessa galchuu barbaadan kaffaltii dabalataa kaffaluu qabu jechuudha.
Haata'u malee, dhaabbileen kunneenis baasii dabalataa kana ykn hanga tokko fayyadamtoota irratti akka dbalan eegama.
Sibiilli fi aluminiyeemiin meeshaalee hedduu keessatti waan ijoo waan ta'aniif, meeshaaleen qaala'uu danda'an maali fa'i?

Madda suuraa, Getty Images
1. Nyaataa saamsame, biiraa fi dhugaatii saamsame
Ameerikaatti sibiilli oomishaalee nyaataa xaasaan saamsuudhaaf fayyadaman keessaa gara %70 biyya biraarraa kan galfamuudha. Biyyoota akka Jarmanii, Nezerlaand fi Kaanaadaa irraa kan dhufu ta'uu gareen daldalaa Xaasaa hojjetan bakka bu'u, Dhaabbanni Oomishtoota Xaasaa (CMI) ibseera.
Tiraamp bara 2018tti erga qaraxa sibiilaa irratti dabaleen booda, kanneen xaasaa hojjetan hedduunsaanii gibira galii sana keessaa "kan ala ta'an" mormii warri sibiilaa hojjetan kaasaniin, gosa sibiilaa xaaasaa hojjechuuf oolu US keessatti daangeffame ilaalcha keessa galchuun ture.
Erga yeroo sanaatii as ammoo, oomishtoonni sibiilaa oomisha xaasaa daran hir'isuun gatii ol dabaluu isaanii Dhaabbanni Oomishitoota Xaasaa (CMI) akeekkachiiseera.
Innis jalqaba baatii kanaa Jeneraal Miils, Deel Monte fi Goya dabalatee, xalayaa dhaabbilee nyaata oomishan gurguddoon mallattaa'e bulchiinsa Tiraampiif ergeera..
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidaantiin CMI, Roobart Budway akka jedhanitti, oomishtoonni xaasaa qaraxa sibiilotaa irraa bilisa yoo taan malee, gatiin gurgurtaa nyaata xaasaan saamsamanii US keessatti hojjetaman dabaluu hin oolu.
"Pirezidaantichi qaraxni kun indaastirii sibiilaa ni gargaara jira jedhanii amanuu danda'ulleen, gama biraatiin ammoo wabii nyaataa keenyaafi dhiyeessii nyaata xaasaan saamsaman kan lammiileen guyyaa guyyaan itti fayyadaman miidhu isaa beekamaadha," jedhan Mr Budwaay.
Aluminiyeemii gama ilaallatuun ammoo, warri dhugaatii oomishanii fi kanneen dhugaatii lallaafaa kan akka Kookaa Koolaa hojjetanis tarkaanfiin kun baasii dabaluu fi maamiltootaatti gatii olkaasuu akka danda'u akeekkachiisaniiru.
Hojii gaggeessaan olaanaa dhaabbata Kookaa Koolaa, Jeems Kuwiinsii torban kana invastarootaan, "Jijjiiramoonni baayyeen ta'aa jiru keessatti dandamachuufi karaa salphisuu dandeenyu keenya to'anna," jedhan.
Tiraamp yeroo kanatti oomishaalee dhuunfaafis ta'e biyyoonni seera kanarraa bilisa ta'an akka hin jirree dubbatan. Haata'u malee dameewwan tokko tokko ejjennoosaa kana jijjiruu akka danda'u abdachaa jiru.
Konkolaataa

Madda suuraa, Getty Images
Erga Tiraamp bara aangoosaa jalqabaatti sibilaafi almuniyeemii irra qaraxa kaa'ee booda. Foordii fi Jeneraal Mooters dabalatee oomishitoonni konkolaataa tarkaanfiin kun baasii isaanii tokko tokko irratti hanga doolaara biiliyoona tokko dabaluu akka danda'u akeekkachiisan.
Maamiltootaaf, baasii qaraxaa yeroo sanaa tilmaamaan %1, ykn maamiltootaaf gatii doolaara 300 akka dabalu tilmaameera.
Xiinxalaan dhaabbata 'Morningstar' kan ta'an Deeviid Wiistoon ammatti Foordiin baasii walfakkaatu mudachuu akka danda'u akeekkachiisaniiru, garuu ammoo fayyadamtoonni akkamitti akka miidhaman ifa miti jedhan.
Dhiibbaan gatii madaalawaa gabaa gurgurtaan ammallee sadarkaa bara 2019tti hin deebine keessatti baasii dhaabbileen hangam akka fayyadamtootaatti dabarsuu akka filatan daangessuu danda'a jedha xiinxalaan konkolaataa 'S&P Global Mobility' Maayikeel Wool.
Garuu baasii qaraxaa sibiilotaa irraa kaa'ame muraasni gara bittootatti akka darbu eeguun ammallee ''haqa-qabeessaadha'' jedheera.
Haata'u malee, Tiraamp meeshaalee Kaanaadaa fi Meksikoo irraa galfaman hunda irratti qaraxa labsuun isaa, yeroo ammaa hanga Bitooteessaatti akka turfame, bittoota irratti dhiibbaa guddaa akka qabu hubachiisaniiru.
Konfiraansii daldalaarratti hoji gaggeessaan olaanaa Foord Jiim Faarleyii, tarkaanfiin Tiraamp dhiheenya kana fudhatan indaastirii isaaniif ''baasii fi jeequmsa guddaa'' fidaa akka jiru akeekkachiisan.
Oggeessoonni diinagdee, ammoo yoo qaraxni guutuu meeshaalee Meksikoo fi Kanaadaa irraa dhufan irratti kaa'ame hojiirra oole, gatii konkolaattotaa gara doolaara 3,000n ol ka'uu akka danda'an tilmaaman.
3. Ijaarsa, mana jireenyaa fi meeshaalee

Madda suuraa, Getty Images
Industiriin ijaarsaa dameewwan fayyadamtoota sibiilaa gurguddoo keessaa tokko yoo ta'u, misoomsitoonnii fi kanneen mana ijaaran ijaarsa irraa kaasee hanga meeshaalee manaa hundaaf sibila barbaachisa.
Dura taa'aan Waldaa Ijaarsitoota Manaa Biyyaalessaa Kaarl Haaris murtoon qaraxa sibiilaa fi aluminiyeemii irra kaa'uun, galma Tiraamp manneen jireenyaa gatii madaalawaa taasisuu jedhu waliin "guutumaan guututti kan faallaa" ta'uu jechuun ibsuun, baasii kan dabaluu fi misoomaa fi sochii ijaarsa akka duubatti deebisu ta'u akeekkachiisan.
"Dhumarrattis fayyadamtoonni qaraxa kanaaf bifa gatii manaa qaalii ta'eetiin kaffalu," jechuun akeekkachiisan.
Waldaan Ijaarsitoota Manaa Biyyaalessaa, Tiraamp meeshaalee ijaarsaa qaraxa yaadame irraa bilisa akka taasisuuf dhaaman.
Tiraamp bara 2018 qaraxa sibiilaa erga kaa'anii booda, oomishtoonni meeshaalee tokko tokko gatii sibiilaa dabaluu isaatiin kan ka'e jecha baasii doolaara miiliyoona 350 ol kan hin eegamne isa mudatee ture.
Dhaabbileen baasii akkasii dandamachuu hin dandeenyes suuqiiwwan keessatti gatii dabaluunsaanii hin ooluu.












