Boqqolloon waadnee nyaannu qorraaf gaariidhaa?

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo gannaafi qorri hammaatetti uffata qorraa uffachuun qofti gahaa miti. Soorataan of utubuunis barbaachisaadha.
Bakkeewwan Itoophiyaa garagaraatti yeroo gannaafi qorri hammaate boqqolloo, dinnicha, foon, raafuu, mooqaafi kaan hedduu baratamaadha.
Yeroo ammaa jiruun qaala'ee kanatti hiyyummaa qofa miti qorris nama huba. Kanaaf falli maali? Ogeessa soorataa dubbifneerra.
Yeroo gannaa akka isa bonaa olii gadi deemuun, bakka garaa gahanii deebi'uun rakkisuu mala.
Mana ofii gaabii xaxatanii, fooxaa yookiin marxoo uffatanii ooluunis sochii waan xiqqeessuuf rakkoo fidee dhufu qabaachuu mala.
Dr Yihunee Ayyalaa, Yunivarsiitii Diillaa barsiisu. Qorataa sirna soorataati.
Akkaataa sirna soorataa lammiilee Itoophiyaa qeequ. Ammoo ganni waan nuuf fidu qaba jechuun gammachuu ibsu.
Inni ijoo waan muduraa nami baay'ee yeroo kaan hin arganne, ganna waan baay'atuuf waan gaarii akka ta'e dubbatu.
''Qorra ofirraa ittisuuf nyaata humnaafi anniisaa namaa kennan barbaachisoodha,'' jechuun ibsu.
Gosooti nyaataa humna namaa kennan garuu kami?
''Wantoota ijoo lamarraa argachuu dandeenya. Tokkoffaa midhaan cooma qaban. Inni lammaffaa kaarboohaayidireetii kan jennu sukkaaraafi gosni sukkaaraa jiru.
''Kunneen soorata humna nuuf kennanidha. Ganna keessa kan akka mulluu, daabboo, shaayi sukkaaratti, '' fi kan kana fakkaatan humna akka nuuf kennan dubbatu.
Haa ta'u malee, qorratu jira jennee waan cooma qabu, waan zayitii qabu, kaarbohaayidireetii baay'isuun rakkoo fayyaa qabaachuu mala.
''Walumaagala kan wal madaale [soorati] ta'uu qaba,'' jechuun gorsu.
Ogeeyyiin akka ibsanitti, dhugaatiin lallaafaa, buna sukkaara qabuufi kan humna nuuf kennan dhuguun yeroof humna nuuf kennuu malu.
Ta'us, tura keessa humna nu laaffisaa deemu. Sababa kanaaf kuduraalee illee makaniii nyaachuun gorfama.
Nyaachuu qofa miti hin dheebonne jedhanii bishaanis ta'e dhugaatii qaama keenyaaf barbaachisan dhuguunis akka hin dagatamne ogeeyyiin gorsu.
Boqqolloo
Gosoota soorataa yeroo gannaa Itoophiyaa bakkeewwan garagaraatti barame keessaa tokko boqqolloodha.
Waaddii, akaayii, mulluu isaa fa'i jechuudha. Yoo immoo jiraate marqaan isaas bareeda.
Booda kanammoo magaalota adda addaatti hanuma galgalaa'uu eegalu waaddiin boqqolloo gurguramu baramaadha.
Gatiin isaa akka duriis ta'u baatu, hamma tokko soorata nami baay'ee argatuu danda'udha.

''Boqqolloon humna namaa kenna. Asheeta waan ta'ef qaama keenyaaf humna kennuu qofa miti, baay'ee barbaachisaadha,'' jechuun ibsu Dr Yihuuneen.
Keessumaa biyyoota Lixaa cabbiin baay'atutti mana keessa maashiniin mana ho'isu akkuma jiru, mana keessa boqqolloo waaduun manas ho'isa innis faayidaa tokko jedhu.
''Namni baay'ee humna qabuun soorati argachuu danda'u boqqolloodha,'' jedhu ''Hiyyummaan karaa qorraas nu qoraa jira jechuudha,'' jechuun.
Lammiileen Itoophiyaa guyyaatti yoo biddeena nyaatan malee kan nyaatan itti hin fakkaanne gara hin qabani.
Kanneen biyyaa bahanii biyya ormaa jiraatanis kanuma himatu. Sanuu, osoo gatiin xaafii akkaan dabale jiru kanatti.
Ogeessi sirna nyaataa kuni garuu kana qeequ. ''Sirna soorata keenya jijjiiruu qabna,'' jechuun gorsu.
Yeroo soorannu waan hunda wal madaalchisanii soorachuun akka barbaachisu dubbatu.
Dinnicha
Yeroo baay'ee yeroo gannaa wanti barame dinnicha affeelanii qocqocaa, dhadhaa, zayitii yookiin kaaniin soorachuudha.
Ittoo yookiin waaddi isaa tolchuunis danda'ama. Keessumaa affeelliin isaa magaalota keessa akkuma waaddii boqqolloo gurguramuu eegaleera.
''Dinnicha humna namaa kenna. Dinnichi sadarkaa olaanaan istaarchii[sukkaara qaba], keessumaa mixaaxisi [sukkaar dinnichii kan jedhan],'' jedhu ogeessi.
Haa ta'u malee, akkuma boqqolloo osoo dinnicha waadanii nyaatanis bareeda jedhu.
Daa'imaaf ''Dinnicha aannan waliin[akka marqaa godhanii] kennuu,'' gorsu.
Biyyoota kaanitti hawaasi wabii midhaan nyaataa isaanii mirkaneessuuf dinnicha sadarkaa olaanaan fayyadamu.
''Gannaaf dinnichi tokkoffaadha,'' jedhu gatii, humna namaa kennuufi haala salphaan Itoophiyaa keessa argamuu isaa eeruun.
Raafuu
Yeroo gannaa kan dafee gahu, kan qe'ee keessaa hin dhabne keessumaa baadiyyaa, akkasumas gabaa keessa kan baay'atu raafuudha.
Gatiin isaas ni rakasa, akka isa yeroo bonaa hin ta'u.
Bilcheessanii yookiin affeelanii yoo qabu ta'emmoo cooma keessa buusanii ho'aashee nyaatu.
Ijoolleen bishaan haa dhugdu jedhanii sogidda yeroo itti dabalanis mul'ata ogeeyyiin ashaboo gorsuu baatanis.
Garuu raafuun ho'a namaa kennaa? Kuni gaaffii Dr Yihuneef dhiheessinedha.

Madda suuraa, Getty Images
''Tasumaa [qorra hin dhowwu]. Raafuun [soorata] humna kennu miti. Raafuu keessa kan argannu waan biraati.
''Raafuu keessaa vitaaminiifi albuudadha kan argannu. Kuduraalee magariisa keessa jechuudha.
''Burtukaanaafi muuzii bilchaate keessaa ho'a [kaarbohaayidireetii] nuuf kennu.
''Garuu, muduraalee magariisa akkuma soorata kaanii gannas nyaachuu qabna.''
Ogeeyyiin sirna soorataa yeroo hedduu soorata keenya keessa kuduraafi muduraan ni xiqqaata jechuun qeequ.
Sababa kanaaf waan ol biqiluufi yeroon sooratamu kana ganna waan argannuuf soorachuu qabna jechuun gorsu.
Kuni egaa osooma ho'a yookiin humna nu kennuu baatanis jechuudha.
Raafuufi kuduraaleen kaan ho'a nuuf kennuu baatellee humna ittiin dhibee ofirraa ittisnu ni tumsa.
Isin yeroo gannaa maaltu ho'a isinii kenna? Bakka jirtan maaltu yeroo gannaa nyaatama yookaan dhugama?












