'Qonnaan bulaa afur homaa hin qabne oyiruu keessatti ajjeesan' - Abee Dongoroo

Hidhattoota Faannoo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattooti Faannoo bakkeewwan Naannoo Oromiyaa adda addaatti ajjeechaa raawwachuun himatamu

Haleellaa hidhattoonni Faannoo Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo keessatti raawwatan jedhameen qonnaan bultoonni afur ajjeefaman.

Haleellaan hidhatootaa kun aanichatti ganda Hoomaa Gaalessaa keessatti guyyaa Roobii ALI Hagayya 7, 2017 raawwatame.

Jiraataan aanaa Abee Dongoroo nageenyasaaniif jecha maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan, "Qoteebulaa nama afur kan hoomaa hinbeekne, waa hinqabne, oyiruu isaanii keessatti ajjeesan" jechuun BBC'tti himan.

Jiraataan aanichaa inni biraan immoo "daboo walii bahanii boqqoolloo aramachaa osoo jiranuu itti marsanii rasaasaan rukkutanii ajjeesan" jedhan.

Haleellaan hidhatoota kunneenii yeroo gara yerootti babal'achaa jiraachuu kan himan jiraattonni aanaa Abee Dongoroo, hidhattoonni kun torbee kana keessa garuu tarkaanfii cimsuu dubbatan.

"Torbee kana keessa tarkaanfii cimsan malee torbee darbe keessa ummata gabaa deemu, ummata hojiisaatiif karaa deemu irratti tarkaanfii garagaraa fudhachaa turte" jedhan jiraataan aanichaa.

Jiraataan aanichaa inni biraan, "namoota afran dheengadda dhume kana qofa osoo hintaanee torbanitti nama sadi, nama lama, nama tokko awwaalu. Abbaafi ilmafaa oyiruu boqqoolloo keessatti waliin ajjeesu" jedhan.

Haleellaa namoota galaafate

Yaaddoo nageenyaa aanaa Abee Dongoroo keessa jirurraa kan ka'e guyyootii gabaatti qaamoleen nageenyaa namoota gara gabaawwan Tulluu Waayyuu fi Tulluu Gaanaa deemaniif eegumsa akka godhan jiraattonni himu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haaluma kanaan Kibxata ALI Hagayya 6, 2017 humna Farra Riphee Lolaa naannoo Oromiyaafii hidhattoota kunneen gidduutti dhukaasni akka tures himan.

Bariitusaa Roobii Hagayya 7, 2017 immoo hidhattoonni kunneen ganda Hoomaa Gaalessa zoonii Falmii jedhamutti qonnaan bultootarratti haleellaa banan.

Haleellaa guyyaa Roobii kanas, "Qoteebulaa nama afur kan hoomaa hinbeekne, waa hinqabne, oyiruu isaanii keessatti kan ajjeesan" jechuun ibsan jiraataan aanichaa.

Qonaan bultoonni ganda Hoomaa Gaalessa kunneen kanaan duras hidhattoota kunneeniin irra deddeebiin qe'ee isaanirraa buqqifamuu jiraattoonni dubbatu.

"Jarri kun qabeenya hagas mara hinqaban. Qabeenyasaanii loon qaban, meeshaa mana keessaa qaban, midhaanillee bona darbe saamamee jira" jedhan.

Gama biraatiin hidhattoonni kun aanicha keessatti saamicha qabeenyaafi nama butuun maalaqa gaafachuu irratti akka bobba'an kan himan jiraattonni aanaa Abee Dongoroo, torbeewwan darbe keessallee namoonni buttamuu dubbatan.

"Torbee darbe keessa ganda Gaararoo irraa ijoollee shan qabattee tokkon tokkoon namootaaf birrii 200,000 fudhatteeti kan gadhiiste" jedhan jiraataan aanichaa.

Dabaluunis torbuma darbe keessa guyyaa Jimaataas naannoo Kaara Durbaan jedhamurraa namoota sadi erga butanii booda maallaqni kanfalameefii gadi dhiisuusaanii himaniiru.

Jiraataan aanichaa inni biraan immoo "Gaafa horii 60, 20, 40 fudhatantu jira. Ummata kana harka qullaa hambisaniiru. Boqqoolloo isaan facaasanii bineensa irraa eeggachaa jiran keessaa ari'anii nama fixanii beelaaf saaxilaa jiran" jedhan.

"Tarkaanfiin mootummaa baay'ee laafaadha"

Tarkaanfiin qaamoleen nageenyaa mootummaa hidhattoota kunneen irratti fudhatan laafaa ta'uu kan komatan jiraataan aanaa Abee Dongoroo, "Tarkaanfiin gara mootummaatiin fudhatamaa jiru akka aanaa keenya qofaa miti, aanaalee olla keessattillee tarkaanfiin fudhatamu baay'ee laafaadha" jedhan.

Jiraataan aanichaa inni biraan immoo "Humni Farra Riphee Lolaa wareegama hunda kaffalaa jira garuu tasgabbeessuu hindandeenye. Diina kana dura dhaabbatee ummata baraaruu hindandeenye" jedhan.

Dabalataan "Yaaddoon amma irra jirru 'har'a oolle akkamiin bulla' kan jedhu qoteebulaan hirriiba hinqabu" jedhu jiraataan kun.

Gama biraatiin "Jarroonni akkas godhan qaamaanuu ni beekamu" jechuun hidhattoonni jiraattota aanichaarratti haleellaa raawwaan namoota beekaman akka ta'an kan himan jiraataan aanichaa, tarkaanfiin gama mootummaatiin namoota kunneen adda baasuun seeraaf dhiyeessuurratti hojjetamu laafaa ta'uu himan.

Sababa kanaanis gara gandoota baadiyyaa aanichaatti akka fedhanitti socho'uun hojii hojjechuuf rakkachuusaaniis dubbatan.

Gama biraatiin haleellaa Roobii darbeefii haala nageenyaa aanaa Abee Dongoroo ilaalchisee yaaliin yaada bulchaa aanichaarraa argachuuf taasifne hin milkoofne.

Kaayyoon hidhattoota kunneenii maali?

Kanaan dura BBC waliin dhimma nageenyaa aanichaa ilaalchisee gaafif deebii kan taasisan Bulchaan aanaa Abee Dongoroo Obbo Katamaa Waaqumaa, "Kaayyoon (hidhattoota kunneenii) saba uummata Oromoo kana buqqisuudha. Naannoo Addaa gochuufis wanti isaan yaalan jira" jedhan.

Haa ta'u malee gaafii dhimma godina addaa ta'uun walqabatee karaa seera qabeessa ta'een dhiyaate kan hinjirre ta'uu himanii ture.

Kana malees rakkinichatti furmaata waaraa gochuuf falli inni tokko hidhattoota kunneen irratti tarkaanfii fudhachuu akka ta'e eeruun, "kunis akka mootummaatti hojjetamaa jira, tarkaanfiin fudhatamaa jira" jedhanii ture.

"Inni kanbiraa uummata ijaaruudha. Uummaticha hamma danda'ame ijaaraa jirra" kan jedhan angawaan kun, "Uummanni naannoo sana jirus akka Mootummaan Naannoo Oromiyaa jedhutti jiraachuu qaba. Poolisii Oromiyaa simatee ofitti fudhatee jiraachuu qaba" jechuun ji'oota muraasa BBC'f yaada kennanii ture.