Gabaasi mirga namoomaa Ameerikaa waa'ee Itoophiyaa maal jedhe?

Namoota qawwee qabatanii dukkana keessa dhaabatan

Madda suuraa, Getty Images

Humnoonni mootummaa Itoophiyaafi hidhattoonni lammiilee biyyattiirratti ''ajjeechaa seeraa malee'' raawwachuu isaanii ''ragaan amansiisaa'' agarsiisu akka jiru Gabaasni mirga namoomaa mootummaa Ameerikaa mul'ise.

Gabaasni waggaa waggaatti bahu kuni mootummaan yeroo oppireeshinii nageenyaa ''dararaa'' raawwachuu isaafi aangawoota irratti ''itti gaafatamummaan'' akka jiraatu akka hin goone ragaan akka mul'isullee ibse.

Sarbama mirgaa lammiileerratti raawwateera jedhamanii eeraman keessaa ''achi buuteen dhabamuu'', ''dararaa'' fi adabbiin ''nameenya hin qabne'' ibsameera.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa Itoophiyaa dabalatee biyyootaafi bulchiinsota 200 ol keessatti haala mirga namoomaa jiru torban kana ifa godheera.

Gabaasichi haala mirga namoomaa Itoophiyaa bara 2024 ture kan ilaale.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa gabaasa kana kan qindeessu, gabaasa dhaabbilee mirgaaf falman akkasumas maddeen ''amanamaa'' kanneen akka akka miidiyaa irraati.

Bara lakkoofsa Awurooppaa waggaa darbe keessatti Naannoo Amaaraa, Oromiyaa fi Tigraay dabalatee bakkeewwan Itoophiyaa birootti ''ajjeechaan seeraafi murtii seeraa malee'' raawwatamuu gabaasichi ibsa.

Naannoo Amaaraafi Oromiyaa keessatti ajjeechaan kuni kan raawwatan ''walitti bu'iinsa keessatti'' ta'uu ragaaleen akka mul'isanis ibsameera.

Labsii Yeroo Muddamaa Naannoo Amaaraa keessatti labsamee ture kan eere gabaasichi, labsiin kuni ka'us ''badiiwwan Naannoolee Amaaraafi Oromiyaa keessatti itti fufaniiru,'' jedheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Naannolee lamaan keessatti ''ajjeechaan seeraan alaa lammiilee nagaafi aangawootaa babal'atee'' mul'achuu ibse.

Badiiwwan kanas ''Waraana Bilisummaa Oromoofi hidhattoota Amaaraa Faannoo'' raawwachuu isaanii ragaawwan akka agarsiisan gabaasichi ibsa.

Dabalataanis, Lixa Tigraayitti ''ajjeechaan namoota nagaa babal'ate, jumlaan buqqaasuu, sanyiin buqqisuu, gudeeddii'' raawwachuu isaanii gabaasichi mul'iseera.

Badiiwwan kanaaf gabaasichi ''hidhattoota Amaaraafi gareewwan hariiroo qaban'' himate.

Gabaasa dhaabbilee mirgaaf falmaniifi miidiyaalee eeruunis mootummaan ''oppireeshinii nagaa'' yeroo gaggeessu ''dararaa keessa hirmaateera'' jechuunis himateera.

Dabalataanis, ''ajjeechaa akka feetee yookiin seeraan alaa, achi buuteen dhabamuu, dararaa ykn gocha suukaneessaa,'' akkasumas adabbiiwwan ''nameenya namaa xiqqeessan'' raawwatuu gabaasa keessa ibsameera.

Ragaalee eeruunis aangawota dararaa raawwachuun himataman ''akka itti gaafataman gochuun akka hin danda'amnellee'' ibse.

Mootummaan aangawoota sarbama mirgaa raawwatan ''adda baasuufi adabuuf tarkaanfiin fudhate daanga'aadha'' jechuunis gabaasa keessa ibse.

Gochawwan kanaan wal qabatee mootummaan ''qondaalonni sadarkaa gadiirra jiran akka himataman'' ibsu gabaasichi ibseera.

Adabbiiwwan kana waliin walqabatee odeeffannoon qabu garuu xiqqoo ta'u ibse.