Waa'ee dubartii ulfa ji'a sagalii Gujiitti ajjeefamte kan beeknu

Dubbartii Afriikaa garaatti baattu

Madda suuraa, Getty Image

Godina Gujii Aanaa Sabbaa Boruu Ganda Siree Buqqeetti dubartiin ulfa ji'a sagalii oyruu keessatti rasaasaan ajjeefamuun miidiyaa hawaasummaa irratti oduu rifaasisaa qoodamaa ture.

Haadha daa'ima ganna ja'aa fi ulfa ji'a sagalii kan taate miidhamtuun Aadde Suyyee Quxxalaa jedhamtu rasaasa qaamoleen nageenya mootummaa dhukaasaniin ajjeefamuutu ibsame.

Waa'ee ajjeechaa kanaarratti BBCn akkamiin raawwate? jechuun miseensa maatii, jiraataa naannichaa fi bulchaa aanaarraa odeeffannoo argate kunooti.

Aadde Suyyeen mucaa isaanii ganna ja'aa waliin oyiruu isaanii keessa osoo jiranuu rasaasan ajjeefaman.

Haadha ilmaan lamaa kan turte Aadde Suyyeen mucaasaanii kan ganna ja'aa waliin oyruu irraa jaldeessa eegaa osoo jiranuu dhukaasa waraana mootummaatiin ajjeefamuu miseensi maatii BBCtti himaniiru.

Bulchaan Aanaa Sabbaa Boruu garuu waljijjiirraa dhukaasa waraana mootummaa fi diina gidduu tureen ajjeefamuu ibsuun, haatii tun rasaasa eenyuutiin akka duute hin beekamu jedhan.

Jiraataan gandichaa BBC'n dubbise ammoo, erga torban lamaa asii hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) naannicha akka hin turre dubbatan.

Suyyee Quuxalaa ulfa ji'a sagaliiti. Boqqoolloo isaaniirraa jaldeessa eeguuf ilmashee hangafaa waliin oyruu keessa akka turan kan dubbatan miseensi maatii nageenyaaf jecha eenyummaansaanii dhokfame, Hagayya 8, 2025 ganama rasaasa ajjeefamuu himu.

Dubartiin ulfa ji'a sagalii maaliif ajjeefamte?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Otoo rakkoon walitti bu'iinsaa, waljijjiirraa rasaasaa naannoo sana jiraatee, otoo sababni wayii jiraatee gaarii ture. Haadha nagaa ulfa ji'a sagalii dahuuf bultii lakkawwachaa jirtu, herreega kamiinuu nama ajjeefamuu maltu miti,'' jedhan.

''Akka shaakala waraanaa irratti kan isheen duute malee bakka rakkoon wayii hin jiraannetti sababa kanaaf ajjeesan jettee tilmaamuun baay'ee rakkisa. Akkaataan isheen itti ajjeefamte si hin galu; baay'ee nama dhiba. Kan gaaffii nutti ta'es isuma kana. Namummaa dhabaafi waraanni beekaatuma waan godhan fakkaata'' jechuun haalaa ture ibsan.

Itti dabalunis, ''kun ifaadha, waraana humna waloo jedhama, warra riphee lolaa, poolisii fi milishaa kan ofkeessatti kan qabatedha" jechuun haala ajjeechaa dubartii kanaa ibsu miseensi maatii kun.

Ilmashee hangafaa waliin otoo teessuu "bakkuma midhaan eegduutti ajjeefamte" kan jedhan miseensi maatii kun, "isheen kan duute [rasaasa] bireeniitiini. Warrumti waraana keessa turan yeroo namichi bireena dhukaasu kan tokko lama dhukaasan jiru. Baay'eensaanii hin dhukaasne. Rasaasni kallattii tokko qofarraa dhuka'e" jechuun yeroo isheen ajjeefamtetti jijjiirraan dhukaasaa qaama biraa waliin taasifame akka hin turre dubbatan.

"Osoo nuti teenyuu ibiddi dhufee aayyoo mataarra bu'e" jechuun daa'imni ganna torbaa harmeesaa waliin oyruurra ture maatiitti himuus dubbatu.

Nama biraas naannichatti akka hin argine daa'imtichi maatiitti himuu kaasu namni kun.

"Warra gandaatti bilbillee akka dhufee haalasaa qoratu yeroo itti himnu dhufaa jirra nuun jedhani" kan jedhan miseensi maatii kun, qaamni dhufee dhimmicha qorachuuf yaale akka hin jirre ibseera.

"Bakkichi xinnoo karaarraallee fagoodha. Haadha ulfaati akkaataan ittiin daandii deemanillee rakkoo ture. Warrishee ajjeesee gara gandaatti deemaa ture ammoo akka warri gandaa dhufee odeeffannoo guutuu hawaasarraa hin arganneef, lafa sana rakkootu jira, waraana guddaatu jira achi hin deeminaa jedhanii warra gandaa dhoowwan" jechuun qaamni ajjeechicha qoratu waan hin turreef "akkasumatti awwaalle" jedhu miseensi maatii kun.

'Namni keenya akkuma bineensaatti ajjeefamaa ture'

Ji'a tokkoon dura hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) darbee darbee naannawaa sana jiraachuu kan himan miseensi maatii kun, "lafti sun yeroo dheeraaf lafa rakkoo nageenyaa qabdu. Haata'u ammoo yeroo dhiyoo as sochiin waraanaa homaatuu garas" akka hin turre dubbatu.

Ajjeechaan dubartii ulfaa tanarratti raawwate hawaasa naannichaa, "baay'ee rifaasise. Guyyaa boruu [Hagayya 12] baanee mootummaa gaafanna. Yookaan nama ajjeese baasanii nuuf haa kennan. Haqnishee hamma bahutti dhallee, dhala ofii guddifachuu hin dandeenyu; tole jennee bira darbuus hin dandeenyu" jechaa jiru jechuun miira aarii fi mufannaa hawaasichaa ibsu.

"Waggoottan darban kana namni keenya akkuma bineensaatti ajjeefamaa ture. Naannoo kanatti yeroo baay'ee sarbamni mirga namoomaa baay'ee dhaabbataadha" kan jedhan miseensi maatii BBC'n dubbise, "gochi kun garuu wantoota duraan turan irrallee addaa" ta'auu ibsu.

Ajjeechaan dubartii, "bakka waljijjiirraan dhukaasaa hin jirretti, walitti bu'iinsi homaatuu hin turretti" akkasumas "haadha ulfa ji'a sagalii kan dahuuf halkan lakkaawwachaa jirtu" ta'uun sarbama mirga namoomaa kanaan dura turerraa adda ta'uusaa dabaluun himu.

Bakka sanatti qaama nageenya mootummaa "humna waloo" jedhamuun oppireeshiniin taasifamaa turuu BBCtti kan himan Bulchaan Aanaa Sabboo Boruu, Obbo Guyyee Galgaloo, "dubartittiin rasaasumaan duute. Rasaasa walkeessa deebi'een walakkaa kanatti duute. Meeshaa mootummaatiin duutee, kan diinaatiin duutee waanni adda bahe hin jiru" jedhan.

Akka bulchaan Aanichaa jedhanitti, "qaxanaan sun naannoo dinni deddeebi'udha. Odeeffannoon diinaa naannoo sanatti waan dhaga'ameef, milishaaf humni waloo qindoomanii oppireeshinii geggeessaa turan. Yeroo oppireeshinii geggeessan sanatti ala bulanii, ganamas karaa odeeffannoon sun jiru sochii geggeessaa turan'' jedhan.

Itti dabalunis ''Osoo sochii geggeessaa jiranii, naannoo amma dubartittiin itti duute jedhamee shakkamu kuni midhaan badallaa wayii shawwee wayiiti jira. Diinni dursee waraana keennatti dhukaase. Rasaasa walkeessa deebi'een walakkaa kanatti dubartittiin duute jedhama. Dubartittiin rasaasumaan duute. Meeshaa mootummaatiin duutee, kan diinaatiin duutee waanni adda bahe hin jiru," jedhan.

"Waljijjiirraa dhukaasaa kanaan diinni tokko rukutameera kan jedhamutu jira. Du'uusaammoo qabatamaan waanni dhaggame hin jiru" jedhan bulchaan Aanichaa Obbo Guyyeen.

"Qaxanaan sun kanaan durallee haalli teessuma lafaasaa rakkoo waan qabuuf, diinni naannoo san waan deddeebi'uuf, ummanni naannoo san keessa jiru mataan isaa qaxanaa sanirraa, baddaa san keessaa ka'uu akka qaban murteessinee turre.

''Kanaaf, dinni torban lamaaf adaala sana hin deddeebine kan jedhamu odeeffannoodhuma qaama seelii diinaa ta'ee alatti, hawaasni diinni naannoo sanii baay'ina qabaatuu haa baatu malee afurii, sadii akkanni socho'aa ture ifatti himaa turani" jechuun ibsu aanga'aan aanichaa.

Odeeffannoo hidhattoonni WBO dhiyeenyatti naannicha akka hin turreefi waljijjiirraan dhukaasaa naannicha hin turre jedhu ammoo "kijiba" kan jedhan bulchaan aanichaa Obbo Guyyeen, "dubartittiin kan duute walkeessa deddeebii rasaasa qaamolee gara lamaaniitiin geggeefamaa tureen'' jedhan.

''Qorannoon geggeefames hin jiru. Wanni adda bahes hin jiru" jedhan ajjeechaa dubartii ulfa ji'a sagalii irratti raawwate ilaalchisee yaada BBC'f kennaniin.

Waraanni mootummaa "diina alaa galuyyuu hin ajjeesne" kan jedhan aanga'aan mootummaa kun, "waraannni mootummaa ta'e jedhee dubartii Oromoo haadhaaf obboleettii teenya nuu teetu ajjeesus hin jiru" jechuun ibsu.

Jiraataan aannichaa kan jedhan

Ajjeechaa dubartii kanaatiin walqabatee jiraataan naannichaa tokko yaada BBC'f kennaniin jijjiirraan dhukaasaa qaama lama gidduutti taasifame naannicha hin turre jedhan.

"Dhukaasni baname kun ammoo moggaa tokkoo bahe malee moggaa biraatii hin baane. Diinni biraa hin jiru" jechuun naannichatti waljijjiirraan dhukaasaa taasifame akka hin turre jiraataan naannichaa eenyummaansaanii akka beekamu hin feene BBCtti himaniiru.

Yeroo dubartiin ulfaa sun ajjeefamte dhukaasa dhagahuu jiraataan himan kun, bakkicha "waraanni biraa hin jiru" jedhu.

Sochiin Waraanni Bilisummaa Oromoo naannichatti taasisuu hir'achuu kan kaasan jiraataan kun, "naannoo sanii haphatee jira. Naannoo torbee lamaa oliif [WBO] nannawaa sana keessa hin jiru" jechuun dabalanii ibsu.

Ganna tokkoon dura Wiirtuu Dagaagina Mirgootaa fi Dimokiraasii (Center for Advancement of Rights and Democracy-CARD) qorannaa 'Sagalee Gujii' jedhuun sarbama mirga namoomaa suukkanneessaa humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)'tiin Gujiitti raawwatameera jedhe ifoomsee ture.

Dhaabbatichi sarbama mirga namoomaa suukkanneessoo ta'an 36 miidhamtoota, maatii miidhamtootaafi ragaalee sanadaa irraan walitti qabe jedhee ifoomseen, yakkoonni "ajjeechaa seeraan alaa, ajjeechaa dhoksaafi addababayii, hidhaa jumlaa, hidhaa seeraan alaa, dararaa, manneetii gubuu, tasa butamuu namootaa, buqqaatii, gudeeddii shamarraniifi dubartootaa" Gujiitti raawwatamuu adda baasuu BBCf himee ture.

Dhaabbatichi, argannoo waggaan dura qorannoon ifoome bu'uureffachuunis guyyoota shaniif dhiittaa mirga namoomaa suukkanneessaa Gujiitti raawwachaa jiruuf sagalee ta'uuf miidiyaa hawaasaatiin sochii gara garaa taasisaa turuunsaa BBC'n gabaasee ture.

Koreen Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa (ICRC) ibsa Kamisa, Adoolessa 31, 2025 baaseen, walitti bu'insi naannoo Oromiyaa keessatti deemaa jiru lammiilee nagaa irratti "rakkoo hamaa" fidaa jiraachuu beeksise.

Koreen kun, lola humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti naannoo Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru lubbuu namoota nagaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu ibseera.

"Waldhabdeen naannoo Oromiyaatti deemaa jiru hawaasa hedduu irratti keessumaa naannoo magaalarraa fagoo jirurra miidhaa guddaa geessisaa" jiraachuus dabaluun ibseera koreen kun.

Waa'ee ajjeechaa dubartii ulfa ji'aa sagalii ta'an ilaalchisee Komishinii mirgoota Namoomaa Itoophiyaa irraa odeeffannoo argachuuf yaaliin BBCn taasise hin milkoofne.