'Walitti bu'insa Oromiyaatti itti fufeen gidiraan uummataa hammaateera' - Fannoo Diimaa

Madda suuraa, Getty Images
Koreen Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa (ICRC) walitti bu'insi naannoo Oromiyaa keessatti deemaa jiru lammiilee nagaa irratti "rakkoo hamaa" fidaa jiraachuu beeksise.
Koreen kun, ibsa Kamisa, Adoolessa 31, 2025 baaseen, lola humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti naannoo Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru lubbuu namoota nagaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu ibseera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhee waamu waggoota jahan darbaniif loltoota mootummaa naannicha keessa jiran waliin lolatti jira.
Gareen hidhattootaa godinaalee lixaa fi kibba Oromiyaa keessatti bal'inaan socho'u kun, yeroo baay'ee ajjeechaa namoota nagaa fi qondaaltota naannoorraa qooda qaba.
Waraanni Bilisummaa Oromoo, garee Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) irraa adda bahuun qabsoo hidhannootti cichuu hordofee Mana Maree Bakka Bu'oota Ummata Itoophiyaatiin garee shororkeessa jedhamee labsameera.
Koreen Fannoo Diimaa Idil-addunyaa walitti bu'iinsi naannoo Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru jiraattonni tajaajila fayyaa fi bu'uuraa biroo argachuuf naannicha keessa akka hin sochoone balaa guddaa itti uumuu ibseera.
"Waldhabdeen naannoo Oromiyaatti deemaa jiru hawaasa hedduu irratti keessumaa naannoo magaalarraa fagoo jirurra miidhaa guddaa geessisaa jira" jedha.
''Oromiyaan xiyyeeffannoo hin kennineef, garummoo walitti bu'iinsa kanaan namootni nagaan dararamuu itti fufaniiru. Namootni hedduun ajjeefamaniiru, gargaarsi alaa isaan qaqqabus murtaahaadha'' jedha ibsichi.
Dhaabbatichi godina Wallagga Lixaa ganda Arma Gunfii jedhamtu keessatti dubartii ulfa hordoffiidhaaf dabaree eeggattu dubbisee, kenninsi tajaajila fayyaa naannicha keessatti hangama takka sadarkaa hamaarra akka jiru gabaaseera.
''Waggoota darban hanqina tajaajila fayyaarraa kan ka'e hedduu miidhamne. Dubartootni ulfaa hedduun hanqina qorichaafi tajaajila fayyaarraa kan ka'e ganda keenyatti du'aniiru'' jechuu dhaabbatichi gabaaseera.
Daayeriktarri gidduugala Fayyaa Arma Gunfii Obbo Gammachiisa Immaanaa gidduugallisaanii sababa walitti bu'iinsa naannoosaanii tureef waggaa tokkoofi ji'oota 11f cufamee akka ture dubbataniiru.
''Sababa kanaatti hawaasni naannichaa rakkoo fayyaa hedduun qabameera. dubartoota ulfaa hamma dandeenyu lubbuusaanii baraaruuf gaarii harreetti feenee gara Hospitaala Beegiitti ergineerra.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Arpitaa Mitraa hojjettuu Dhaabbata Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa yoo taatu, ji'oota 18 darban godina Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaa keessa hawaasa jiraatu waliin hojjetteetti.
Akka dhaabbatichi jedhutti, wanti jala sarartee himtu ''naannichatti haalli jiru ammallee hamaa ta'ee itti fufuudha.''
''Walitti bu'insichi bu'uuraalee misooma amancaaseera, mana barumsaa, dhaabbilee fayyaa, burqaa bishaanii fi kaanis dabalatee. Hawaasni qaamolee wal warranta jiran lamaan kana gidduutti danqame rakkoo namoomaa hedduuf saaxilameera.''
Koreen Fannoo Diimaa Idila addunyaa naannolee waraanaan miidhaman kana keessatti keessumaa waldhaansa haadholii ulfaa fi daa'immaniirratti xiyyeeffachuun tajaajilli akka itti fufu gochuu gabaseera. Deeggarsa kennaa jiruunis ammatti guyyaatti namootni 100 waldhaansa akka argatan ta'uu ibseera.
Addatti ammoo naannoo Oromiyaa bakka hidhattoonni Faannoo keessa sosso'an akka Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaafi Shawaa Lixaa rakkoon hawaasni keessa jiru dachaa ta'uu BBC amma dura gabaasee ture.
Waraanni Bilisummaa Oromoofi mootummaan Itoophiyaa dhibdee jiru karaa nagaa xumuruuf amma dura mariin giddu-seentummaa qaamolee adda addaan gaggeeffamaa ture sadarkaa abdachiisaarra gahuus milkaahuu hin dandeenye.
Mootummaan Itoopiyaa hogganoota WBO gariin waliin dubbachuun daandii nagaatti akka deebi'an tattaaffii adda addaa godhus, akkam amma dura irra deddeebiin ibsaa ture garicha yeroo gabaabaa keessatti dhabsamsiisuu hin dandeenye.












