WBO waa'ee 'Mootummaa Ce'umsaa Waloo' ABO fi KFO'n hundeessina jedhan irratti maal jedha?

Madda suuraa, Lammii Gammachuu/ FB
Mootummaa Ce'umsaa ABO fi KFO akka ijaaraniif imaanaan nutti kenname jedhan kun ''diraamaa fakkaata'' jedhe ABO-WBO.
Jilli jaarmiyaalee hawaasa Oromoo adda addaa, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO) dabalate, walgahii guyyaa sadiif Finfinneetti gaggeeffame rakkoo siyaasaa fi nageenyaa naannoo Oromiyaa furuuf ''Mootummaan Ce'umsa Waloo'' ABO fi KFO'dhaan akka hundaa'uu qabu himan.
Mootummaa Ce'umsaa Waloo jedhan keessatti ammoo yeroo ammaa mootummaa waliin walitti bu'insa keessa kan jiru Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) qaama nageenya kabachiisaa naannoo Oromiyaa tahuun akka hammatamu waliigaluu ibsan.
Gorsaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO kan tahan Obbo Jireenyaa Guddataa jilicha ilaalchisee, ''bakka bu'aas achi keessaa hin qabnu, hin gaafatamnes, nu waliinis hin mari'atamne'' jechuun deebisan.
Itti dabaluunis, ''mootummaatu waan gama tokkoon gaafatamu gama biraan yaaluuf yoo tahe malee har'ayyuu humni keenya humnoota mootummaa waliin wal waraanaa jira,'' jechuun walgahii jedhame kana keessatti akka hin hirmaannee himan.
Obbo Jireenyaan, ''WBO qaama Mootummaa Ce'umsaa kanaa tahee ABO fi KFO jalatti haa qabamu'' jechuun dogoggora akka tahe kaasu.
''ABO-WBO jaarmiyaa of danda'ee socho'udha. Kaayyoo siyaasaa fi galma mataasaa qaba,'' jedhan.
Paartileen akka KFO silumaayyuu qabsoo nagaa gaggeessaa turan malee waraana qabaatanii hin beekan kan jedhan Obbo Jireenyaan, ''afaanfaajjii uumanni akkuma Sanyii fa'aa galan sana gochuuf yoo tahe malee waan tahu miti'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Jaarmiyaa of danda'ee socho'u tokko dhufee ana jalatti waaradiyaa anaaf haa tahu jechuuniyyuu arrabsoodha,'' jedhan.
Kana dura waa'ee mootummaa ce'umsaa ka'u Ministira Mummee Abiy Ahimed 'waan ce'umsa jettan dhiisaa. Kun sirrii miti' jedhee aariidhaan dubbatee ture kan jedhan Obbo Jireenyaan, mootummaaniyyuu ni eeyyamaafii? jechuun gaafatu.
''Paartiin karaa nagaa falmeen aangoo qabadha jedhu waraanni kun nu jalatti haa galu jechuuniyyuu maal jechuudha? Yaadichi wal hin dhahuu?'' jechuun dabalanii gaafatu.
Itti dabaluun jilli kun akka qophaa'uuf mootummaatu deeggare odeeffannoo jedhu qabna jedhan Obbo Jireenyaan.
Kanaaf, akkamittiin WBO mootummaa waliin wal waraanaa jiru qaama ''Mootummaa Ce'umsaa Waloo gochuu danda'u?'' jechuun gaafatu.
Dura Taa'aan KFO Piroofeser Mararaa Guddinaa jilicha qopheessuuf mootummaatti beeksisuu fi eeyyama argachuun diqama waan taheef kana gooneerra jedhan.
Nama hamma kanaa osoo mootummaatti hin beeksisiin akkamiin walitti qabda? jedhan.
Haa tahu malee, ''marii keenya irratti dhiibbaa homaa nurratti hin taasifne. Waan barbaanne irratti waliin mari'anne. Murtee dabarsine kanayyuu qabannee mootummaatti dhiyeesineeti kan irratti mari'annu. Abbaa Gadaa, jaarsa biyyaa waan kana nutti kennanniiru jennee dhiyeesinaaf'' jedhan.
Piroofeser Mararaan ''WBO waliin marii taasifne hin qabnu. WBO saba Oromoof manaa bahe. Sabni Oromoo akka bilisa bahuuf qabsaa'uuf manaa bahe. Qaama kana alatti dhiisnee nagaa finnu hin qabnu,'' jedhan.
WBO fi Mootummaan gaafa Taanzaaniyaatti mariira turan mootummaanis isaanis nu hin waamne. Isaanis osoo laga ce'anii jiraatan ykn mootummaa ce'umsaa ijaarani nuun hirmaachisuutu isaanirra jira ture. Nuyis isaan achitti dhiisnee qofaa keenya mootummaa waliin taanee rakkinicha furra jennee hin amanu'' jedhan.
''Imaanaan nuuf kenname tokko isaanis waraana dhiisanii mootummaa ce'umsaa keessa galanii nagaa eegduu, daangaa eegduu haa tahan gaafa jennu isaaniifis qooda kaa'aa jirra jechuudha. Hundinuu qooda mataa keenyaa haa qabaannuudha,'' jedhan.
Mootummaan ijaarsa mootummaa ce'umsaa jedhame kana ilaalchisee waan jedhe hin qabu. Garuu ABO'n kana duras irra deddeebiin mootummaa ce'umsaa labsee itti hin milkoofne.
Itti dabaluun paartileen mootummaa ce'umsaa akka hundeessaniif amaanaan itti kenname jedhame ofiiyyuu wajjiirri jalaa cufamee wajjira tokkoo fi lama qabatanii murtoo akkasii dabarsuun ulfaataadha jedhan.
Akka yaadaatti, ''Mootummaan Ce'umsa Waloo hundaa'uu qaba yaadni jedhu hammina hin qabu. Garuu Mootummaan Ce'umsa Waloo maaliif ijaarama? kan jedhu gadi fageessanii ilaaluu barbaachisa.''
Mootummaan Ce'umsaa Waloo yeroodhaaf ijaaramee biyyattii waraana keessaa baasee jaarmiyaan uummanni itti amanuu ijaaramuun ni barbaachisa jennee amanna kan jedhan Obbo Jireenyaan, Mootummaan Ce'umsaa Waloo yoo ijaarame jaarmiyaalee uummanni akka dhimmasa murteeffatu gargaaran tolchuun barbaachisaadha jedhanii akka amanan kaasu.
''Boordii Filannoo, miiidyaalee, dhaabbilee haqaa fi mirga namaaf falman kan hundaaf wal qixa tajaajilan ijaaramuutti amanna.''
''Uummanni erga hireesaa murteeffatee booda ammoo sirna haqaa, raayyaa ittisa biyyaa fi qaama nageenyaa hundaa ija tokkoon ilaaluu fi filannoo uummataa kabachiisu ijaarmuun'' barbaachisaa akka tahe WBO akka amanu himan.
''Ce'umsi amma ABO fi KFO jedhan isa kanadhamoo? Moo isa jedhamaa ture fashalsanii bira darbuuf? Kam akka ta'e ifa miti'' jechuun gaaffiidhaan deebisee darbe.
Itti dabalunis, osuma mootummaan ce'umsaa haa ijaaramu jedhames mootummaan amma aangoorra jiru ni fudhataa? gaaffiin jedhu deebii argachuu akka qabu kaasu.
''Osuma mootummaan ce'umsaa yoo kan ijaaramu tahe sadarkaa naannootti osoo hin taane sadarkaa biyyaaleessaatti tahuu qaba'' jedhan.
Rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa qofa osoo hin taane naannoo Tigiraay, Amaaraa fi kaan keessas waan jiruuf rakkinicha furuuf mootummaan ce'umsaa hunda hammate sadarkaa biyyaalesssaatti tahuu qaba jedhan dabaluun.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












