ABO fi KFO'n 'Mootummaa Ce'umsa Waloo WBO hammate' akka hundeessaniif jilli amaanaa itti kenne

Madda suuraa, Lammii Gammachuu
Jilli jaarmiyaalee hawaasa Oromoo adda addaa, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO) dabalate guyyaa sadiif Finfinneetti gaggeeffame rakkoo siyaasaa fi nageenyaa naannoo Oromiyaa furuuf ''Mootummaan Ce'umsa Waloo'' ABO fi KFO'dhaan akka hundaa'uu qabu himan.
Mootummaa Ce'umsaa Waloo jedhan keessatti ammoo yeroo ammaa mootummaa waliin walitti bu'insa keessa kan jiru WBO qaama nageenya kabachiisaa naannoo Oromiyaa tahuun akka hammatamu waliigaluu ibsan.
Jilli paartilee lameenii fi jaarmiyaalee adda addaa irraa hirmaatan kun rakkoolee siyaasaa fi waraanaa Oromiyaa keessa jiruu fi jiruuf-jireenya ummataa irratti danqaa ta'e irratti yaada furmaataa barbaaduuf Gurraandhala 19, 2025 kaasee guyyoota sadiif Finfinneetti gaggeeffameera.
Dura taa'aan KFO Piroofeesar Mararaa Guddinaa yaada addatti BBCf kennaniin ''Mootummaan Oromiyaa keessa nagaa fi tasgabbii buusee bulchuurratti irra deeddeebiin waan kufeef mootummaa ce'umsaa waloo ijaaranii ittiin bulchuun qofatu furmaata ta'a'' jedhan.
Marii qaamolee hawaasaa adda addaa waliin godhame kanarratti mootummaa naannoo Oromiyaa bulchu mootummaa ce'umsaa dhaaba biyya bulchu hammateen bakka buusuuf waamicha akka dhiyaatu murtaahuu himaniiru.
Wixinee kana ''mootummaa federaalaafi naannootiif dhiyeessinee irratti marii goona'' jedhan.
Mariin kun eegaluu duras ta'e booda harki mootummaa duuba jira, dhiibbaan mootummaa irra jira yaadni jedhu bal'inaan qoodamaa ture.
Prof. Mararaan dhimma kana ilaalchisee deebii kennaniin, ''dhiibbaan mootummaa nuti beeknu nurra hin jiru'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dabaluunis ajandaan mootummaa Oromiyaa diiguun mootummaan ce'umsaa waloo haa ijaaramu jedhu ajandaa mootummaa ta'a?'' jechuun gaafatan.
''Yaadni dhiyaate kan bakka buutota hawaasaati, yaada fi ajandaa keenyadha'' jechuun busheessan.
Ibsa jila kanaa ilaachisees mootummaan naannoo Oromiyaas tahe federaalaa ibsa kenne hin qabu.
Jilli jaarmiyaalee kanneeni marii isaanii irratti rakkoo siyaasaa fi nageenyaa Oromiyaan keessa jirtu irratti bal'inaan mari'achuu fi yaada furmaataas akeekuu ibsa baase irratti akeekeera.
Jilli ABO fi KFO akkasumas jaarmiyaalee hawwaasa Oromoo adda addaa irraa irratti argaman kun Oromiyaatti nagaa waaraa deebisuun gahee isaanii fi kan paartilee kanneenii tahuu akka qabus himan.
Sababa walitti bu'insa humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota WBO irraa kan ka'e kutaaleen Oromiyaa irra caalaan isaa erga nagaa dhabee bubbuleera.
Jilichis ibsa baase irratti ''waraanni Oromiyaa keessaa dhaabbatee nagaan akka bu'uu fi nageenyi ummataas haala amansiisaa ta'een akka tikfamuu qabu waliigaluun dhimma kana ABO fi KFOn dirqama ofitti fudhatanii wantoota humni isaanii danda'e hunda akka raawwatan amaanaa itti kennanneerra'' jedhan.
Dhaabbileen siyaasaa gurguddoon lameen amma dura irra deddeebiin mootummaan ce'umsaa Oromiyaa fi sadarkaa biyyatti akka ijaaramu gaafataniiru.
Piroofeesar Maraaraan amma yaada kana irra deebiin kaasuun kan barbaachiseef rakkoon jiru ''yeroo kamuu caala waan hammaateefi'' jedhan.
Deebiin mootummaa maalis ta'u maal haalli jiru kan agarsiisu falli mootummaa ce'umsaa waloo ijaaruu ta'uu akeeka jedhan.
Mootummaa Ce'umsa Waloo WBO hammate ijaaruu
Kora ABO fi KFO waliin taasifatan kana irratti jilichi mootummaan ce'umsaa hundaa'uu akka qabu amaanaa isaanitti kennuu ibsi bahe ni eera.
Mootumman Itoophiyaa fi WBO marsaa lamaaf Taanzaaniyaatti marii nagaa taasisuun osoo walii hin galiin hafan.
Ergasii ajajaan duraanii WBO Zoonii Gidduugaleessaa Sanyii Nagaasaa [Yaadasaa] jedhamuun beekamu mootummaa naannoo Oromiyaa waliin waliigaltee nagaa mallatteessuun gara qabsoo nagaaa mootummaan waamicha gochaa tureetti makamaniiru.
Ergasiis tibbana sadarkaa biirootti gorsaa pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa tahuun muudameera.
Haa tahu malee ajajaa olaanaa ABO-WBO Marroo Dirribaa fi mootummaan waliigaltee nageenyaarra waan hin geenyeef ammas kutaalee Oromiyaa adda addaa keessa wal waraansi jira.
Kun ammoo jiruu fi jireenya hawwaasaa akka malee gaaga'uurra darbee lubbuu namoota nagaas gidduutti darbaa jira.
Jilli Finfinneetti ABO fi KFO jaarmiyaalee hawwaasa Oromoo adda addaa waliin gaggeessan Oromiyaatti nagaa fiduuf hanga ''uummanni bilisa tahee mootummaa mataa isaa filatutti'' mootummaan ce'umsaa paartilee kanneeniin hundaa'uu akka qabu ibsa baasan keessatti himaniiru.
Mootummaa ce'umsaa kana keessatti ammoo akka qaama nageenya naannichaa kabachiisuutti WBO hammatamuu akka qabus eeran.
ABO fi KFO filannoo Itoophiyaa darbe kan Paartiin Badhaadhinaa mo'atee aangoo qabate irratti hin hirmaanne.
Paartii Badhaadhinaa irraa kan hafe Oromiyaa keessatti paartilee gurguddoo socho'an hin hirmaanne.
Haa tahu malee, mootummaa ce'umsaa amma paartilee lameen akka hundeessaniif jilli kun amaanaa itti kenne jedhu keessatti osoo mootummaa waliin araara hin buusiin WBO hammatamuu danda'a? kan jedhu ifa miti.
Ibsi kun ''ABO fi KFOn, ummatni Oromoo mootummaa isaa haala dimokraatawaa fi bilisa ta'een hanga filatutti akkasumas tajaajila ummataa barbaarbachisu kan kennu Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa, Paartilee Oromiyaa fi qaama dhimmi ilaallatu hunda hammate yeroo murtaa'eef akka hundeessan amaanaa itti kennanneerra'' jedha.
Dabalataan ''jilli Jaarmayaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n nagaa amansiisaa Oromiyaa keessatti buusuuf qooda olaanaa akka qabu amanuun, ABO fi KFOn waraanni kun bulchiinsa siyaasaa Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa hundeeffamu jalatti itti gaafatamummaa fudhatee seera, nagaa fi dangaa Oromiyaa akka tiksuu danda'u haala barbaachisaa akka qindeessanii fi guutaniif amaanaa itti kennanneerra'' jedhan.
Garuu WBO akka qaama nageenyaatti akka hammatamu jedhan kun loltoota waraana WBO ajajaa duraanii zoonii gidduugaleessaa Sanyii Nagaasaa [Yaadasaa] waliin galan moo kan amma bosona jiran kan jedhu hin ibsamne.
Mootummaan Itoophiyaa hidhattoota WBO ''shororkeessitoota'' jechuun erga galmeessee bubbuleera.
Paarlaamaan Itoophiyaa TPLF fi WBO kan mootummaan ''Shanee'' jedhee ibsu erga shororkeessummaan galmeessee waliigaltee mootummaa waliin taasisan hordofee paarlaamichi TPLF galmicha jalaa deebisee haqeera.
Mootummaan WBO waliin jaarsummaa biyyoota akka Ameerikaa, Keeniyaa fi Noorweyiin marii nagaa milkii dhabe ha gaggeessu malee galmicha jalaa garuu hin haqne.
Dabalataan magaalaan Finfinnee itti waamamni ishee mootummaa naannoo Oromiyaaf tahuu akka qabu ibsa baasan keessatti eeran.
Jilichi ''magaalaan Finfinnee seenaanis ta'e seeraan qabeenya ummata Oromoo fi Magaalaa guddoo Oromiyaa akka taate guutummaatti amanuun magaalaan kun itti waamamni ishii akka mootummaa Oromiyaatiif taatu ABO fi KFOn itti gaafatamummaa ofitti fudhatanii akka mirkaneessan amaanaa itti kennanneerra,'' jedhe.

Madda suuraa, Lammii Gammachuu
Aangoon federaalaas tahe naannoo harka paartilee mormituu kanneenii keessa hin jiru.
Hoggantoonni isaanii irra caalaan mana hidhaa turaniyyuu dhiyeenya bahan.
Kana duras ABO'n mootummaan ce'umsaa hundeessuun akka barbaachisuu fi kanaafis akka hojjetu irra deddeebiin ibsa baasaa ture.
Garuu osoo hin milkaa'iin hafe.
Marii mootummaan irratti hin hirmaannee jedhamee kana irratti akkamiin murteewwan kanneen paartileen mormituu aangoo siyaasaa fi kaan of harkaa hin qabne hojiirra oolchu kan jedhu ifa miti.
Daangaalee akka Matakkal, Mooyyalee, Madda Walaabuu, Dirree Dawaa fi kaan irraa citanii naannoo biraa keessa galan akka gara Oromiyaatti deebi'aniif ABO fi KFO irratti hojjechuu akka qabanis himaniiru.
Akkasumas ABO fi KFOn, Sirni Gadaa/Siinqee gadi fageenyaan qoratamee, ummata wajjin marii bal'aan taasifamee haaromsi jaarraa keessa jirru wajjin walmadaalu itti taasifamee sirna Oromoon itti bulu akka ta'uu danda'u waan barbaachisu hunda akka taasisan amaanaa itti kennanneerras jedhe jilichi.
Dhuma irrattis akkaatuma sirna Gadaa fi duudhaa uummata Oromoo kana dura barameen mirgi sabaa fi sab-lammoota Oromiyaa keessa jiraatanii akka kabajamuu qabus dhaamaniiru.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












