Waa'ee hidhattoota WBO daangaa Keeniyaarra sosso'anii wantoota ijoo shan

- Barreessaa, Ameyu Etana
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
Poolisiin Biyyaalessaa Keeniyaa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gama kaaba biyyattii sosso'an jedheerratti dhihoo oppireeshinii gaggeesseera.
Kuni eega bulchiinsi Pirezidantii Wiiliyaam Ruutoo kan hawaasa Booranaa biratti deeggarsa guddoo qaban aangootti bahanii yeroo duraaf taasifame.
Kaayyoon isaas 'yakkamtoota oppireeshinii seeraan alaa gaggeessuun nageenya biyyaalessaa Keeniyaaf yaaddoo cimaa' waan ta'aniifi jedhe.
Kanaanis meeshaa waraanaa, meeshaalee quunnamtii, qoricha sammuu hadoochu, fi kaan to'achuu ibse. Nama qindeessaadha jedhe dabalatee kan to'ates akka qabu ibseera.
Waajjirri tikaa Itoophiyaa gama isaan oppireeshiniin Keeniyaa qindoomina mootummaa Itoophiyaa waliin taasifame jedhe.
Hidhattooti WBO himannaa mootummaan Keeniyaa irratti dhiheesse waakkataniiru, oppireeshinii kanaaf mootummaa Itoophiyaa himatani.
Waggoota dheeraaf Keeniyaanis ta'e gammoojjiin gama Kaaba biyyattii argamuufi Itoophiyaa daangessu, hidhattoota WBO's ta'e qabsaa'ota ABO'f akka ulaatti tajaajilaa tureera.
Waa'ee hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo mootummaa Itoophiyaa lolaniifi Keeniyaa keessa sosso'an maaltu beekama?
Eessa jiru?
Hawaasi Booranaa gama Kaaba Keeniyaa Kaawuntii jechuunis bulchiinsota kanneen akka Marsabiit, akkasumas Isiyooloo keessa bal'inaan jiraata.
Bakkeewwan lafa gammoojjii bal'aa ta'an kuni gama kaabaan Itoophiyaa daangessu.
Toorri kuni lafa lammiileen Itoophiyaa jiruu gaarii barbaacha gara Afrikaa Kibbaa itti imalanillee.
Egaa poolisiin Keeniyaa kutaa bulchiinsa Solooloo akkasumas Martii jedhaman keessatti oppireeshinii gaggeessuu kan ibse.
Akka himeetti taanaan, kaayyoon isaa dahoo hidhattoota kanaa 'qulqulleessuudha.'
Maqaa duula kanaas ''Ondoa Jangili'' jechuunis ''Yakkamtoota Baasuu'' jechuun moggaase.
Hidhattooti WBO kanarraa gammachuu hin qaban.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gorsaan olaanaa Ajajaa WBO, Obbo Jireenyaa Guddataa, mooraa (kaampii) dhaabbataa [naannawa sanaa] hin qabnu jedhu.
''Keeniyaama keessa jiraachuufuu [WBOn] fedhii hin qabu,'' jechuun BBC'tti himan.
''Garuu daangaan sirriitti sararame waan hin jirreef namuu gamaa gamanaa wal keessa deema. Waraanni Bilisummaa Oromoos haaluma kanaan akka achi keessa socho'u beekamaadha.''
Akka hidhattooti jedhanitti, miseensonni isaanii %95 ol daangaa Keeniyaa irraa fagaatanii kibba Oromiyaa keessa socho'u.
Dhibbantaa 5 gadi ammoo naannoo daangaa Keeniyaatti dhihaatu akka jiran ibsa baasaniin beeksisan.
Kaabi keeniyaas ta'e kibbi Itoophiyaa mootummaa giddugaleessaa Itoophiyaas ta'e Keeniyaarraa fagoodha.
Halkanoo Boruun xinxalaa siyaasaafi nageenyaa Gaanfa Afrikaati. Faallaa Obbo Jireenyaa, hidhattooti WBO Keeniyaa keessa maandhee akka qaban himu.
''Hidhattooti WBO Moyyalee, Sololoofi Kawuntii Isiyooloo keessa sosso'u. Baddan Areero, Solooloofi Kombii Liqoo [Mertii keessa] keessatti buufata qabu,'' jechuun BBC'tti himan.
Maal dalagu?
Itoophiyaa keessatti hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo keessumaa naannoo guddicha biyyattii, Oromiyaa, keessatti mootummaa haaraa ijaaruu barbaadu.
Waggoota muraasa dura dhaaba seeraan sosso'u ABO irraa erga adda bahanii booda sochii isaanii cimsaniiru.
Mootummaan Itoophiyaas tarree shororkeessitoota jala isaan galcheera. Gartuu biyya keessaa tarree kana jala jiran isaan qofadha.
Yeroo waraana Kaaba Itoophiyaas mootummaa giddugaleessaa kuffisuuf humnoota Tigraay waliin wal ta'anii turan.
Keeniyaa keessa garuu waan akkanaa hin mul'atu. Waraana biyyattii waliinis ta'e poolisii waliin kallattiin walitti bu'uun isaanii xiqqaadha jedhu jiraattoti.
Obbo Jireenyaanis kanuma mirkaneessu.
''Mootummaa Keeniyaarratti dhukaasni gaggeessinu hin jiraatu. Ammoo gama Itoophiyaatiin yoo dhufe ofirraa qolachuun waan hin oolle,'' jedhan.
Haa ta'u malee, booda kana hidhattooti WBO yakkoota garagaraan himatamu.
Poolisiin Keeniyaa meeshaa daddabarsuu, qoricha nama hadoochu daddabarsuu, daddabarsa seeraan alaa, seeraan ala albuuda baasuu, walitti bu'iinsa gosaa keessa hirmaachuufi nama butanii qarshii gaafatuun isaan himate.
Kunneenis keessumaa Solooloo, Mooyyale, Noorz Hoor fi Martiitti akka baay'atu beeksise.
Hojjetaan nageenyaa Kaawuntii Marsaabiit Hasan Umar isaan biratti yakki gudeeddii fi nama butanii maallaqa gaafachuu baratamaa akka hin taane himu, garuu qoricha daddabarsuun akka jiru dubbatu.
''Ammoo qoricha seeraan ala daddabarsuun sirriitti jirti. Qaamolee mootummaan himatu kana [WBO] qofatu kan raawwata jechuullee hin dandeenyu.
''Daa'ima xixiqqoo hanga nama gurguddaatti, Mooyalee hanga Naayiroobiitti nama hedduutu keessatti hirmaata. Ebelu jettee waan dhiistu miti,'' jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Omishaafi daldalli hashiishii Shaashamannee hanga Keeniyaa fuulla'uun akka sosso'u kana dura gabaafamaa ture.
Hidhattooti garuu kana ni waakkatu.
Qondaalli WBO Obbo Jireenyaan daangaarratti 'humnoonni adda addaa yakkoota raawwatan' hundasaa fuudhanii WBO ittiin himachuun ammoo 'dogoggora' jedhu.
''Kaayyoo Waraana Bilisummaa Oromoo akka yakkaa fi saamichatti ibsuun dogoggora,'' jedhan.
Xiinxalaan BBC'n dubbise Halkanoon gama isaaniin hidhattooti badiirratti bobba'an jiru, kunneenis gama Itoophiyaa kan dhufanidha jedhu.
''Gartuu bilisummaaf lola jedhuufi gartuu yakkarratti bobba'etu jira,'' jechuun gartuuwwan lama akka sosso'an dubbatu.
''Solooloofi Isiyooloo keessatti kanneen yakka qindaa'eerratti bobba'an jiru. Albuuda baasu, kontirobaandii keessa jiru, namoota ugguru, meeshaa daddabarsu. ''
Gartuun kaan ''maqaa nu yakkaa jirtu'' jechuun gartuu kana mormu jedhu.
Hidhattooti yakkarratti bobba'an jedhan kuni dargaggoota doqdoqqee oofan waliin wal qunnamu, qarshii guddaas kaffaluuf, poolisootas mallaammalu jechuun himu.
Gama kaaniin, gartuun yakkarratti bobba'a jedhan bakkeewwan qabeenyi jiru to'achuun isaanii hawaasa naannichaa waliin muddama isaan galcheera jedhu.
''WBO toota kontiroobaandii to'achuu jalqaban, bakka albuudi bahus to'atan. Kuni hawaasa naannichaafi WBO walitti buuse.
''Amma kanaafi mootummaan gidduu seenuuf kan yaale.''
Jiraataan biraa BBC'n dubbisees, albuuda kana dura hawaasi itti fayyadamu hidhattooti WBO duraa fudhachuu himatan.
Hariiroo mootummaa Keeniyaa waliin
Waggoota dheeraaf biyyoonni ollaa Itoophiyaa kanneen akka Keeniyaa, Ertiraa, Somaaliyaafi Sudaan hidhattoota mootummaa dhufaa darbaa Itoophiyaa lolaniif yeroo adda addaatti akka maandheetti tajaajilan.
Keeniyaan addatti hoggantoota ABO fi deeggartoota dhaabichaa Itoophiyaa keessaa baqataniif bakka dahannaafi qubannaa turte.
Qondaaloti dhaabichaa garri caalu biyyoota alaa jiranis gama Keeniyaan kan bahanidha.
Kuni egaa bara 1990 keessa dhaabi ADWUI Finfinnee to'achuun ABO waliin erga wal dhaban eegaleemmoo ni cime.
''Yeroo dheeraaf 1991 eegalee Keeniyaan WBO'f bakka nagaa turte,'' jedhu xinxalaan siyaasaafi nageenyaa Gaanfa Afrikaa Halkanoon.
''Namoonni baay'ee keessumaa hawaasi Booranaa WBO akka finna isaanii isaan gargaaran, yeroo walitti bu'insaa isaan leenjisanitti ilaalu,'' jedhu.
Walitti bu'iinsa gosaafi sabaa Kaaba Keeniyaatti mudatu keessa hidhattooti ni hirmaatu jedhamuun himatamu. Isaan garuu ni waakkatu.
Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaan waraana Keeniyaa waliin lola tokkollee akka hin qabnee fi isaan loluufis akeeka akka hin qabne ibsa.
Obbo Jireenyaan ''lolli nuti qabnu mootummaa Itoophiyaa waliini. Yakki Waraana Bilisummaa Oromootti akka maxxanfamu kan godhu mootummaa Itoophiyaati,'' jechuun himatu.
Gama kaaniin hariiroon hidhattoota WBO fi mootummaa Keeniyaa ''yeroo kaan gaarii, yeroo kaan badaadha,'' jechuun ibsu Halkanoon.
''Kuni mootummaa aangoorra jirurratti hundaa'a,'' jechuun yeroo garagaraatti waan mudate tarreessu.
''Bulchiinsi Mooyi [Pirezidant Daaniel Araf Mooyi] bara 1990 keessa hidhattoota WBO deeggaru ture. Meeshaa waraanaafi uffata dhiheessuuf ture.
''Bara Kibaakii [Pirezidant Miwaayi Kibaakii] wanti badaa raawwate hin jiru.
''Yeroo Uhuuruu [Pirezidant Uhuruu Keeniyaattaa ] hariiroon mootummaa Keeniyaafi WBO gaarii hin turre.
''Sababnisaa walitti bu'iinsi Marsabiit keessaa hamaa ture. Siyaasa Marsabiit keessa jiruuf namoonni siyaasaa WBO itti dhimma bahu ture,'' jechuun ibsu.

Madda suuraa, EPA
Pirezidantiin Keeniyaa ammaa Wiiliyaam Ruutoo gama Kaaba Keeniyaa, hawaasa Booranaa biratti deeggarsa cimaa argataniiru, qabus.
Ta'us, adeemsa keessa deeggarsi hidhattooti kuni hawaasa biraa qaban jijjiiramu himu xiinxalaan BBC'n dubbise.
''Hidhattoota WBO keessa hawaasa Booranarraa kan ta'an lakkoofsi isaanii xiqqaateera. Deeggarsi hidhattoonni kuni Solooloofi Mooyyaleetti qaban xiqqaateera,'' jedhu Halkanoon.
''Kunis erga 1991 eegalee waan hawaasarratti raawwataniin walqabata. Nama ugguruu, ajjeesuu, horii isaanii humnaan fudhachuu takka takka dirqiin waraanatti galchuu,'' dabalata jedhan.
Gama kaaniin, bara bulchiinsa Ruutoo kanatti ture mootummaa Itoophiyaafi hidhattooti WBO araara akka buusan Keeniyaan kan qooda fudhataa turte.
Mariin marsaa lamaan Taanzaaniyaatti taasifame garuu osoo ija hin godhatiin xumurame.
Hariiroon bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahimadiifi Pirezidant Ruutoo cimaa haguma deemuun Keeniyaan hidhattoota kanarratti haleellaa raawwachuu kan eegalte.
''Kuni hariiroo mootummaan Keeniyaa fi WBO,'' amma jiru mul'isa jedhu Halkanoon.
Hidhattooti oppireeshinii mootummaa keeniyaa kanaan mufii qabu.
''Qaama yakka hojjete adda baafachuu dadhabuu, gama mootummaa Itoophiyaa goranii maqaa WBO xureessuun dogoggora guddaa hojjetamedha,'' jedhu Obbo Jireenyaan.
Qooda Itoophiyaa
Mootummaan Itoophiyaa kana dura waa'ee sochii hidhattoota WBO gama daangaa Keeniyaa sosso'an yaaddoo ibsataa tureera.
MM Abiy bara 2020 keessa eebba pirojektii irratti daangaa Keeniyaarratti argamanii 'Al-Shabaabi fi ABO shanee naannoo kanaa yoo balleessine tokkummaan ni cima' jechuun dubbatanii ture.
Akkasumas, yeroo adda addaattis humnoonni nageenyaa Itoophiyaa hidhattoota WBO adamsuuf jecha gama daangaa Keeniyaa seenuu gabaafamaa tureera.
Himannaa kana mootummaan Itoophiyaa waakkata. Ta'us, yeroo adda addaatti hidhattooti Keeniyaarraa ce'an jedhamanis qabamuu gabaafamaa ture.
Hogganaa itti aanaan WBO Zoonii Kibbaati kan jedhame Mahaammad Ammee Hagayya bara 2022 Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti to'atamuu Poolisiin BBC'tti himeera.
Yeroos poolisiin Itoophiyaa nami kuni "Uffata duraan ittiin socho'aa turan jijjiiratanii, uffata siiviilii suufii fi koofiyaa adda addaa uffatanii Keeniyaa keessaa gama naannoo Somaaleetiin gara Itoophiyaa dhufan" jedhee ture.
Kana duras ajajaan yeroo dheeraa Zoonii Kibbaa, Goollicha Dheengee, waggoota 27 booda qabsoo hidhannoo keessaa bahuun mootummaatti harka kennaniiru.
Oppireeshinii isa tibbanaa keessa mootummaan Itoophiyaa mootummaa Keeniyaa waliin qindoominaan hirmaachuu ibseera.
Waajjirri Tikaa Itoophiyaa ibsa baaseen oppireeshiniin kuni 'kaampiiwwan WBO' irratti xiyyeeffachuufi qaamoleen lamaan daangaa isaaniirratti oppireeshinii gaggeessuu ibse.
Hidhattooti WBO's oppireeshinii kanaaf mootummaa Itoophiyaa himatanii turan.
Maaltu eegama?
Jiraattoti BBC'n dubbise sababa oppireeshinii kanaaf dararaaf saaxilamuu dubbatani.
Mootummaan Keeniyaa hidhattoota WBO irratti oppireeshinii gaggeessuu yoo ibsu garuu kuni kan duraa miti.
Waggoota muraasa duras oppireeshinii gaggeesseera, keessumaa bulchiinsa Marsabiit keessatti.
Walitti bu'iinsa sabaa hawaasa Booranaafi Gabraa bara 2022 keessa hammaate keessatti hidhattooti WBO meeshaa waraanaa Itoophiyaati galchuun hammeessaniiru jechuun aangawoonni Keeniyaa himataa turan.
Boodarras uggura sochii labsuunis sakattaa taasisuun meeshaa waraanaa gurguddaa to'achuu beeksisanii ture.
Suni garuu bara bulchiinsa Pirezidantii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaattaadha. Walitti bu'iinsi waggoota dheeraaf adeemaa ture suni filannoo Keeniyaa 2022 booda tasgabbaa'eera.
Pirezidant Ruutoo jalatti oppireeshinii gaggeeffame kuni miidhaa hangam hidhattoota irratti akka geessise ammatti ifa miti.
Mootummaan humna dinagdee hidhattoota albuuda to'ataniifi yakkawwan garagaraarratti bobba'an jedhe laaffisuuf akka oppireeshinii kana gaggeesse kan amanan jiru.

Oduufi xiinxala akkanaaf BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












