Omishaa, daldala hashiishii Shaashamannee hanga Keeniyaa fuulla’uurratti duula taasifamaa jiru

Hashiisii (baala sammuu adoochu)

Madda suuraa, Getty Images

"Bara 2022 keessa hashiishni kuntaalli 300 to’annoo jala oolee dhabamsiifameera,” Poolisii Godina Arsii Lixaa.

 Baalli sammuu namaa hadoochu (hashiishiin) kun Hashiishii ykn Kaanaabis (Cannabis) jedhamuun beekama.

 Kutaalee hawaasaa garagaraa, keessattuu dargaggoota araadasaatiin qabaman rakkoo fayyaa sammuuf saaxiluun beekama.

 “Mooyyaleetti dargaggootni akka malee fayyadaman. Ijoollee waggaa 17 gadii kana galaafateeraayyuu. Sammuu miidhee sammuu jijjiira. Maraataa godha,” jedha jiraataan Magaala Mooyyalee maqaan isaa akka hin himamne gaafate.

 Baalli kun namootni yakkawwan sukanneessoofii gara jabummaan raawwataman akka dalaganiif kan kakaasu ta’uu ajajaan Poolisii godina Arsii Lixaa kan ta’an Gargaaraa Komishinaraa Darajjee Baay’isaa himu.

 “Keessumaayyuu dargaggoota gara yakkaatti kakkaasa, yakka hojjechuu hin malle ykn yeroo biraa sodaattu si kakaasee akka ati yakka raawwattu si godha. Garaa si jabeessa” jedhan.

 Maddi hashiisha ykn Kaanaabis gara giddugaleessa biyyaa seenufii gama Mooyyaleen gara biyya ollaa Keeniyaatti ce’u godina Arsii Lixaa ta’uutu himama.

 “Mooyyalee ka’ee Naayiroobii gala. Taanzaaniyaa fi Afriikaa Kibbaas ni deema,” jedha jiraataan magaala Mooyyalee BBCf yaadasaa kennee.

 Aanaaleen godina Arsii Lixaa sadi: Shaallaa, Shaashamannee fi Arsii Negeellee immoo aanaalee hashiishni adda durummaan itti omishamu akka ta’e ragaan BBCn Qajeelcha Poolisii Godina Arsii Lixaarraa argate mul’isa.

 Bara kana keessa (2022) hashiisha kuntaala 300 to’atameen dabalataan lafti Hektaarri 43 kan Hashiishni irratti omishamuuf tures hojii ittisaa hojjetameen midhaan irratti akka faca’u taasifameera jedha ragaan Poolisii.

 Shaashamanneerraa kallattii Kibbaan Kilomeetira 500 ol daangaa Keeniyaa irratti kan argaman aanaan Mooyyalee fi magaalli Mooyyalee immoo bara 2013 fi 2014 keessa hashiishii gatiin gurgurtaa isaa birrii Miiliyoona 14 ta’e to’ataniiru.

Duula omishafii daddabarsa hashiishii dhaabsisuuf taasifamaa jiru…

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo garagaraatti qaamoleen nageenyaa Hashiishii (Kaanaabis) dhoksaan kuufame ykn iddoo tokkoo gara iddoo biraatti osoo geejibsiifamuu qabame yemmuu to’atan irra deddeebiin dhagahama.

 Gargaaraan Komishinaraa Darajjee Baay’isaas omishaafii daddabarsa baalichaan walqabatee godina Arsii Lixaa keessatti namootni heddu to’annoo jala oolanii seeratti kan dhiyaatan ta’uu himan.

 “Qote-bulaa keessaa maasii isaarratti kan qotame ‘maalif maasii kee irratti qotame?’ jennee kan seeratti dhiyeessine jira. Nama qochisiise kan seeratti dhiyeessines jira. Gurguruuf qabatee osoo deemuu daandiirratti kan qabnes jira” jedhan.

Waa’ee namoota baala sammuu namaa hadoochu kana omishan yemmuu dubbatanis “namni kun lammiidhuma keenya. Oromoodhuma. Lammii biraa miti. Hanga ammaatti nama biraa hin agarre. Lafti kun lafuma Oromooti. Lafuma Oromoo irratti qotama” jedhan.

 Namootni qonnaan bultoota goyyomsuu fi sossobuun gara omisha Hashiishiitti akka seenan kan taasisanis jiraachuu himu qondaalli Poolisii kun.

Omishnifii daddabarsi hashiishii hir’achaa jira…

Waggoota lama dura to’annoon daddabarsaafi daldala hashiishaa irratti taasifamaa ture laafaa akka ture kan himu jiraataan magaala Mooyyalee BBCn haasofsiise, “yeroo walitti bu’iinsa naannoo Somaaleefi naannoo Oromiyaa sana, A L I bara 2009, 2010 fi 2011 konkolaataan fe’amee kallattiin Shaashamanneerraa ka’ee osoo namni tokko hindhaabne kallattiin Keeniyaa seenaa ture,” jedha.

Daddabarsa baalichaa keessattis konkolaataawwan fe’umsa meeshaa, doqdoqqeewwan akkasumas konkolaataawwan mootummaan hirmaachaa turuu hima.

 Haata’u malee, yeroo ammaatti to’annoon qaamolee mootummaan taasifamu waan cimeef daddabarsi hashiishii daran hir’achuu isaa hima.

 Gama biraatin, aanga'aa mootummaa daldala omisha kanaarratti bobba’e arganii kan hin beekne ta’uu kan himan ajajaan Poolisii godina Arsii Lixaa Gargaaraa Komishinaraa Darajjee Baay’isaa, “qote-bulaa keenya omisha kana omishuun walqabatee hooggansa naannoo sana qabatee jiru, keessumaayyuu DAn (hojjettoota dirree misoomaan) walqabatee qotee qochisiisuu danda’a jennee warri seeratti dhiyeessine baay’eedha,” jedhan.

Caasaan isaanii caasaalee mootummaa biroofi hawaasa waliin ta’uun omishni kun gochaa yakkaaf osoo hin qaqqabin dhabamsiisuu irratti xiyyeeffachuun hojjechaa akka jirus BBCti himaniiru.

 Dhaabbileen amantaas hammeenya baala kanaa akka lallaban isaan walin hojjechaa jiraachuu dubbatu Garagaaraan Komishinarichaa.

 “Mana amantaa kamiyyuu keessatti, Abbootii Gadaa keenya biratti, haawwan Siinqee keenya biratti akka waan kana balaaleeffatan gochaa jirra,” jedhan.

 Qindoomina hawaasaafi caasaa nageenyaatin omishniifi daddabarsi baala sammuu nama hadoochu kanaa hir’achaa jiraachuus himu.

 “Kan bara dheengaddaa turerra kan baranaa baay’ee gadi bu’aadha. Akka waliigalaatti ummatni, abbootiin amantaa, qonnaan-bultootnis hubachaa dhufanii wanti kun baay’ee gadi bu’aa kan jirufii ni bada jennee abdii kan namatti horudha,” jedhan.

 Gama biraatin, poolisii naannoo Somaaleefi qaamolee nageenyaa federaalaa waliin hojjechuun hojii daddabarsa baala sammuu namaa hadoochuu kana to’achuuf hojjetameen, yeroo ammaatti “daddabarsi isaa guutumaan guutuutti addaan citee jira jennee afaan guuttannee dubbachuu dandeenya” kan jedhan immoo itti-aanaa daayrektaraa Poolisii aanaa Mooyyalee kan ta’an Gargaaraa Inispeektaraa Jaarsoo Guyyooti.