Boolli lafa jalaan baala sammuu adoochaan Meksiikoo gara Ameerikaatti ittiin dabarrsan argame

Bolla lafa jalaa baalli samuu adoochu ittii dabarfamu

Madda suuraa, US ATTORNEY'S OFFICE, CALIFORNIA

Boolli baayyee guddaafi ajaa'iba jedhame lafa jalaan baala sammuu adoochan Meksiikoo irraa gara Ameerikaatti ittiin dabarrsan argame.

Boolli lafa jala meetira 531 dheeratu baala sammuu adoochan ittiin daddabarfamu kun sibiila adiidiin kan utubameefi ho'inaafi qorra haala qilleensaa kan to'atu (ventilation) kan tolfameef ta'uu wantota barbaachisu kan guutameeruufiififha.

Aanga'oonni Ameerikaa boolli lafa jalaa kun jiraachuu erga mirkaneeffatanii booda, dhoksaatiin hordoffii taasisaa turaniiru.

Karaa lafa jalaa ittiin baala sammuu namaa adoochan dabarsan ta'uu isaa hubachuudhaafis yeroo murtaa'e isaan fudhateera.

Boolla lafa jalaa kana fayyadamanii baala sammuu namaa adoochu kanneen akka Kokeeyin, Meetamefeetaamiin, akkasumas herooyin namoota daddabarsaa turan to'annoo jala oolchaniiru.

Namoonni to'annoo jala oolfamanis tibbuma kana himanni irratti banameera.

Bolla lafa jalaa baalli samuu adoochu ittii dabarfamu

Madda suuraa, US ATTORNEY'S OFFICE, CALIFORNIA

Waajirri abbaa alangaa onaa Saawuzarn Kaalifoorniyaa boolli kun meetira 18 gadi fagaatee kan jiruufi ballina (diyaameetira) meetira tokko ta'u qabudha jedheera.

Qorattoonni kunneen boolli kun jiraachuu isaa osoo hin bariin dura naannawaa Tijuwaanaa Jimaata darbe irraa kaasee konkolaataawwan bakka sanatti mul'atanii wanta ta'e buusanii yeroo deebiyan hubachuu danda'aniiru.

Kana hordofuunis konkolaataawwan gara boollichaatti dhiyaatan yeroo sakatta'an baala sammuu adoochu arguu danda'aniiru.

Kana malees, horrdoffii naannawaa sanatti taasifameen man-kuusni tokko kan argame yoo ta'u, man-kuusicha keessatti ammoo cinaa isaarraa kaasee karri boolla icciitii ta'tti seenus argameera.

Waajirri abbaa alangaa akka jedhutti, Kokeeyinii kiloogiraam 799, Metaafetaamin kiiloogiraama 74, akkasumas Herooyinii kiiloogiraama 1.5 to'atameera.

Shakkamtoonni umuriin isaanii waggaa 31 hanga 55 ta'u to'annoo jala oolfaman kunneen yakkamoo ta'anii itti murtaa'ee jennaan hidhaa umurii guutuun adabamuuf ta'u.

kanaan alattis adabbiin biroo dolaara miliyoona 1 ol isa eeggata.

Kaalifoorniyaa keessati boolli kana fakkaatu yeroo dhumaatiif kan mul'atee tura waggaa lama duradha.

Boolli sun dheerina meetira kuma 1 fi 313 kan qabu yoo ta'u, dheerina isaatiin ammoo kan itti dorgomu akka hin jirre himama.

Bara 1993 irraa kaasee boollaawwan lafa jalaa dhoksaa 90 ta'an baala sammuu namaa adoochan daddabarsuuf gargaaran poolisiin to'atamaniiru.

Boolla lafa jalaa to'ataman

Madda suuraa, US ATTORNEY'S OFFICE, CALIFORNIA