Dhiironni hacuuccaa dubartootaan irra gahu yeroo baayyee maaliif callisu?

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo baayyee dhiirri ykn abbaan warraa dubartii ykn haadha warraa isa reebee ykn miidhaa irraan gahe yoo jedhamu dhagahama. Kan tibbana dhagahamee ammoo dubbiin garagalcha ta'uusaatti.
Akuma dhiiroonni tokko tokko haadha manaa isaanii mana keessatti hacuucan ykn miidhaa irraan gahan dubartoonni dhiira ykn abbaa manaa isaanii cunqursanillee jiru.
''Bakkan hojii deemetti na hordoftee dhuftee jecha fokkisaa fayyadamtee namootan wajjin hojjadhu giddutti natti iyyiti turte. Akkasumas karaa irratti osuma namooonni arganii fi intalakoo fuuldurattillee na arrabsiti, gaafii ammoo na reebdillee" jedhe Kaalid (namni maqaa isaa jijjirame) himata.
Kaaliid seenaa jeequmsa mana keessaa waggaa lamaaf isa muudatee fi miidhaan harka haadha warraa isaa duraaniitiin isa irra gahe dubbata.
Haati warraa isaa itti yaaddee fuula isaa rukutuun godaannisni mul'atu fuula isaa irra jiraachu hima.
''Haati warraakoo sababoota baay'ee xixiiqqaa funaantee na lolti. Yeroo hundas rakkoon akka nu gidduu jiraatu gooti,'' jedha.
Miidhaa isheen irraan geessuuf deebii kennuu irraa of qusachuuf akka yaaluu fi waldhabdee guyyaa guyyaa mudatu jalaa miliquuf jedhee manatti galuu caalaa bakka biraa buluu akka filatu hima.
Sababa kanaanis haadha warraa isaa waggoota lamaaf waliin jiraatan waliin karaa mana murtiitiin wal hiikan.
Manni murtiis intalli isaanii haadha waliin akka jiraattu murtesse. Ta'us garuu mirga daawwannaa fi yeroo feetetti isa waliin akka turtu manni murtichaa isaaf eeyyamus, haati warraa isaa duraanii tun garuu murtii kana kan hin kabajju turte.
Sababa kanaanis himannaa sadii akka isheerratti dhiyeessu isa taasise. Kun muudanoo Kaaliid qofaa miti. Tuuniziyaa keessattis taateen kun gocha dhiirota heddu irratti raawwatamaa jiruudha.
Waa'ee jeequmsa maatii keessatti ka'uu ilaalchisee yeroo baay'ee dubartootaa fi daa'imman akka miidhamtootaatti kaafamuu.
Garuu dhiironni muraasnis haala kanaan miidhaaf saaxilamuu akka danda'an irratti xiyyeeffannoon akka hin kennamne ogeeyyiin kan himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Masriitti ogeessa fayyaa dhimma sammuu kan ta'an Dr. Al-Ayal, miidhaamni akkasii dubartoota qofa irratti kan daangeffame osoo hin taane, dhiironnis bifa adda addaatiin qaama, sammuu fi saalqunnamtii dabalatee miidhaan akka isaan mudatu mirkaneessan.
Akka qorannoon bara 2022 Aljeeriyaa Yunivarsiitii Mostaganem keessatti gaggeeffamee fi mata duree "Ilaalcha dubartootaa miidhaa haati manaa abbaa manaa irraan geessu" gaggeeffame tokko waan jedhu qaba.
Qorannoon, dubartoota umuriin isaanii waggaa 20 hanga 49 ta'an 53 irratti hojjtameen, hawaasa heddu keessa miidhaa maatii dhiirota irratti raawwatamu akka jiru mul'isa.
Qorannoon jeequmsa maatii irratti gaggeeffame kun akka agarsiisutti, biyyoota Arabaa keessatti dhiironni tilmaamaan dhibbeentaa 40 ta'an waggoota dhiyoo asitti haadhotii manaa isaaniitiin dararaan irra ga'aa.
Dararamanni dhiirota irratti raawwatamu kunneenis miidhaa xiinsammuu kan akka daa'immansaanii argaguurraa dhorkamuu, walqunnamtii saalaa dhorkamuu, manaa ari'amuu, yeroo tokko tokko immoo himannaa sobaa addaa addatiin hidhamuu illee akka ta'e qorannoon kun ni mul'isa.
Qorannoon kun akka agarsiisutti miidhaan gaa'ila keessatti dhiirota irratti raawwatamu ilaalcha hawwasa irraa kan ka'e hedduun isaa dhokatee hafa. Dhiroonni heddunis dhimma kana ni dhofkatu.
Keessumaa bakka dubartoonni barnootaan, galii argataniin, taayitaa qabaniin, olaantummaa qabanitti miidhaan dhiirootarra gahu kun kan heeduumatu akka ta'llee qorannichi kan eeru.
Kana malees, qoodinsa gahee hojii irratti waldhabdee uumuu akka danda'ullee agarsiisa.
Akka ragaan qorannoo Masrii keessatti qoratame tokko agarsiisuttis, dhiironni fuudhan dhibbeentaa 30n haadholii manaa isaaniitiin miidhaan qaamaa akka irra gahu, gabaasa yaalaa fi dhimmoota buufata poolisiitti galmaa'an irra hubatameera jedhan Dr. Al-Ayal
Itti dabaluudhaanis, dubartoonni abbaa warraa isaanii rukutan walakkaan isaanii dubbisuu fi barreessuu kan hin dandeenye yoo ta'u, walakkaan isaanii ammoo kanneen baratan ta'uu himan.
Qorannoo bara 2015 bahe kana waabeefachuu oggeessi kun akka himanitti, dhiironni gaa'ela qaban walakkaan isaanii haadholii manaa isaaniitiin miidhaan akka irratti raawwatamuu fi dubartoonni dhibbentaan shan miidhaa kana keessatti meeshaalee qara qaban fayyadamuu dubbatan.
Dubartoota kana keessaa harki sadii kan ta'an ammoo gochasaanii kanatti gaabbii tokkollee kan hin qabne akka ta'anis ibseera.
Akkasumas "dubartoonni Masrii yakkamtoota abbaa warraa reebuun addunyaa irratti adda dureedha," jedhan.
Kunis dhiibbaa hojii cimaa dubartoota irra jirun kan ka'e dhiirota irratti miidhaa akka raawwataniif akka isaaan kakaasu, qorichoota adda addaa fayyadamuu fi gaa'ila keessatti amanamummaa dhabuu fi sababoota hedduu biraa irraa kan maddu ta'u kaasu.
'Taatee dhugaa adda baasuun rakkisaa ta'e'

Madda suuraa, Getty Images
Waldaan Guddina Maatii Tuuniziyaa akk jedhutti, Tuniziyaa keessatti dhiironni %10 miidhaan qaamaa kan irratti raawwatamu yoo ta'u, tilmaamaan %40 ammoo harka haadha warraa isaaniitiin miidhaa xin sammuutiif saaxilamuu ibsa.
Akka Waldichi jedhutti, sababoonni miidhaa kanaa adda durummaan seerri mirga dubartootaa kabachiisu akka malee guddachuu irraa kan ka'eedha.
Qaawwa gama seeeraan jiruun yeroo hedduu jeequmsa maatii keessatti dhiironni komatamuu fi tarkaanfii seeraa cimaan irratti fudhatamuun gocha kanaaf akka saaxilaman taasisuu akka hin oolle eera.
Biyyatti keessatti dhiiroonni gaa'ilaasaanii hiikan kaffaltii soorata daa'immanii kaffaluu dhabuu isaaniitiinii fi maallaqni hin kaffalamiin irra kuufamuu isaaniitiin kan hidhaan isaan mudatu heddu ta'uunis ibsameera.
Haala akkanaa keessatti dhiironni keessumaa kanneen maddi galiisaanii xiqqaa ta'e fi jeequmsi maatii isaan muudate filannoo lama qabu. Innis, dubartootaaf bitamuu yookaan hidhaatu isa mudata jechuun haalichi hangam akka rakkisaa ta'e ibsa Waldan guddina maatii kun.
Al-Ayar miidhaa dubartoota irratti raawwatamu addunyaa guutuutti bal'inaan kan mul'atu ta'uu hima. Haata'u malee, miidhaa dhiirota irratti raawwatamu yeroo baay'ee dhimma callisaan bira darbamuudha jedha.
Sababni isaas dhiironni keessumaa hawaasa Arabaa keessatti yeroo baayyee sababa ilaalcha kabajaatiin miidhaa dubartootaan, keessumaa haadha warraa isaanii irraa irra gahu ibsuuf eyyamamoo miti.
Miidhan dhiirota irra ga'u kunis miidhaa qaamaa sasalphaa kaasee kan hanga miidhaa summii nyaachisuu, ukkaamsuu, gubamu, ajjeesamuu, meeshaalee qara qabaniin waraanuu fi itti dhukaafamu ta'uu akka danda'u qorannoowaan kunneen kan eeran.
Gama biraatiinis, biyyoota tokko tokko keessatti waggoota dhiyoo asitti miidhaa dubartoota irratti raawwatamu dabaluu isaatiin walqabatee, lakkoofsi dubartoota sababa akkasiin ajjeefamanii dabaluu qoranichi dabaluun ibseera
Maqa baleessummaan hawaasa keessa jiru ammoo miidhaan kun akka callifamu taasisuudha ragaaleen kan mul'isan.
Jeequmsa maatii hir'isuuf ogeyyoo fi qorannoowaan kunneen yaadota dhiyeessu.
Isaan keessaas barbaachisummaa hirriyaa jireenyaa ogummaadhaan filachuu fi gatii maatii gaarii karkulamii barnoota keessa galchuudhaan namoonni ijooluummaa irra barataa akka guddatan taasisuu kan jedhu isa tokkodha.
Kana malees, waajiraalee dhimma kana irratti hubannoo uuman, gareewwan ogeeyii hawaasumaa fi xiinsammuu, kan amantii dabalatee, barnoota gaa'elaan wal qabatan babal'isuun akkoo muudatuuf fala ka'uu irratti hojjachuu cimsuu kan jedhan kaafamaniiru.












