Dubartiin abbaa warraa waliin walqunnamtii saalaa raawwachu didde oliyyannoon injifatte

Madda suuraa, Reuters
Dubartiin Faransaay kan abbaa warraashee waliin saalqunnamtii gochuu dhaabuudhaan dhimmisaanii mana murtii gahe tokko,mana murtii olaanaa mirga namoomaa Awurooppaa irratti oliyyannoon injifattee.
Manni murtiis wal hiikuu isaaniif komatamuu akka hin qabne ibseera.
Manni Murtii Mirgoota Namoomaa Awurooppaa (ECHR) Kamisa kaleessaa dubartii ganna 69 taateef murteessuun, manneen murtii walqunnamtii saalaa raawwachuu diduu akka sababa yakka wal hiikuutti ilaaluu hin qaban jedheera.
Murteen sagalee guutuun kenname kun Faransaay seera mirga namoomaa Awurooppaa jalatti mirga jireenya dhuunfaa fi maatii kabaju sarbuu ibseera. Murtee kanaanis falmii gara waggoota kurnaniif harkifatee ture xumureera.
Dubartiin Faransaay kan Aadde H.W jedhamuun ibsamte tunis murtee kanaan "aadaa gudeeddii" hambiisuu fi gaa'ila keessatti haala hayyama irratti hundaa'een quunnamtii saalaa raawwachuu jajabeessuuf tarkaanfii fuulduratti fudhatamedha jechuun leellifte.
Dhimmi kunis Faransaayitti ilaalcha hayyama gaa'elaa fi mirga dubartootaa irratti falmii kaasee jira. Abukaatoon H.W. Liliyaa Mhissen, murteen kun yaad-rimee yeroon isaa darbe "dirqama gaa'elaa" jedhu kan diige yoo ta'u, manneen murtii Faransaay ilaalcha ammayyaa hayyamaa fi walqixxummaa irratti qaban waliin akka walsimu gaafatteetti.
Gareewwan mirga dubartootaa Aaddee H.W. deeggara, abbootiin murtii Faransaay ''mul'ata gaa'ilaa durii'' kaa'uu itti fufaniiru, kunis ilaalcha dogoggoraa miidhaa geessisu itti fufsiisa jedhan.
Aaddee H.W. kan naannoo Paaris Le Chesnay jiraattu, abbaa warraa ishee Aab JC'tti bara 1984tti heerumte. Isaa waliinis Ijoollee afur argataniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Intalsaanii kan qaama miidhamtuu kan yeroo kunuunsa barbaadu dabalatee, itti gaafatamummaa kan Aaddee H.W. ture.
Hariiroon gaa'elaa isaanii erga mucaansaanii jalqabaa argatanii booda ture kan laafuu eegale. Bara 1992tti ammoo Aaddee H.W. rakkoon fayyaa mudachuu jalqabe.
Bara 2002tti abbaan warraashee miidhaa qaamaa fi jecha afaaniin ishee miidhuu jalqabe. Waggaa lama booda saalqunnamtii isa waliin raawwachuu dhiistee bara 2012tti akka wal hiikuuf iyyatte.
Dubartiin kun gaa'eli ishee deegamuutti hin komannee sababii ofiisheetiif gaafatteeffu, garuu sababoota wal hiikuu kanaarratti mormteetti.
Bara 2019tti manni murtii ol'iyyannoo Versailles komiishee kuffisuun abbaa warraa isheetiif murteesse. Manni murtii Olaanaa Faransaay boodarra iyyannooshee irratti ibsa osoo hin kenniin kuffise. Sana booda dhimma ishee bara 2021tti gara ECHRtti dhiheessatte.
ECHR'n mootummoonni dhimmoota saalqunnamtii kan sababoota baayʼee cimaa taʼaniin qofa gidduu seenuu akka qaban murteesse. Yaadni "dirqama gaa'elaa" seera Faransaay keessatti qunnamtii saalaa raawwachuuf barbaachisummaa hayyamaa kan hin hammanne ta'u ibseera.
Manni murtichaa, gaa'ila dhaabbachuuf waliigaluu jechuun gara fuulduraatti saalqunnamtii raawwachuuf waliigaluu jechuu akka hin taane cimsee ibseera.
Kunis gaa'el keessatti dirqiidhaan gdeedamuun yakka cimaa akka haaluutti ilaalamu danda'a jedheera manni murtichaa.
Kanaan duras Faransaay keessatti abbaan warraa haadha warraasaa qoricha sammuu adoochan kennuudhaan dhiiroota 50 ol karaa intarneetiin affeeruun hadha warraasaa akka gudeedan taasisaa ture baatii tokkoon dura hidhaan adabamunsaa ni yaadatama.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












