Otoniyel: Mootiin qoricha sammuu adoochuu baayyee barbaadamaa ture qabame
Lammiin Kolombiyaa qoricha sammuu adoochu daddabarsuun beekamuufi gaggeessaa garee shiftaa guddicha biyyatti yakka hamaarratti bobba'an gaggeessu qabame.
Namichi qoricha sammuu adoochan daddabarsuufi garee yakkawwan hamoo raawwatu hoogganu kun Dairo Antonio Úsuga jedhama garuu caalmaatti maqaa masoo Otoniyel jedhuun beekama.
Otoniel opereeshinii waloo humna qilleensaafi poolisiitiin Sambata darbe gaggeeffameen qabameera.
Mootummaan nama bakka inni jiru ilaalchisee odeeffannoo kenneef dolaara 800,000 badhaaseera.
US garuu nama mootii sammuu namaa adoochuu daddabarsu kana qabeef ykn bakka jiru himeef dolaara miliyoona 5 akka kennitu waadaa galteetti.
Pirezidantiin biyyattii Iván Duque ergaa karaa viidiyoo televizhiniin tamsa'een dabarsaniin qamabuu Otoniyel baayyee dinqisiifataniiru.
"Kun mo'icha guddicha jaarraa kana biyyi keenya warra qoricha sammuu adoochu daddabarsanirratti gonfattedha. Mo'ichi kun kufaatii Pabloo Eskobaar bara 1990ta keessa mudate waliin qofa dorgomsiifamuu danda'a," jedhan.
Otoniyel bakka dhokatee jiruu konyaa Antioquia jedhamtu kaaba-lixa Kolombiyaa argamtuutti qabame. Bakki inni itti dhokatee ture kun daangaa Panamaatti dhiyoodha.
Oppireeshinii isa qabuuf taasifame ilaalchisee odeeffannoon bal'aan of fuuladuratti kan ba'u ta'ullee, akka pirezidantichi jedhanitti hanga ammaa qondaalli poolisii tokko ajjeefameera.
Humnoonni Kolombiyaa boodarra suura yeroo loltoonni isaa harka duubatti hidhanii Otoniyeel qabanii deeman agarsiisu gadhiifameera.
Nama umuriin isaa waggaa 50 ta'e kana qabuudhaaf opereshiniiwwan hedduu poolisoota kumaatamaan hirmaachise gaggeeffamaa kan ture ta'ullee, yeroo dheeraaf hin milkaa'iin tureera.
Otoniyel dursaa Gulf Clan kan duraan Usuga Clan jedhamaa turee ta'eera.
Garee kana duraan gaggeessaa kan ture obboleessa isaa yoo ta'u, Otoniyel ammoo waggoota kudhan dura oppereeshinii poolisiin gaggeesseen ajjeefamuu isaa horofee bakka obboleessaa bu'e.
Humnoonni nageenyaa Kolombiyaa garee kana dhaabbata yakkamaa guddicha biyyattii ta'uu kan moggaase yoo ta'u, aanga'oonni US ammoo garee "akka malee hamaa ta'eefi haalaan hidhatedha" jechuun ibsu.
Gareen konyaawwan hedduu keessa socho'uufi sadarkaa idil-addunyaarratti hidhannoo cimaa qabu kun, namootaafi qoricha sammuu namaa adoochan seeraan ala daddabarsuufi warqee seeraan ala baasuurratti hirmaachuun beekama.
Gareen kun miseensota hidhatan 1,800 akka qabu kan amanamu yoo ta'u, gariin isaanii fagaatanii biyyoota biroo akka Arjentiinaa, Biraazil, Honduraas, Peruufi Ispeen keessattillee qabamanii beeku.

Madda suuraa, Reuters
Gareen kun toorawwaniifi ulaawwan hedduu ittiin qoricha sammuu adoochan seeraan ala Kolombiyaarraa gara US, akkasumas hanga Raashiyaattillee dabarsuu danda'an to'ata.
Mootummaan Kolombiyaa garuu waggoota dhiyoo as lakkoofsa garee kanaa akka xiqqaatu gochuun kanneen gaggeessitoota garee kanaa ta'an ammoo akka naannoowwan fagootti baqatanii bosona keessa dhokatan taasisuu amana.
Otoniyel amma himannaa akaakuu yakka baayyeetu isa eeggata.
Kanneen akka qoricha sammuu adoochu Kookeen gara UStti fe'uu, ajjeechaa qondaaltota poolisiifi daa'imman qacaruu jedhaman yakkawwan ittiin himatamuuf jiru keessaati.
Bara 2009 keessa US keessa akka yakkaan barbaadamu murtaa'ee kan ture yoo ta'u, akka dabarsamee kennamuufi Niiw Yoork keessatti akkla mana murtiitti dhiyaatu barbaadamaa tureera.

















