Meeksikootti daddabarsitoonni qoricha sammuu hadoochanii gaazexeessituu ajjeechaan doorsisan

Bullet holes are seen after a battle between the CJNG and Los Viagras cartels in Aguililla

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhukaasa gareewwan (cartels) CJNG fi Los Viagras gidduu dhalateen duuba haala ture

Namoonni garee qorichoota sammuu namaa hadoochan daddabarsu bakka buuna jedhan, gaazexeessituu TV gubbaa oduu dhiyeessitu ajjeesuuf dhaadatan. Jarri akka jedhanitti gabaasni isheen dhiyeessite kan loogii qabudha.

Sodaachisi kun viidiyoon kan gadhiifame oggaa tahu, namicha garee Jalisco New Generation cartel (CJNG) bakkan bu'a jedhetu ergaa san dabarse.

Namni kun Televizhiniin Milenio jedhamu gabaasa isaa keessatti, gareewwan gurmaa'anii CJNG ofirraa ittisna jedhaniif loogeera jedha.

Ergaa viidiyoo kana keessatti gaazexessituu Azucena Uresti jedhamturratti doorsisni kallattiin raawwateera.

''Jechakee akka liqimsituun si taasisa, yakka dubartii ajjeesuun yoo na himatanillee,'' jechuun akeekkachiise.

Gareen balaafamaa jedhamu CJNG'n, Meeksikoo keessatti haleellaawwan dhiiga hedduu dhangalaasan duuba jira jedhamee himatama. Hoogganaan garichaa Nemesio Oseguera ammoo namoota biyyattii keessatti haalaan barbaadaman keessaati.

Ameerikaan gamasheetiin nama kana qabuuf odeeffannoo gargaaru nama dhiyeesseef doolaara miiliyoona 10 nan kenna jetti.

Bara dabre keessa haleellaa wiirtuu dandamannaa qorichootaa kutaa biyyaa Guanajuato keessatti mudateefi lubbuu namoota 26 galaafateef CJNGn guddoo komatama.

Maqaan gareen kun qabu akkas tahee otoo jiruu, viidiyoon haaraa bahe kun loogiin kan jiru miidiyaa bira jechuun garasanatti quba qaba.

Namtichi viidiyoo kana gubbaa fuula haguuggatee dhiyaate kun, gareewwan ofirraa qolachuuti jedhamuun gurmaa'an kunniin, ofiisaaniiyyuu qoricha daddabarsu jedha.

A State police convoy patrols a road in El Aguaje after a visit of Vatican's ambassador to Mexico Franco Coppola to the area and to the municipality of Aguililla, an area where the Jalisco New Generation Cartel (CJNG) and local drug gangs are fighting to control the territory, in Michoacan state, Mexico April 23, 2021.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Aanga'oonni Meeksikoo hokkora kaartelotaan dhalatu to'achuuf guddoo itti cimeera

Xiinxaltoonni akka jedhanitti humnoonni ofirraa qolachuuf gurmaa'an kunniin keessattuu kutaalee biyyaa Michoacan hokkora kaartelotaan dhalatu kana to'achuuf gumaachaniiru jedhu. Haatahu malee gariin ammoo eegumsaafi meeshaa waraanaa argachuuf, jara kana wajjin waliigaltee uumaniiru jedhama.

Biyyoota addunyaa gubbaa jiran keessaa Meeksikoon gaazexeessitootaaf biyya hamtuudha. Gaazexeessitoota naannoo keessa jiranitti haleellaan raawwatamuun kan barame oggaa tahu, akeekkachiisni ifatti akkasiin kennamuun garuu waan hin baramnedha.

Televizhiniin Milenio Television fi Aadde Uresti'n garuu waa'ee viidiyoo kanaa haga ammaa hin dubbanne.

Dubbihimaan pireezidantii biyyattii Jesús Ramírez Cuevas akka tiwiit godhanitti: ''Mootummaan gaazexessitootaafi miidiyaalee doorsifaman eeguuf tarkaanfii barbaachisu ni taasisa,'' jedhan.