ANOM: Yakkamtootni addunyaa dhibbaan lakkaa'aman karaa ergaa gabaabaa to'annoo jala oolan

Madda suuraa, Australian Federal Police
Addunyaarra shakkamtootni 800 ol tahan erga aappilikeeshinii ergaa waliif erguuf gargaaru kan FBI tahe akka fayyadaman taasifamanii to'annoo jala ooluu qondaalonni himan.
Oppireeshiniin kun qindoomina Awustiraaliyaafi FBI'n kan gaggeeffame yoo tahu, meeshaan aappii ANOM jedhamu qabu iccitiidhaan shakkamtoota gidduutti rabsamee ture.
Kun poolisiin waa'ee daddabarsa qorichaa sammuu hadoochuu, daddabarsa maallaqa seeraan alaafi ajjeechaaf qophii godhan irratti ergaa walii barreessan hordofaa ture.
Qondaalotni haalicha jijjiirama guddaa jedhan. Warreen xiyyeeffannoo keessa galan warra daddabarsa maallaqaan beekamaniifi garee 'mafia' tahanidha.
Qoricha sammuu hadoochu, meeshaa waraanaa, konkolaataa gatii jabeeyyiifi maallaqa callaan yeroo oppireeshinii kanaa to'annoo jala oolaniiru.
Kun biyyoota baay'ee keessatti gaggeeffame. Kookeenii toonii saddet, qawwee 250, maallaqa biyya garaagaraa miliyoona 48 baasu to'annoo jala oolchaniiru.
MM Awustiraaliyaa Iskoot Moorisan, oppireeshinichi adunyaa irratti '' yakka qindoominaan hojjetamu irratti haleellaa cimaa'' geesise jedhan.
Ejeensiin Poolisii Gamtaa Awurooppaa 'Europol' oppireeshinii Trojan Shield/Greenlight' jedhamu ''oppireeshinii seera kabachiisuu karaa qunnamtii ergaa gabaabaa rawwate irratti tahe,'' jedhe.
Appiin ANOM akkamiin hojjeta?
FBI meeshaa qunnamtii ANOM jedhamu fayyadamuun erga hoji jalqabee, meeshicha aappii ergaa ittiin walii barreessan waliin karaa namoota beekanii dhoksaadhaan shakkamtootaaf qoode.
Yaadni oppireeshinii kun erga tooftaaleen qunnamtii biroo lama ejensii seera kabachiisuun akka dhaabbatan murtaa'een booda. Kun yakkamtootni karaa moobaayila isaanii icciitiin eegamee gabaa keessa akka turan taasie.
Meeshichi jalqaba yakkamtoota bebekamoon akka itti fayyadamaa turan himama. Yakkamtootni kaan akka itti fayyadaman tooftaa qunnamtii ija jabina kenneefiidha.
''Yakkamaan sun meeshaa kana tokko qabaachuu isaa beekuu qabda. bilbilootni kunnen sagalee hin dhageesisan yookaan email hin fudhatan. Nama tokko waliin karuma tokko qofa wal qunnamta,'' poolisiin Awustiraaliyaa yoo ibsu.

Madda suuraa, Australian Federal Police
Baqataan Awustiraaliyaafi daddabarsa qoricha sammuu hadoochuun himatamu Hakan Ayik, oppireeshinichaaf nama murteessaa yoo tahu, osoo hin beekiin moobaylilicha poolisii dhoksaan qorannoo gaggeessu harkaa fudhachuun namootni yakkaan wal qabatan biroos akka fayyadaman gorsaa ture, jedhe poolisiin.
Miidiyaalee Awustiraaliyaan, ''Saamtota Feesbuukii'' jedhamuun kan waamamu Hakaan Ayik miidiyaa hawwaasaa irratti tumaa baayyee qaama isaa irraa jiruufi irree isaa cimaa agarsiin mul'ateera.
Miidyaaleen biyya keessaa hedduun adaba jalaa miliquun haadha warraa isaa waliin jireenya baay'ee mijataa tahe Turkii keessa jiraachaa jiru himu.
Poolisiin garuu hatatamaan yoo ''ofuma isaan harka nutti kennate wayya'' jedhe. Osoo hin beekiin qorannoo FBI akka deeggareefi ofiisaayyuu haala hamaa keessa akka jiru ibsuun.
Walumaagalatti moobaayilootni ergaan isaanii qabame 12,000 tahan yakkamtoota 300 tahaniin biyyoota 100 ol tahan keessatti fayyadamaniiru.
Qondaalonni maal saaxilan?
Poolisoonni ergaa miliyyonota tahan ''yeruma barraa'u'' waa'ee daddabarsa qoricha sammuu hadoochuu, yaalii ajjeechaafi kaan dubbisaa turan.
''Waan isaan haasa'an hundinuu waa'ee qoricha sammuu hadoochuu, jeequmsaa, walii isaanii haleeluu, namoota nagaa ajjeefamuu qaban jedhan, waanuma kana hundaa,'' ta'uu Komishinerri poolisii federaalaa Awustiraaliyaa Riis Kershaw kan hime.
Adunyaa irraa poolisiinni 9,000 tahan oppireeshinicha keessatti hirmaataniiru. Kalviin Shiivers, kutaa qorannoo yakkaa FBI irraa oppireeshinichi ''dhaabbilee yakkamtootaatti lafa galagalche'', basaasa gaggeeffameen ajjeechaa baay'eefi yakkoota kaan oolchuun danda'ameera jedhan.
''Suuraa kookeenii toonii dhibbaan tilmaamamu doonii kuduraan fe'amaa turan argaa turre,'' jedhan.

Madda suuraa, Australian Federal Police
Ibsi ejensota seera kabachiisuuf hojjetanii eenyufaa akka to'annoo jala oolan hin himu.
Awustiraaliyaatti saamtota doqdoqqee fayyadaman, garee maafiyaa, garee yakkamtoota qindaa'oofi kan Eeshiyaa keessa hojjetan dabalatee namootni 224 tahan to'annoo jala oolaniiru.
Poolisiin akka jedhetti, qoricha sammuu hadoochu toonii sadii, maallaqa callaa doolara miliyoona 45 fi qabeenya biroo to'ataniiru. Akkasumas namoota akka ajjeefamaniif itti qophaa'amaa ture 20 lubbuu oolchaniiru.
Niw Zelaandi keessatti yakkamtootni 35 to'atamuufi qabeenyi doolara miliyoona 1.9 baasu qabamuu poolisiin himeera.
Itti-aanaan daariktera ol-aanaa Europol Jiin Filiippee Lekoofe oppireeshinicha ''milkaa'ina addaati'' jedhan.
Ejensichi namoota to'ataman biyyaan adda baasee ibsuu baatus qondaalonni naannoo ammoo shakkamtoota 70Iswiidin keessaa, 49 ammoo Nezerlaandis keessaa akka to'ataman, Rooyitersi gabaasera.
Hogganaan poolisii Iswiidin ajjeechaa namoota 10 irratti raawwachuuf ture oolchuu ibseera, akka Rooyitersi jedhetti.















