Lammiin Biraazil mana hidhaa keessaa dubartii fakkaatee miliquuf ture du'ee argame

Madda suuraa, Reuters
Qondaaltonni mana amala sirreessaa Biraazil namicha uffata dubartii uffachuun osoo miliquuf jedhuu qabame du'ee argamuu himan.
Guyyoota sadii dura miliquuf yaalii kan taasise Kilaawuvino Daa Silvaan osoo qoricha sammuu hadoochu olii gadi sochoosu qabameeti mana hidhaa kan seene.
Viidiyoon yeroo inni dubartii fakkaachuuf uffata garaagaraa ofirra naqe tokko tokkoon baasu miidiyaalee hedduun gabaafameera.
Umuriin Silvaa 42 yeroo ta'u waggaan 73 fi ji'a 10 irratti murtaa'ee ture.
Erga dheengadda dubartii fakkaate miliquuf yaale qabame as mana amala sirreessaa Baanguu 1 bulchiinsa Riyoo Di Janeeriyoo argamu keessatti du'e argameera.
Bakka du'ee itti argame kanatti dhihoo erga miliquuf jedhee qabame asi kan seensifame.
Gabaasni oduu Biraazil 'O Globo' jedhamu akka gabaasetti qofaadhuma akka tursiifamu taasifamee ture.
Silvaan bara 2013 dura takkaa mana hidhaatii miliqee beeka.













