'Al-Shabaabi fi ABO shanee naannoo kanaa yoo balleessine tokkummaan ni cima' MM Abiy Ahimad

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, State House Kenya

Pireezidantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaafi MM Abiy Ahimad Al-Shabaab, ABO shaneefi hidhattoota biroos waliin loluun naannoo daangaatti nageenyaa fi misooma uummata fayyadu hojjechuuf akka walta'an beeksisan.

Eebba qaama pireejektii guddaa Mombaasaa, Naayiroobii fi Finfinnee wal qunnamsiisu kan ta'e daandii Hawaasaa -Hagaramaariyaami-Moyaalee km 500 dheeratu har'a yeroo waliin eebbisan ergaa kana dhaaman.

Buufatni to'annoo daangaa naannoo Moyyaalees Pireezidant Uhuruu Keeniyaattaa fi MM Abiy Ahimadiin eebbifameera.

MM Abiy Ahimad daawwannaa hojii guyyaa lamaaf Keeniyaatti kan argaman yoo ta'u daawwannaa isaanii Mooyyaleetti eegalee kana itti fufuun piroojektii Laamuu Keeniyaa, Sudaan Kibbaa fi Itoophiyaa walqunnamsiisu fi magaala buufata doonii taate Mombaasaas ni daawwatu.

Sagantaa eebbaa piroojektii kanaarratt bakka bu'ootni hawaasa Mooyyalee kan gama Itoophiyaa fi Keeniyaa argamaniiru.

Hooggantootni lameen maal jedhan?

MM Abiy Ahimad sirna eebbaa Moyyaalee Keeniyaatti haasaa taasisaniin al-Shabaabii fi ABO shanee balleessuun misooma naannichaa cimsuuf hojjechuun akka barbaachisu dhaaman.

MM Abiy ''akkuma bu'uura misoomaarratti waliin hojjennu nageenya naannichaa mirkaneessuurratti akka hojjeennu'' Pireezidant Uhuuruuf nan dhaama jedhaniiru.

''Alshabaabiifi ABO shanee naannoo kanaa yoo dhabamsiifne uummata kana gara maatii tokko, biyya tokkoofi uummata gammachuuf waltuumsuun jiraattutti ceesisuun ni danda'ama'' jedhan.

Akkuma beekamu ABOn erga mootummaa waliin waliigalee gara biyyaatti deebi'ee akka paartii tokkootti galmaa'uun siyaasa biyyattii keessatti hirmaachaa jira.

MM Abiy Ahimed haasaa isaanii taasisaniin ABO jechuun fayyadaman illeen ABO shanee jechuuf akka ta'efi haala kanaan akka sirrattuuf Waajjira Ministira Mummmeetti Sakreetariyaatiin Pireesii Biilanee Siyuum BBC waan gaafataniif haaluma sanaan sirreeeffameedha.

Qaama waraanaa dhaaba ABO kan turee fi dhaabichi hariiroo waliin qabu adda kutuu ibsuu fi mootummaan Itoophiyaa ABO-shanee jedhee qaamni waamu naannoo daangaatti sochii hidhannoo gaggeessaa jiraachuu eeruun isaan dhabamsiisuuf tarkaanfii fudhachaa akka jiru irra deddeebiin ibsa.

MM Abiy Ahimadiifi pireezidant Uhuuruu Keeniyaattaa

Madda suuraa, STATE HOUSE KENYA

Bakka bu'oota Mooyyalee Itoophiyaa fi Keeniyaarraa qophii kanarratti hirmaataniif ergaa dhaamaniinis ''isin maatii tokko, fedha tokko qabdu; nageenya keessan eeggattanii Badhaadhina mooyyalee Itoophiyaa fi Keeniyaa fiduun daangaa kanas caccabsitanii tokkummaa keessan eeguu qabduu'' jedhan.

Uummatni Mooyyalee jiru maatii tokko kan daangaa nam tolcheen adda bahee dha kan jedhan MM Abiy, daangaan kun bu'uura misoomaa haaraa kanaan ni diigama jedheen amana jedhaniiru.

Daandiin amma eebbifame carraalee inveestimeentii fi misoomaa hanga ammaatti bira hin gahamiin bira gahuun fayyadamuuf carraa kan uumu ta'uu himan.

'Wanti feenuu Mooyyaleen Dubaayi naannawaa kanaa ta'uudha'

Piroojeektiin akka Laamuu biyyoota baha Afrikaa maatii tokko akka ta'an gochuufis ni bal'ata jedhaniiru.

Pireezidant Uhuuruun wanti barbaannu biyyoota lamaan kana gidduu hariiroo jabaa jiru cimsuudha'' jedhan.

Uummatni Mooyyalee kan daangaa Itoophiyaas kan daangaa keeniyaa keessa jiruus hariiroo kana cimsuuf gahee guddaa kan taphatan ta'uus himan.

''Wanti ta'ee arguu feenuu Mooyyaleen Dubaay naannawaa kanaa ta'uudha.''

''Injifannoo dinagdee rakkoo nageenyaa osoo qabnuu gonfachuu hin dandeenyu'' kan jedhan Pireezidant Uhuuruun, ''kanaaf akka biyyoota ollaa lamaatti nu keessa taa'anii qaamolee nageenya Keeniyaas, Itoophiyaas jeeqan waliin taanee irratti hojjechuu qabna''jedhan.

Kaayyoon daawwannaa kanaas michummaa biyyoota lamaanii, walitti daldalaa fi Inveestimeentii biyyoota lamaan gidduu jiru cimsanii itti fufuuf akka ta'es himaniiru.

Kaaba keeniyaa keessa uummatni jiraatu aadaa, Afaaniifi jiruufi jireenyaan uummata Oromoo Kibba Itoophiyaa naannoo daangaa jiran waliin walfakkaatu qaba. horteen isaas tokko akka ta'e amana.

Biyyootni lameen al-shabaabiin loluutti kan jiran yoo ta'u Waraanni Bilisummaa Oromoo baroota hedduuf qabsoo hidhannoo Kibba Itoophiyaa hanga daangaa Keeniyaatti socho'uun gaggeessaa tureera.