'Qaamoleen nageenyaa Keeniyaa maqaa Oppireeshiniin nu dararaa jiru' - jiraattota

Uummanni Marsaabiit horii horsiisee bula

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Uummanni Marsaabiit horii horsiisee bula

Mootummaan Keeniyaa kutaalee kaaba biyyattii- Marsaabiit fi Isiyooloo keessatti qaamolee yakkamtoota ittiin jedherratti oppireeshinii eegaluu ibseera.

Oppireeshinii kana gaggeessuu akka eegale kan ibse poolisii Keeniyaa yoo ta'u qaamolee irratti xiyyeeffatanis Waraana Bilisummaa Oromoo (ABO-WBO) ta'uu eeran.

Haata'u malee sababa oppireeshinii kanaan miidhamaa kan jiran namoota nagaa ta'uu jiraattonni kutaalee Marsaabiit irraa BBCtti himaniiru.

Jiraataan Mooyalee tokko doqdoqqee oofuun kan of jiraachisu yoo ta'u osoo homaa hin beekin tasuma karaarratti humnoota nageenyaa Keeniyaan qabamee ''guddoo reebamuu'' hime.

''An karaa deemaan ture. Yoo an dhufu nama tokko dhaanaa jirti [waraanni]. Ilkaan keessaa jissitee, fuula keessa akka malee tumtee dhiiga keessaa yaasti. Nama kana harka duubatti hiitee baayyee miitee jirti,'' jechuun dararaa namootarra ga'u kan ijaan arge hima.

''Nullee doqodoqqeerraa nu jissitee fuula lafatti deeffadhaa jettee nurratti deemte,'' jechuun reebichi isarrattis raawwachuu BBCtti hime namni kun.

Akkanni jedhutti qaamoleen nageenyaa kunneen erga isaa fi namoota kaan reebanii booda waraqaa eenyummaa gaafachuun gadhiisan.

''Namni isaan akka malee reeban nama guddaa daa'imman afur qabu. Doqdoqqee (boodaa) oofa. Osoo inni maamila fuudhuuf deemuu qabanii reeban. Amma ofiyyuu hin beeku. Dubbachuu hin danda'u. Hospitaala Mooyalee ciisa,'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Oppireeshinii kana akka hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo irratti gaggeessan kan ibse poolisiidha.

Jiraattonni kunneen garuu reebicha kan isaanirratti raawwatan miseensota Raayyaa Ittisaa biyyattii ta'uu dubbatu.

''Hidhannoo guddaa qabu. Fuula haguuggatanii jiru. Fuulasaanii hin arginu. Ammoo fulaa sunitti nami isiin wal haatuun hin jiru. Lafumatti dhukaasti (haati),'' jedha jiraataan Mooyaalee biraan.

Mooyaalee ollaa Ciraa jedhamurraa BBCtti kan dubbate jiraataan kan biraan ''waraanni xiyyaaraan dhufanii dhukaasa eegalan, abidda gadi lakkiftee jennaan namuu rifate,'' jedhe.

''Uummanni iddoo bisaan buufatu ture. Waan isaan dhukaasan kana arginaan baqate. Duuba isaan ammoo itti dhukaasanii waan uummanni ittiin bisaan waraabu hundaa jalaa guban. Uummanni dheebuu oole,'' jedha jiraataan kun.

Akka jiraataan kun jedhutti qaamoleen nageenyaa Keeniyaa kunneen nama afaan [Kiswaahilii] hin beekne hunda nama Itoophiyaa jedhanii reebu.

''Nama Kiswaahilii hin beekne cufa warra suni [WBO] jedhee dhaana warri. Nama doqdoqqee oofu tokkollee shaneedhaan deemta jedhanii dhaanan. Kan waliin deemullee guddoo dhaanan,'' jedhe.

Uummanni sodaa oppireeshinii qaamolee nageenyaan kanaan manaa ba'ee bakka bisaan fudhatullee deemaa hin jiru kan jedhu jiraataan kun, kanarraa ka'e uummanni dheebuudhaan miidhamaa jira jedhe.

Jiraattonni BBCtti dubbatan kunneen erga oppireeshiniin kun eegalee sodaa guddoo keessa jiraachuu fi socho'uufillee yaadda'uu himaniiru.

Kaan baqatee maatiin naasuudhaan gargar faffaca'ee akka jiru ibsan.

''Namuu dheessee jira. Yoo ati waan nyaattu fi bisaan barbaaduu gadi baatu dhooftee si ajjeefti,'' jechuun qaamoleen nageenyaa dararaa raawwachaa jiraachuu ibse jiraataan tokko.

Qaamoleen nageenyaa Keeniyaa maqaa Oppireshinii -Ondoa Jangili jedhuun bobbaafaman kunneen waraqaa eenyummaa namoota gaafachuun nama hiraarsaa jiru jedhu jiraattonni.

''Akkuma tasaa nurra yaa'an. Namuu qe'eemasaa keessa waraqaa eenyummaa malee deema. Isaan gaafatanii dhabnaan ni reebu. Ammoo kan waraqaa qabullee hin dhiisan,'' jedha jiraataan BBCn dubbise.

Hasan Umar Kaawuntii Marsaabiit keessatti damee nageenyaa keessa hojjeta.

Mootummaan Keeniyaa daangaasaa keessatti oppireeshinii fedhe gaggeessuu danda'a kan jedhu hojjetaan nageenyaa kun garuu duulli kun jeequmsaa fi hookkara biraaf sababa akka hin taane sodaa qabu ibsa.

''Lafa Marsaabiit kana keessa nama gosa hedduutu jiraata. Dur waraanni gidduu galee walhadhaa turan. Waggoota sadan darban waraanni sun ya qabbanaa'e. Ammallee yoo hin laallatin waraanni sun namatti deebi'a,'' jedhe.

Mootummaan Keeniyaa kan Naayiroobiirraa gadi dhufu haala Marsaabiit keessa jiru hin hubatu kan jedhu hojjetaan nageenyaa kun ''Marsaabiit keessatti wanni xiqqoon tokkollee yoo mudate salphaatti uummata walitti buusa. Yoo namni sirriitti hin hubatin,'' jedha.

''Uummatuma tokko se'an [qaamolee barbaadan kunneen]. Afaanuma tokko dubbatan, wal fakkaatan. Kana hin laallatan.''

Akka hojjetaan nageenyaa kun jedhutti poolisiin Keeniyaa Waraanni Bilisummaa Oromoo uummata Oromoo Booranaa kanneen Keeniyaa fi Itoophiyaa keessa dhokatti jechuun jecha hin malle.

''Mootummaan keenyaa yoo WBO daangaasaa keessa jiraate isatu beeka. Isatu baasuuf mirga qaballee. Ammoo gosa tokko maqaa dhahanii gosa kanatu dawoo ta'eef jedhanii dubbachuun gosa kana xurii dibdeetti.''

Wayita oppireeshinii akkanaa gaggeessan namni hundi akka keessa hin miidhamne of eeggachuu malan jedha Hasan Umar.

''Namuma horii ofii tiffatu, ooyiruu ofii eeggatu, namuma deemu cufa WBO jedhanii dhaanan. Namuu hunduu ollaasaa wayita jiru waraqaa eenyummaa qabatee hin deemu. Manattillee lakkifatee ba'a. Nama waraqaa harkaa dhaban hunda dhaanan,'' jedha.

''Poolisiin Keeniyaa ilaallachuu qaba. WBO fi nama kaanillee adda baasuun dirqamasaaniiti. Nami hundi hidhataa miti.''

Poolisiin Keeniyaa oppireeshinii eegale kanaan qaamolee yakka saamichaa, nama butanii maallaqa gaafachuu, dubartoota gudeeduu fi qoricha seeraan alaa akkasumas namoota daddabarsuu keessatti hirmaatan jedhe haxaawee akka baasu ibseera.

Hojjetaan nageenyaa Kaawuntii Marsaabiit Hasan Umar yakki gudeeddii fi nama butanii maallaqa gaafachuu isaan biratti baratamaa akka hin taane BBCtti hime.

''Ammoo qoricha seeraan ala daddabarsuun sirriitti jirti. Qaamolee mootummaan himatu kana qofatu kan raawwata jechuullee hin dandeenyu. Daa'ima xixiqqoo hanga nama gurguddaatti, Mooyalee hanga Naayiroobiitti nama hedduutu keessatti hirmaata. Ebelu jettee waan dhiistu miti,'' jedhe.

Itti aanaan Tajaajila Poolisii Keeniyaa Jilbart Masengeli aanga'oota nageenyaa kaan waliin ta'uun wayita oppireeshinii eegalchiisan

Madda suuraa, @National Police Service of Kenya

Ibsa waa'ee suuraa, Itti aanaan Tajaajila Poolisii Keeniyaa Jilbart Masengeli aanga'oota nageenyaa kaan waliin ta'uun wayita oppireeshinii eegalchiisan

Miseensi Paarlaamaa Keeniyaa Mooyalee Keeniyaa bakka bu'an Pirofeesar Guyyoo Waaqoo duulli kun wayita eegalu sirriitti uummata hin hubachiisne jechuun BBCtti himan.

''Oppireeshiniin kun eegalamuu Naayiroobiimatti ibsan. Kaawuntii duulli kun keessatti labsame Marsaabiit fi Isiyooloo keessa uummanni jiru quba hin qabu,'' jedhan.

''Qaamoleen nageenyaa aanaa (district) keenya keessa jiran namillee quba hin qabu.''

Naayiroobiin maaliif hojii nageenyaa eegale jechuu hin danda'u kan jedhan miseensi paarlaamaa Pirofeesar Guyyoo Waaqoo ''ammoo yoo qaamoleen nageenyaa namatti buutee namni keenya waa ta'e gaafanna. Duratti gaafannaan uummata nagaa hin tuqnu jedhan,'' jedhu.

Uummanni nagaan qaamolee nageenyaa bakka hundatti dhaabsifamee reebamuu himata, Pirofeesar Guyyoon ammoo qaamoleen nageenyaa nama tokkollee hin tuqne jedhu.

''Uummanni miidhamuu hin dhageenye. Hojja (yoo) isaan nu dhageessisan waa jenna. Osoo hin dhagahin waa hin jennu. Ammoo jarri [qaamoleen nageenyaa] bakka deemtu beekti.''

Akka bakka bu'aa uummataatti dhimma uummataa akkamiin quba hin qabatin gaaffii jedhu gaafannaan ''uummanni bakka nu buufate rakkoon irra ga'uu yoo nutti himate hordofuu eegalla,'' jedhan.

Mootummaan Keeniyaa maqaa ''Operation Ondoa Jangili (Oppireeshinii Yakkamtoota Baasuu)'' jedhu kan eegale Wiixata Guraandhala 03, 2025 yoo ta'u kaayyoon oppireeshiniin kanaas iddoo dahannoo WBO qulqulleessuuf akka ta'e ibseera.

Oppireeshiniin Kaawuntiiwwan Marsaabiit fi Isiyooloo keessatti eegalame kun erga mootummaan Itoophiyaa fi Keeniyaan waliin ta'uun WBO yakkoota adda addaa naannawa kana keessatti raawwachuun himatanii eegale.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (ABO- WBO) waraana Keeniyaa waliin lola tokkollee akka hin qabnee fi isaan loluufis akeeka akka hin qabne ibse.

Oppireeshiniin kun dhiibbaa mootummaa Itoophiyaatiin akka eegalames ibse.

Gorsaa Ajajaa Olaanaa ABO- WBO kan ta'an Obbo Jireenyaa Guddataa yaada BBCf kennaniin ''lolli nuti qabnu mootummaa Itoophiyaa waliini. Yakki Waraana Bilisummaa Oromootti akka maxxanfamu kan godhu mootummaa Itoophiyaati,'' jedhan.

Daangaarratti humnoonni adda addaa yakkoota raawwatan hundasaa fuudhanii Waraana Bilisummaa Oromoo ittiin himachuun ammoo dogoggora jedhan Obbo Jireenyaan.

Waraanni Bilisummaa Oromoo mooraa (kaampii) dhaabbataa [naannawa sanaa] hin qabu kan jedhan Obbo Jireenyaa Guddataa ''Keeniyaama keessa jiraachuufuu [WBOn] fedhii hin qabu,'' jedhan.

Humni Ajaja Kibbaa WBO %95 ol Keeniyaa irraa fagaatee kibba Oromiyaa keessa

kan socho'u yoo ta'u, %5 gadi ammoo naannoo daangaa Keeniyaatti dhihaatu buufatee jira jedhe ABO-WBO.

Mootummaan Keeniyaa oppireeshinii hidhattoota WBO kaawuntiiwwan Marsabiitiifi Isiyooloo keessa jiran irratti gaggeessuu eegaleen rasaasa dabalatee meeshaalee hidhattootni itti fayyadaman to'achuu beeksiseera.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.