Bulchiinsi haaraa Keeniyaa rakkoo gosaa kaaba biyyattii ni dhaabaa?

Hawaasa Isihooloo bakka buutuu dubartootaa deeggaruun bahan
    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Keeniyaan filannoo gaggeessiteen pirezidantii haaraa Wiiliyaam Ruutoo filatteetti.

Filannoon kuni keessumaa Kaabi Keeniyaa walitti bu’iinsa gosa Booranaafi Gabraa yeroo hammaatetti taasifame.

Yeroo duula filannoos dhimmoota ajandaa guddaa ta’an keessaa inni ijoo nagaa fiduudha.

Walitti bu’iinsi Booranaafi Gabraa bulchiinsa Kaaba Keeniyaa, Kaawuntii Marsabiit, yeroo jalqabaaf labsii yeroo muddamaa akka labsamu dirqisiiseera.

Gosoonni Marsabit keessaa dabree dabree wal dhabanis, kan Booranaa fi Gabraa garuu adda.

Ajjeechaa waggoota digdamaa ol dura eegaleen dhibbaan kan lakkaa’aman ajjeefamaniiru.

Lammiileen nagaan gosoota lamaan wal ajjeesuu, horii walii saamuu akkasumas humnoonni nageenyaa ajjeefamuu dhimmoota mootummaa biyyattii yaaddessedha.

Maddi ijoo maali?

Hawaasni Booranaa gama Itoophiyaa fi Keenyaa keessa qubatee argama. Gabris akkuma Booranaa, Itoophiyaa fi Keenyaa keessa jira.

Hawaasi Booranaafi Gabraa gosoota ummata Oromoo keessaa tokkodha. Haa ta’u malee, sababa namoota siyaasaan wal-dhibdeen hammaachuu himu.

‘‘Dhibi guddaan Marsabitii siyaasaa. Siyaasaan kuni guddoo nama walitti naqxi,’’ jechuun hima Halkanoo Boruun.

Halkanoon nama dhimma nageenya Kaaba Keeniyaa itti dhiheenyaan hordofuufi qorataa walitti bu’insaati.

‘‘Dubbii warra siyaasaa dubbii nama walitti naqxu. Nu Marsabiit duraa dhufe, warra kanaatu eegitiin dhufe, warra kanaatu fulaa keenyattu qubachuufaa .. waan kan jettee biyya walitti naqxi,’’ jechuun hima.

Namoonni siyaasaa qaamolee walitti bu’iinsa keessa jiran maallaqaan, meeshaa waraanaafi kaaniin tumsuun himatamu.

Yeroo duula filannoollee namoonni siyaasaa dubbiiwwan gosa kaan xiqqeessaniifi sagalee argachuuf taasisaa turan.

Filannoo durayyuu namoonni siyaasaa rakkoo kana keessa gahee guddoo qabaachuu hoogganoonni siyaasaas ragaa bahu.

Magaalaa Marsabiit buufatee dhimma nageenyaa bakkichaa kan hordofuufi barreessu Dallee Abirahaam gama isaan murannoo mootummaan rakkoo kana furuuf taasisurratti gaaffii qaba.

Akka isaatti mootummaan murannoo kana agarsiisuuf namoota siyaasa badiifi waldhibdee kana duuba jiran seeratti dhiheessuu qaba.

Sochiin hidhannoo Kibba Itoophiyaatti taasifamus meeshaan waraanaa akka gara Kaaba Keeniyaatti seenu gochuun rakkoo jiru hammeessuu aangawoonni Keeniyaa himu.

Filannoon nagaa fidaa?

Pirezidantii I/Aanaa Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo bulchaa yookiin bulchiinsa Marsabiit Mohaammud Ali waliin festivaala aadaarratti Kaaba Keeniyaatti bara 2018’tti suuraa ka’an

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantii I/Aanaa Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo bulchaa yookiin bulchiinsa Marsabiit Mohaammud Ali waliin festivaala aadaarratti Kaaba Keeniyaatti bara 2018’tti suuraa ka’an
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Filannoon Keeniyaatti adeemsifameen bulchaan Marsabiit Mohaammud Ali irra deebiin injifataniiru.

Abba Mohaammud kana dura aangawoota mootummaa biyyaalessaa Keeniyaa keessa dhibdee waan qabaniif rakkoo kana furuu dhaban kan jedhan jiru.

‘‘Duraanuu governor Mohamud sirkaalaan xiqqoo wal hin dhagahani. … Mahaammud xiqqoo dhiba argatee waan kana himatullee lafaa hin fuudhaniif,’’ jechuun hima Halkanoon.

Sababi inni dhiheessu humnoonni siyaasaa Marsabiit paartii Keeniyaa Kuwaanza jalatti dacha’u isaanii eera.

Yeroo duula filannoo bulchaan Marsabiit dorgomaa pirezidantii Wiiliyaam Ruutoo kan ta’an Raayilaa Odingaa deeggaraa turan.

Odingaan immoo yeroo ammaa filannoon mo’amanii qabxii filannoo ibsame mormuun dhimma isaanii mana murtiitti geessaniiru.

Eega Ruutoon filatamuu isaanii ibsamee booda dhaabni Obbo Mohaammud keessa jiran paartii Wiiliyaam Ruutootti waliin hojjetuuf waliigaleera.

Sababa kanaaf ‘‘akkan argutti nagaan dhufa,’’ jechuun hima Halkanoon.

‘‘Mootummaan Wiiliyaam Ruutoo nagaan hin dhufa. Sababni viyongoziin Marsabiit cufti gara sirkaala [mootummaa] Wiiliyaam Ruutoo dacha’uutti jirti. Suniifuu nagaan gul gad-dhufa.’’

Garuu wanti haaraa maali? Ruutoon aangootti bahu qofti akkamiin dhibii [rakkoo] fura?

‘’Ruutoon duraanuu walitti waamee wal-dhagahaa jedha,’’ jechuun ibsa Halkanoon.

Buufata isaa magaalaa Marsabiit kan taasifateefi dhimma nageenyaa bulchinsichaa irratti kan barreessu Dallee Abirahaam garuu kanaan wal hin galu.

‘‘Kana dura filannoon yookiin jijiiramni mootummaa walitti bu’iinsa furuu keessatti gumaacha guddaa hin taasisne,’’ jechuun ibsa.

‘‘Sadarkaa biyyaalessaatti, qooda fudhattoonni gara caalu tokkumadha. Ilaalchi walfakkaataa itti fufa.’’

Yeroo tokko qabbanaa’aa yeroo kaan hammaataa turuus ajjeechaan gosoota lamaa waggoota dheeraa tureera.

Akka inni jedhutti, namoonni siyaasaa ammallee aangoo qabaniifi hawaasa keessa jiran akka waan gosa isaaniif ‘‘dhaabatanitti’’ ilaalu. ‘‘Kuni rakkoo jabaadha,’’ jechuun ibsa.

Akka yaada isaatti, xiyyeeffannoon ijoo mootummaa rakkoo dinagdee ijoo furuurrattidha.

Asitti, qormaatawwan ijoo Wiiliyaam Ruutoo eeggatan keessa kanneen ijoo rakkoo dinagdee, hojii dhabdummaafi malaammaltummaadha.

Uggurri furmaata fideeraa?

Mootummaan Keeniyaa Caamsaa darbe ajjeechaan hammaannaan uggura labseera. Waraanni biyyattis bobba’e, meeshaan waraanaas funaanamaa ture.

Kanneen miseensota Waraana Bilisummaa Oromoon shakkamaniis qabamuun mana murti dhihaataniiru.

Uggurri kuni erga labsame as nagaa arganne jedhu jiraattonni BBC’n dubbise.

‘‘Akka malee dansa, akka malee biddiliqqoo [jijjiirama] nuu dhufte. Gaafa qaraa namni guli hin bahu. Amma naminu guli yaa’a. Yoo nageenyi akkana nuu ejjete, akka malee dansa,’’ jedhu haati ijoollee 11 Aadde Naawwo Isaaqoo Gurraachaa.

Haa ta’u malee, kanneen daldala hojjetan nagaan dhufuus sochiin galgala sa’aatii 12 booda hanga ganama sa’aatii 12’tti waan daangeffameef dinagdeen isaanii miidhamuu himu.

Uggurri bulchiinsa Marsabiitifi hamma tokko bulchiinsa Isiwoloo irratti ka’ame filannoo biyyaalessaa Keeniyaa booda ka’eera.

‘‘Ajjeechaa hiika hin qabne’’jechuun ministeerri nageenyaa Keeniyaa ibsan uggurri erga ka’e booda dhaabachuu isaaf ragaan hin jiru. Abirahaam garuu shakkii qaba.

‘‘Uggurri kuni marii yookiin araaraa buusuun hin dabaalamne. Carraan ummatni lolatti deebi’uu bal’aadha,’’ jechuun ibsa.