Qe’ee walitti bu'insaan gosaatiin onatti hafe

Fagoodhaa qe’ee bareedatu mul’ata. Qe’eesaas kan manni walitti tuucha’ee ijaaramedha.
Yoo itti siqan balballi furtuun cufame, lafa qonna osoo hin qotamiin hafe akkasumas jimaa qe’ee duubaa namni irraa hin murannetu jira.
Biqiltuun akka dallaatti dhaaban dalga biqilchee nami ciru hin jiru.
Sagaleen namaa hin dhagahamu. Horiinis qe’eedhaa hin mul’atu. Waan lubbuu qabu hin jiru, qilleensumatu bubbisa malee.
Nama fagoo jiruuf bakki kun qe’eedha, qe'ee namni keessa jiraatu. Nama itti siiqeef garuu ona – qe’ee namni keessa hin jirre.
Waan qe’ee kanatti raawwate namni ganda kanatti as bahee dubbatuus baay’ee miti. Jiraattota qofa miti bulchaanillee rakkoon hammaannaan asii baqatan.
Bakki kun Haroo Bootaa jedhama. Kaaba Keeniyaa, bulchiinsa yookiin Kaawuntii Marsabiiitti dhihoo Magaalaa Marsabiititti argama.
Daandii magaalattii gara Solooloo, Mooyyalee geessurraa 2km fagaatee jira.

Ganda kanatti dhiigni hin dhangalaane. Garuu qabeenyi manca’eera. Walitti bu'iinsi gosa Booranaafi Gabraa waggootaaf turee fi lubbuu hedduu galaafate ganda ollaatti kaanaan lubbuuf jedhanii baqatan.
Namoota qubaan lakkaa‘amaniifi qe’eetti deebi’an keessaa tokko Aadde Naawwo Isaaqoo Gurraachaati. ‘‘Ani namuma arma [bakka] kanaati. Wareeruma kanatu armaa nu baase,’’ jedhu.
Haati ijoollee 11 qe’ee kanatti ijibbaataniima galani. ‘’Abboo kiraallee akka malee nu dhiba. Koottaa hin dandeenyu minuma [manuma] keenyatti galla rabbi ija nu baase,’’ jedhanii qe’eetti galuuf murteessani.
Ganda abbaan warraa 60 ol keessa jiraatu keessaa ‘’jaha galee torbeessoon nu baqate,’’ jechuun du dubbatu.
Aadde Awoliwoo Dambiin ollaa isaaniiti. Isaaniis sossodaachaa qe’eetti deebi’an.
‘’Duri nagumaan odoo teennuu hadhisi dhufnaan baqanne. Gara ollaa Halakee Waaqoo sun hadhanii lafa gugguubanii, ollaa dhaabaa akkas gubani jennaan lubbuu sodaannee keessaa baane.’’
Amma qe’eetti haa deebi’an malee rakkoon nageenyaa uumamuu mala jedhanii yaadda’u.
‘’Nu qofa keenya bakka jirra. Ollaan hin sodaata,’’ jechuun himu. ‚‘‘Lafti keenya keessaa bahuu hin feenu. Ammoo hin sodaanna.
‘‘Marroo ollaan keenyi cufi hin galiniif akka malee sodaa qaba. Daqiiqaa teenyu kanayyuu sodaa qabna.‘‘

Waan raawwate
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleellaan dhihoo ollaa isaanii kan raawwate waggaa darbe ji’a torbaffaa bara 2021'tti dha.
Henook Kaloo Taadi, bulchaa bakka Jirimee jedhamuuti. Ollaan Haroo Butaa bulchiinsa isaanii jala.
Walitti bu’iinsi kuni kan gosa Booranaafi Gabraati. Dhibdeen dubbii hammeesse immoo ajjeechaadha.
Qe’ee ollaatii ‘’Ijoollee iskuula tokko as fixan,‘‘ jechuun himu. ‘’Kaa’ima [ijoollee dhiiraa] lamaafi barattuu daa’ima mana barumsaa deemtu ajjeefaman. Eegi gaafasi loli ka’e,‘‘ jedhan.
Ollaan dhaabaa qe’ee biraa haleellaan hamaa raawwateefi qabeenyi barbadaa’edha.
‘‘Eegi suniyyuu lafti walitti kaa’ee iddoo keessa wal obbaasan. Dukkaana namaa seenanii nami ijjeesan. Karaa gulas ni ijjeesan.
‘‘Akka malee lafti hammaattee aniyyuu akka chiifaa [bulchaa] ardaa keessaa baqadhee diraa [magaalaa] gale,‘‘ jechuun himu.
Aadde Awwoonis sodaama kanaan baqatan. ‘’Maal abboo isin laf sodaa maaf teettan jedhaniiti sodaannee wareerree baqanne. Fittaan [waldhibdee] guddoon eega sun aansite,’’ jechuun dubbatu.

‘’Guyyaa qaraa dhufanii re’eerree ya nurraa fudhatani. Re’ee 21 narraa fudhatanii ilmoolii xiqqoo tokko naa hafte.’’
Asii buqqa’anii Aadde Naawwoon ollaa biraa qubatani. Gara baatii jaha achi jiraatani. Haati ijoollee 11 kuni qe’eetti deebi’anis, ijoolleen isaanii garuu hin deebine.
‘’Ammuma tanallee ijoolleen kiyya achi jiru.’’
Aadde Awoliwoonis erguma deebi’anii yaaddoo qabu. ‘’Garana namni hin jirre, kan garana namni hin jirre lafti ala,‘‘ jechuun namni jiraachuu dhabuun isaan yaaddessa.
‘‘Ollaan cufti walitti nama jaatama hin ta’a. Nama jaha callaa deebi’e.''
Waraana boobba’e
Mootummaan Keeniyaa waldhibdeen hammaatee lubbuun namaa darbu malee didnaan baatii Caamsaa keessa uggura yeroo labse, waraanas bobbaase.
Rakkoon ijoo bulchiinsa Marsabiiti waldhibdee gosa Booranaafi Gabraati. Lafa akkasumas lafa dheedichaarratti waldhabu.
Daddabarsi meeshaa waraanaa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoon gama Iyoophiyaatii dhufuus rakkoo kana haammesse jedhu aangawootni Keeniyaa.
Badii hammaateef namoonni siyaasaallee guddoo qeeqamu. Waliitti bu'iinsa kanaan hedduu lubbuu dhabaniiru.
Akkaataa bulchiinsi Marsabiit guutuufi Isiwoloo hammi tokko uggura jala seeneen namni galgala sa’aatii 12:00tti manatti galuu qaba. Ganama 12:00 dursees bahuu hin danda’u.
Waraanni bobba’uun guddoo isaan fayyaduu haadholiin lamaanuu dubbatu.
‘’Akka malee dansa, akka malee biddiliqqoo [jijjiirama] nuu dhufte. Gaafa qaraa namni guli hin bahu. Amma naminu guli yaa’a. Yoo nageenyi akkana nuu ejjete, akka malee dansa.’’
Ollaan isaanii Aadde Awoliwoonis kanuma dubbatu.
‘‘Karfiwiin [uggura] guddoo jijjiirte. Yoo karfiiw [uggura] hin ta‘in nuyyuu gadi hin buunu. Dur gubbaa gaara sun korree garana akka lafti jirtu ilaalla. Amma gad-dhufnee keessa buluu jirra.''
Garuummoo yaaddoo qabu. Askarii [waraana] yoo arguu baatan yaadda’u.

Bulchaan naannichaa Obbo Henook ‘’Haroo Bootaan kuni mana gara jaatamaa, torbaatamaa hin qaba,’’ jechuun ibsu. Kanneen deebi'an garuu jaha qofa.
Kanneen deebi’an sadii Boorana, sadimmoo Gabraadha. Kunneen erga deebi’anii jaalalli isaanii cimuu dubbatu.
‘’Haga duriirra dansa. Wal callaa qabna, waluma calla waayelfanna,’’ jedhu haati ijoollee jahaa Aadde Awoliwoon.
Waraanni erga bobba’ee meeshaa waraanaa sassaabaas ture. Bulchaan kuni ‘’Ardaan kiyyalee hanga 15 ya deebise,’’ jechuun ibsu.
Amma akka isaan jedhanitti nagaan bu’eera. Garuu, flannoon Keeniyaa torban dhufu gaggeeffamu rakkoo fida laata jedhanii yaadda’aniiru.












