Marsabiit, Keenyaa: Walitti bu'insa Booranaa fi Gabraan namoonni 13 lubbuu dhaban

Kaaba Keeniyaa kaawuntii Marsabitittii barii har'aa (Roobii) namoonni 13 ajjeefamuu, Komishinarri poolisii kaawuntii Marsabiit Ivaans Achookii himan.
Namoota obba'an keessaa 3 miseensota poolisii buufata Poolisii Jaldeessaa jedhamutti ramadamanii hojjechaa turanidha.
Kanneen hafan 10 lammiilee nagaa yeroo ta'an lafa ciisanitti bakka Kukutoo jedhamutti ajjeefaman.
Rakkoon kunis waldhabdee hawaasa Booranaafi Gabraa gidduutti kan raawwate wayita tahu, kan lubbuu dhaban keessaa garri caalu gosaan Boorana tahuu odeeffanneerra.
Hadhiisi kun kan raawwate kaawuntii Marsabit kutaa bulchiinsa Saakuu jedhamutti.

Dira Marsabiit ka qubatuufi gaazexessaan raadiyoof hojjetu dubbisne Adan Jaarsoo Guyyoo, kanneen miidhaman alatti lama miidhamanii Hospitaala Rifaraalaa Marsabiititti wallaanamaa akka jiran BBCtti hime.
Booda kana Komishinara Poolisii Kaawuntii Marsabiit Ivaans Achookii ibsa kennaniin, 13 ajjeefaman keessaa 10 jiraattota akka ta'an gaazexessaan miidiyaa buufata isaa Marsabiit taasifate, Raadiyoo Ibseef hojjetu Qaasim Waaqoo Saalaa BBC'tti himeera.
Kanneen lubbuu dhaban 10 keessaa namni tokko, kanneen halleellaa kana raawwatan keessaa akka ta'e poolisiin kuni himan.
Jiraattota 9 du'an keessaa 5 daa'imman ganni isaanii 9 - 15 yeroo ta'an, kan hafan dhiirota jedhame.
Ajjeechaan kuni kan raawwates saamicha looniin walqabatee akka ta'e Ivaans Achookii himanis, hawaasni garuu babal'ifannaa lafaati jechuun himata.
'Kuni ka jalqabaa miti'

Hawaasa lamaan kana waldhabdeefi haleellaan yoo raawwatu kuni kan qaraa miti.
Ji'a Caamsaa darbe qofa namoota 16'tu waldhabdee kanaan lubbuu dhabe.
Booraniifi Gabraan hawaasa tokko yeroo ta'an Afaan Oromoo dubbatu.
Haa ta'u malee, lafa margaa, lafa bishaan, horii wal jalaa saamuufi daangaa irratti yeroo hedduu waldhabu.
Kaawuntii Marsabit Keeniyaatti ummanni Booranaa lakkoofsaan guddoo keessa qubata.
Kutaa bulchiinsaa kanas Gosa Booranaa dabalatee gosoonni 14 ol kanneen akka Gabraa, Burjii, Reendilee, Turkaanaa, Saamburuu fi kanneen biroos keessa qubatu
Hawaasni Marsabit hedduun horsiisee bultoota yogguu tahan, gariin lafa qotu, kanneen daangaa Itoophiyaarra jiran ammoo daldalaan jiruu gaggeessu.
Gosoonni Marsabit keessaa dabree dabree wal dhabanis, kan Booranaa fi Gabraa garuu adda.
Hawaasni lamaanuu badii kanaaf quba kan walitti qaban yoo ta'u jaarroleen waldhabdeen hawaasa kanaa akka hammaatuf, gaheen namoota siyaasaa olaanaa akka ta'e dubbatu.
Amma duras dhimma nageenyaa naannichaa gubbaatti Bulchaa Ittaanaa Marsabit Abba Solomoon Guboo wayita dubbisnetti, ''Wanni guddoon dhib (rakkoo) kanaan deemuutti jiru, siyaasadha,'' jedhu.
Namni siyaasaa gama Gabraa fi Booranaan jiru cufti wal qabatee, akkanaan nagaa kana jaaran malee, nagaan hin dhuftu,'' jedhu Abba Solomon.

















