Daangaa Itoophiyaafi Keeniyaatti lola dhalateen lubbuun namootaa darbe

Mucaa Re'ee fi Hoolaa oofu

Madda suuraa, Gideon Mendel

Godina Booranaa daangaa Itoophiyaa fi Keenyaa irratti walitti bu'iinsa torbee darbe uumameen gama Itoophiyaan namoonni shan yoo ajjeefaman namoonni torba madaa'uu aanga'oonni BBC'tti himan.

Walitti bu'iinsi kun aanaalee Godina Booraanaa daangaarra jiran Aanaa Dilloo fi Dirree keessatti guyyoota afran darban yeroo adda addaa uumamaa ture jedhu qondaalli Nageenyaa Aanaa Dilloo Godina Booranaa Obbo Hoqquu Barraaqoo.

Hidhattoota gosa Gabraatu daangaa ce'ee uummata gosa Booranaa haleele jedhu Obbo Hoqquun.

Miidiyaan Keenyaa Capital FM jedhamu poolisii Keenyaa eeruun akka gabaasetti garuu walitti bu'iinsa kanaan gama Keenyaan namoonni 12 yoo ajjeefaman kanneen keessaa sadi daa'immani.

Sababi walitti bu'iinsa kanaas Gosa Booranaa gama Itoophiyaatu daangaa ce'ee gosa Gabraa haleele jedha gabaasichi.

Aanaa Dilloo lafa Tulluu Duube jedhanitti namni sadi ajjeefamanii, sadi kaan madaa'an. Ganda Arbalee fi Qaadhim jedhamtu aanaa Dilloo fi Dirree daangessitu keessattis namni lama du'ee afur kaan madaa'u himu Obbo Hoqquun.

"Rakkoon kuni ni deddeebiti. Uummati mootummaatti iyyata dhaqee ijibbaate, kora nageennaa gaaf cufa yaamani, namatti hin dhuftu," jedhu.

Akka Obbo Hoqquun jedhan taanaan warri daanga ce'ee haleellaa kana raawwate uummata horsiisee bulaa fi qaama nageenya kan mootummaan Keenyaa hidhachiise.

Namoonni ajjeefaman gariin loon keessatti ajjeefaman, akka loon jala hin oofne dhorkuutti ajjeefaman jedhu. Lafti irratti ajjeefaman garuu Daangaa Itoophiyaa keessa jira jedhan.

Gama Keeniyaan miidhaan qaqqabe hangam?

Haleellaa raawwatameen gama Keenyaatiin lubbuun namoota 12 akka bahe 'Capital FM' gabaaseera.

Akka gabaasichaatti haleellaa tokkoon ga'eessoti Gabraa 5 ajjeefamanii sadi ammoo madaa'aniiru jedha Poolisiin.

Haleellaa biraa ganda xiqqoo tokko keessatti raawwateen ammoo ga'eessota 4 fi daa'imman 3 yoo ajjeefaman namoonni 4 madaa'uu hima.

Namoonni ajjeefamuun alatti loon 500 ol hatamaniiru jedha gabaasichi.

Gosootni Gabraa fi Booranaa naannoo daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa jiraatan yeroo mara wal waraanu.

Bulchiinsi Kawuntii Marsabiit ibsa haleellaa kana booda baaseen nageenyi fooyya'uu dhabuufi guyyuu namni ajjeefamuun hedduu na yaaddessaa jira jedhe.

Namni ni ajjeefama, loonis ni hatamu garuu hanga yoonaa namni tokkollee gaafatame hin jiru jedha ibsi kun.

Qaamni nageenyaa nagaa uummataa akka tiksauufi nagaa tasgabbii bakkatti akka deebisu hubachiiseera.

Gama Keenyaan namni du'e jiraachuu quba hin qabnu kan jedhan Obbo Hoqquun uummanni ofirraa qolachuuf yoo dhukaasu namni du'uun waan hin oolle jedhan.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Faaya aadaa lubbuu haadholiifi daa'immanii oolchaa jiru

Warra gama Itoophiyaatu as cehee haleellaa raawwate kan jedhu garuu dhara jedhu.

"Ammaan dura ministeerri Nagaa biyyoota lamaanii Mooyyalee irratti kora taa'ee rakkoon gama isaanii akka jirtu bira gahee ture," jedhan.

Nuyi uummanni keenyaa daangaa biyyaa akka hin qaxxaamurre qara gorsaa turre. Ammas nagaan akka bu'u hojjetaa jirra jedhan.