Rakkoo nageenyaa Bulchiinsa Marsabit fala dhabeefi oppireeshinii mootummaa Keeniyaa

- Barreessaa, Elias Hordofa
- Gahee, BBC Afaan Oromoo
Aabba Salaad Jaarsoo guyyaa intallisaa ganna 11 fuuldura mana barumsaasheetti itti ajjeefamtee gadda guddaan yaadata.
Kaaba Keeniyaa bulchiinsa Marsabit dhiyeenya magaalaatti Adoolessa 5, 2021 ture guyyaan barattuun kun akkuma yunifoormiishee mana barnootaa uffattee jirtutti rasaasaan dhawamtee kan ijjeefamte.
Kaawuntiin Marsabit erga nagayaa dhabdee bubbultee jirti - dhibiin hammaate jennaan mootummaan Keeniyaa oppireeshinii addaa biyyattii keessatti hin baramne labsuun hojiitti seene.
Mootummaan rakkoo nageenyaa bulchiinsa kanatti adeemuufi lubbuufi qabeenya hedduu galaafatu to'achuuf jecha jalqaba ji'a Caamsaa eegalee daangaa sochiillee kaa'uu dabalatee oppireeshinii gaggeessaa jira.
Bulchiinsi Marsabiit jedhamtuufi gama Kibbaan Itoophiyaa daangessitutti haleellaan saba bu'ureeffate hammaateera.
Mootummaan Keeniyaa poolisoota addaa dameewwan garagaraarraa babba'an garasitti bobbaasuun haalicha tasgabbeessuuf yaalii gochaa jira - waan milkaa'aa jirus fakkaata.
Mootummaan biyyattii bulchiinsa kana keessa jibbiinsaa fi ajjeechaan hawaasa Booranaa fi Gabraa gidduu jiru hammaachuu isaatiin duula kana gaggeessuuf murteessuu hime.
Akeekkachiisa: Ibsi haleellaa odeessa kana keessatti eeraman miira keessan jeequu malu

'Borsaa daa'ima koo lafarrattiin arge'
Aabba Salaad intalti isaa Sabdiyoo erga duute ji'oonni darbaniis, gaafa sana garuu akkuma kaleessaatti yaadata.
Abbaan kun akkamiin du'a intalasaa akka dhagahe akkasiin hima: ''Nama iskuulatti ijjeesan jedhanii habaarii (oduu) dhagahe. [Mana barnootaa] Little Angel'tti nama sadii fixanii ijjeesanii jedhan. Waan kana diratti dhagahe jennaan gaarii (konkolaataa) fudhadhee utaale.
''Yoo an dhufu waazaaziin (maatiin) cufti ijoollee galfachuutti jirti. Yoo achi gahu baagii (boorsaa) intala kiyyaa ulaa iskuulaa duratti arge.''

Gaafas kan ajjeefame Sabdiyoo callaa osoo hin taane, abuyyaan ishee motoraan manatti ishee deddeebisuufi gurbaan ollaa tokkoos walumaan ajjeefaman.
''Reeffa lamaan argee jennaan guddoo rifadhee, daa'ima hospitaala geessan jennaan garas deeme. Hospitaalaan bahe jennaan daa'imi ya du'e.
''Achumatti anilleen shock argadhee (rifadhee) achumaa gale. Reeffa fudhannee borumtaasaa irreessine (owwaalle),'' jedhan.
Eegii ajjeechaa gaafasiitii manni barnootaa sadarkaa tokkoffaa 'Little Angels' jedhamuufi Sabdiyoon itti barachaa turte cufamee hojiitti hin deebine.
Nutis jalqaba ji'a Caamsaa keessa wayita ollaa taateen kun itti mudateefi manni barumsaa kun itti argamu daawwannetti, akkuma cufametti jira.
Aabba Salaad miira gaddaan guutamee bakka irreessaa/awwaalchaa ollaa Adii Huqqaa keessa jirutti nu geessuun, awwaalcha intalasaa imimmaaniin guutamee nutti agarsiise.

Haqa hin argamne
Daa'imni ganna 11 Sabdiyoo Salaad daandii gubbaatti eegii gara jabinaan ajjeefamtee ji'oonni saglan darbanis, haga ammaatti namni ajjeechaa kanaaf jecha to'atamee seeratti dhiyaate hinjiru.
''Eegii daa'imi kun ajjeefamte warri sirikaalaa (mootummaa) ji'a tokko taa'ee nu barbaade... An daa'ima yunifoormii itti kaa'ee, baagii itti kennee iskuul geesse, achitti ijjeesan. Alleen nama daa'ima kiyya ijjeese hin garre.
''Rakkoon kun gara mootummaa jirti. Nami lubbuufi qabeenya namaa tiksuu malee sirkaala - hojii ofii dadhabe. Mootummaan warra daa'imtuu waan kanaa guuru qaba,'' jechuun namni ajjeechaa intala isaaniin shakkame hin qabamne jechuun aariin dubbatu.
''Nami sun haga ammaa yoo nyaatee dhuge, haguma silaa nyaatee dhuguutti jira. Namni waan sun hojjetu, nama ilmaan iskuulaa qabu miti...
''An waan akkasii takkaa hingarre,'' jechuun gara jabinaan daa'ima waan gosaafi siyaasaa keessa hinjirre ajjeesuun hammeenyadha jedhu.
''Ilmaan iskuulaa... nam waan gosaa hin beekne, gosi isii gosum sun jedhanii, ijoollee dubraa ijjeesan. Guddoo waan sunirraa hammeeffadhe, jechuun ijisaanii imimmaaniin guutamee dubbatan.
''Ijoollee tiyya cufa keessaa, ijoollee akka malee nama saalfattu, nama keessaallee nama dhibaatii miti.''
Oppireeshinii nageenyaa mootummaa Keeniyaa
Mootummaan biyyaalessaa Keeniyaa haala amma duraan hin baratamneen rakkoo nageenyaa kaawuntii Marsabit keessatti walitti aansuun adeemuufi lubbuufi qabeenya hedduu galaafatu to'achuuf jecha jalqaba ji'a Caamsaa eegalee daangaa sochiillee kaa'uu dabalatee oppireeshinii gaggeessaa jira.
Labsiin kun ji'a tokkoof kan labsame oggaa tahu, hanga meeshaan waraanaa seeraan alaa rakkoo nageenyaaf sababa tahe naannicharraa dhabamutti itti fufuus danda'a jedhan Ministeerri Dhimmoota biyya keessaa Aabba Fireed Maatiyaangi.
Erga labsiin kun labsamee hojiitti galamee torban lamaa ol kan tahe oggaa tahu, wayita magaalattii daawwannee hawaasa haasofsiisnutti, miira walmakaa tahetu jira.

Namoota dubbisne garri caalu oppireeshinii kana kan deeggaran ennaa tahu, ''qabbana buuse, namni walajjeesaa hinjiru,'' jechuun humna mootummaa magaalattiitti bobba'ee jiru miira gammachuun simatu.
Namootuma gammachuu kana ibsatan dabalatee kaan ammoo, jiruufi jireenya isaanii irratti dhiibbaa qabaachuu komatu.
Keessattuu daangaan sochii galgala sa'aa 12 hanga barii sa'aa 12tti labsame, daldaltootarra dhiibbaa geessisaa jira.
Kana malees poolisoonni achitti bobba'anii jiran, jiraattota sababa malee reebuufi dararuun himatamu.
Bulchaan ardaa Sagantee-Jaldeessaa Aabba Soraa Kaateloo, ''[poolisoonni garanatti bobba'uun] wahiillee in furti, wayillee in yakkiti,'' jechuun miira walmakaan akka ilaalan BBCtti himan.
''Oppireshiniin waan dansaa miti, waan filannoo xumuraati,'' jechuun erga humni mootummaa achitti bobba'ee ajjeechaan akka dhaabbate himu.

Gama kaaniin garuu humni bobba'e kun saaamicha qabeenya hawaasaanis akka himatamu kaasan.
''Shiliingii 23,000 maati tokkorraa haatan... shiliingii 150,000 haadha tokkorraa fudhatan,'' jechuun dhimma kanas mootummaatti gabaasuu isaanii kaasan.
Kana malees ''guyyaa onanaa dira keessatti nama dhaantee, nama caccabsite, jechuun magaalaa keessatti sochiin guutummaatti dhaabbatee, isaanillee dabalatee uummanni dhaanamaa akka ture kaasan.
''Nuyi mormaa oppireeshinaa hin qabnu... ammoo oppireeshina kana karaa aadaa guulatti tolchaa jennee warratti himne. Warrillee akkas tolchuu qaba.''
Intallisaanii kan duraa ajjeefamte Aabba Salaad gamasaaniin: ''Oppireeshiniin erga dhufe nami nama ijjeese ya baqate, arma keessa hinjiru, ya duraa gore.
''Nama oppireeshiniin kun dhibuutti jiru, namuma miskiina womaa hin yakkin, karaa ofii deemufaa askaariin/loltuun qabdee dhaanti,'' jechuun komatu.
Himannaa kanarratti yaada poolisii Keeniyaa argachuuf yaaliin irra deddeebiin taasifne hin milkoofne.


















