Eenyu isaan?: Gameessi tokkummaa Keeniyaa keessatti maqaan ka'u Daawudi Dabbasoo Waaberaa eenyu?

- Barreessaa, Eliyaas Mulugeetaa Hordofaatin
- Gahee, BBC Afaan Oromoo
Magaalaa guddoo Keeniyaa kan taate Naayiroobii namni jiraatu yookaan dhimmaaf dhufee yeroo muraasa dabarsee beeku daandii gidduu magaalaa keessa jiru 'Wabera Street' hin wallaalu.
Daawudii Dabbasoo Waaberaa bara qabsoo walabummaa Keeniyaa keessatti kanneen maqaan isaanii kahu keessaa wayita tahan, Bulchaa (DC) Isiyolloo gurraacha isa jalqabaa turan.
Daandiin kun gamoowwan magaalattiitti haalaan beekamoo tahan lama gidduu ejja - gamoo Mana Murtii Olaanaa fi mana kitaabaa Maakmiilaan kan daandii Kaawundaa gubbaa argamu jidduu jira.
Daandiiwwan ijoo fi keessa keessaa kanneen akka: Mama Ngina St, Kaunda St, Muindi Mbingu St, akkasumas daandiin guddichi isin hin wallaalle 'Kenyatta Avenue' naannoma sana jiru.
Kumaatamni daandii sanaan deddeebi'aa oolu - garuu maqaan daandichi ittiin mogga'e Waaberaa nama hagamtu beeka? Dhalootni ammaa waa'ee nama kanaa hangam beeku?
Gaaffilee kanneeniifi biroof deebii argachuuf, ogeessa seenaa isaanii qorataniifi ragaalee garagaraa irraa waan wabeeffanne, odeessa kana keessatti isinii dhiyeessina.
Barsiisaafi qorataan seenaa Kaawuntii Marsabiit jiraatan Aabba Wochee Gachee gannisaanii 68. Namni kun seenaa jireenyaa Aabba Dabbasoo irratti qorannoo bal'aa kan taasisan oggaa tahu, ragaalee barreeffamaa fi suuraas hedduu qabu.
Odeessa kana keessa maqaalee 'Daawudii' fi 'Dabbasoo' wal keessatti kan fayyadamnu oggaa tahu, lachanuu nama kana waamuuf kan ittin dhimma baanedha.


Madda suuraa, britishempire.co.uk
Dabbasoo Waabeeraa eenyu?
Dabbasoo Waaberaa ALA 1926 kaaba Keeniyaa magaalaa Marsabit keessa dhalatan. Haati isaanii Gurraattii Waaberaa dhalootaan gosti isaanii Koonsoo-Burjii akka tahaniifi Gomaaydee, Itoophiyaarraa akka tahan qorataan seenaa Aabba Wochee Gachee ni himu.
Gabaasaaleen waa'ee nama kanaa midhaaffaman gariin namni kun gosti isaanii Boorana kan jedhan jiraatanis, Aabba Wochee akka jedhan garuu abbaan isaanii gosa Gabraa irraa akka tahan ni dubbatu.
Dabbasoon maqaa dhalootaa isaanii oggaa tahu Daawudiin ammoo maqaa 'misiyoonii' kan mana amantaa Kaatolikii keessatti moggaafameef tahuu ni dubbatu. Maqaan Daawudii jedhu isa Deevid, Daawit yookaan Daawud jedhamaniin kan walfakkaatuufi kaaba Keeniyaatti maqaa kanneen amantaa Kiristaanaa hordofaniin mogga'udha.
Haa tahu malee Aabba Dabbasoo dargaggummaa keessa amantaa Islaamaa fudhachuun, maqaa isaanis gara Abdulfaraajitti jijjiirratanii akka turan Aabba Wochee ragaa argachuu isaanii ni himu.
Abbaan isaanii daa'imummaatti kan jalaa du'e Dabbasoon, haati isaanii Aadde Gurraattii nama gosa Burjiirraa tahe Ayyubuu Hirboo Haturoo jedhamutti heeruman.
Dabbasoon Afaan Ingiliizii, Kiswaahilii, Oromoo (Booranaa) fi Afaan Burjii akka haasawanis qorataan seenaa kun ni himu.
Daawudii Dabbasoon achuma Marsabiititti barnoota sadarkaa jalqabaa hordofuun, barnoota sadarkaa lammeessoo ammoo Muraangaatti barate. ''Dabbasoon barataa hundagaleessaafi qaxalee ture,'' jedhu Aabba Wocheen.
Barnoota isaa obbaasuun akkuma Marsabiititti deebi'een, 1941tti Bulchiinsa Naannoo (Provincial Administration) yeroo sanaa keessatti, qaraxa yookaan ashuraa walitti qabduu tahuun hojii jalqabe.
Achiis itti gaafatamummaa akka akkaan kaawuntiiwwan garagaraa keessatti erga hojjeteen duuba, bara 1961tti isaafi namoonni kaan filamuun biyya Ingilaanditti barnoota olaanoof ergaman.
Kaambriijitti barnoota bulchiinsa uummataa (public administration) baratee akkuma deebi'een, Fulbaana 1963 Komishinara Distiriktii (DC) Isiyooloo tahuun aangoon kennameef - kunis Bulchaa Isiyolloo gurraacha isa jalqabaa isa taasiseera.
Siyaasa yeroo sanaa
Kana hunda keessa biyyattiin kolonii Biriteen jala waan turteef, naannoo sana dabalatee biyyattiin bulchiinsa namoota adii jala turte.
Kana malees kaaba Keeniyaatti siyaasni biyyattiirraa fottoquu fi walabummaa deemaa ture. Wayita sana Paartiin Ceehumsa Uummatoota Bulchiinsa Kaabaa (NPPP) jedhamuufi uummanni kutaa NFD jedhamu keessa jiraatan, Keeniyaarraa akka citan qabsoo gaggeessaa ture.
Kaayyoon isaaniis Keeniyaa irraa fottoquun, Somaaliyaatti dabalamuu ture. Mootummaan giddugaleessaa Keeniyaa ammoo sochii warreen fottoqan kanaa cimsee morma ture.
Daawudii Waabeeraa erga bulchaa Isiyoolloo tahuun muudame booda, Aanaaleen kanneen akka Waajjir, Gaarrisaa, Mandeeraa fi kaan fottoquun Somaaliyaatti akka hin makamneefi qaama Keeniyaa tahanii akka hafan, tattaaffii cimaa godhaa akka ture himama.
Akka Aabba Wocheen jedhanitti, walabummaan dhufee Jomoo Keeniyaataa biyyattii bulchuu erga jalqabanii Dabbasoo Isiyoollootti kan muudaniif, sochiifi yaada paartii warra fottoqxootaa kana akka jijjiirsisuuf ture jedhu.

Madda suuraa, Sora Jirma Ali
Ajjeechaa
Murteen Dabbasoo achitti erguu dogoggora ture kan jedhan Aabba Wocheen ''siyaasni yeroo sanaa ho'aafi kan miiraan guutame ture,'' jedhu.
Riifarandamiin bara 1962 wayita biyyattiin kolonii jala turte gaggeeffame ''namoota hedduu dogoggorsite,'' jedhu qorataan seenaa kun.
''Akka yaada [paartii NPPPtti] hoggaa Keeniyaan 1963tti bilisummaa argattetti, [sababa bu'aa rifarandamiin] laf tana kutanii Somaaliyaa kennan se'e warri.''
Rifarandamii bara sana gaggeeffameen garri caalu jiraatottaa Bulchiinsa NFD keessa jiranii, Somaaliyaatti makamuu kan barbaadan tahus, Jomoo Keeniyaataan garuu, bu'aa kana tasumaa akka hin fudhanne himuun didan.
Akka xiinxaltoonni jedhanitti, gita-bittoonni warri Biriteen aarii mootummaa haaraa hundeeffamuun harka lafa jalaan, kanneen biyyattiirraa fottooquun Somaaliyaatti makamuu fedhaniifi gara caalu Musliima tahan qarqaaran jedhu.
Kana hunda keessa Dabbasoon gosoota Booranaa Isiyoolloo keessa jiraatan, paartii Keeniyaarraa adda cituu faarsu akka hin deeggarre amansiisuu hojiisaanii godhatan.
Gaafa tokko dhimmuma kanaaf bakka Madoo Gaashii jedhamtu, kan daangaa Isiyooloo fi Gaarrisaa jidduutti argamtutti wayita imalaa jiran lubbuun akka darbe himama.
ALA Waxabajjii 28, 1963 Aabba Daawudiin hojii kanaaf gara Madoo Gaashiitti bulchaa naannichaa biraa ka tahan Hajii Galma Diidaa wajjin otoo deemaa jiranuu, bakka Serichoo jedhanitti konkolaataa daandii cinaa dhaabbatetti dhufan.
Akka Aabba Wocheen jedhanitti dhalataan gosa Booranaa Galma Diidaa (chief jedhamu) kanneen garee Somaaliyaa deeggaran keessaati. Haatahu malee Dabbasoon isa amansiisuun hojii kanaaf wajjin imalan.
Hajii Galmaa lakkii konkolaataa keessaa hin bu'inaa jedhee Dabbasootti himuus, gaarii kan oofaa turan Dabbasoon ''lakkii jara kana nan beeka, dubbisuun qaba,'' jedhanii bu'an.
Jennaan jarri lamaan inni ''fuula beeku kuni'' isa dabalatee Hajii Galmaallee, qawwee guddaa 'machine gun' qabatanii turaniin itti dhukaasanii ijjeesan.

Madda suuraa, Woche Guyo
Akka miidiyaaleen wayita sanatti gabaasanitti kanneen Dabbasoo fi Hajii Galmaa ijjeessan, kanneen gosti Somaalii taheefi namoota maqaan isaanii Mohamed Mahmoud Farah fi Mohamed Gelle jedhamanidha.
Kana malees Miseensi poolisii naannichaa tokkoofi namni biraa tokko ajjeechaa nama kanaan shakkamanii akka turanis ni himama.
Kanaan walqabatee ministirri Odeeffannoofi Birodikaastingii wayita sanaa kan turan Achieng Oneko 1963tti haasawa miidiyaa gubbaa taasisaniin, kanneen bulchaa kana ajjeesan seeratti dhiyaatu jedhanii dubbachuun isaanis ni himama.
Gaaffiin nuti Aabba Wocheef dhiyeessine tokko: ''Kanneen ajjeechaa nama kanaan shakkaman wayi qabamanii, seeratti dhiyaatanii?'' kan jedhu ture.
Qorataan seenaa kunis akkas jedhu: ''Ijjeechaan isaa haalaan kan karoorfame ture. Waa hunda dursanii itti qophaa'anii turan waan taheef, biyyaa bahuun Somaaliyaatti baqataniiru,'' jedhan.
''Jarri isa ijjeese kun qarqaarsa poolisiillee waan qabaniif, gaafuma sana 'road block' kaa'ameen osoo hin danqamiin gara Somaaliyaatti cehaniiru.''
Ilmi Dabbasoo, Sa'id Waaberaa 2014 keessa ajjeechaa abbaasaa ilaalchisee miidiyaa The Standard'tti akka himetti: ''Abbaan koo Isiyolloo keessa nagaan akka bu'uuf jecha achitti ramadamus, ofisaroonni Biritish muraasni kanatti hin gammadne ture. 'Barumsa isaaf kennina' jechuun karoora baasuun, nannicha hokkoratti galchuufi bulchuuf akka dhibu gochuuf yaadan,'' jechuun hime.
Ajjeechaa Daawudii hordofee kaaba Keeniyaatti hokkorrifi muddamni hamaan dhalate.
Walitti bu'insi gaafas uumame babal'atee gara 'Waraana Shiftaa' jedhamutti ce'e. 'The Shifta War' jedhamuun seenaa Keeniyaa keessatti beekamu ALA 1963 haga 1967tti kan ture oggaa tahu, warraaqsa fottoquu kaaba Keeniyaatti gaggeeffamaa turedha.
Jechi 'shiftaa' jedhu kunis Afaan Somaalee, Amaaraa dabalatee Afaanota Gaanfa Afrikaa jiran keessatti jecha beekamudha.
Waraanni kun waggootaaf erga gaggeeffameen duuba, waliigaltee nagayaa Somaaliyaa fi Keeniyaa gidduu Arushaatti taasifameen xumura akka argate himama.

Madda suuraa, The Standard
Ijoollee Dabbasoo lamaan keessaa tokko ka tahe gaazexeessaan Keeniyaatti beekamaa tahe Sa'id Waaberaa ji'a Hagayyaa keessa addunyaa kanarraa du'aan boqoteera.
Aabba Sa'id gaazexeessummaa malee kunuunsa qabeenya uumamaa fi bineensotaa, akkasumas saamicha lafaa kaaba Keeniyaatti taasifamurratti qabsaa'aa akka turan ni himama.















