Nuhoo Goobanaa: Artistiin umurii guutuu tokkummaa Oromoo lallabe du'aan boqate

Nahoo Gobaanaa

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasaa

Artist Nuhoo Goobanaa kan umurii guutuu waa'ee tokkommaa Oromoo lallabaa ture Amajjii 18, 2022 addunyaa kanarraa du'aan boqachuun dhagahame.

Artiistiin angafti kun erga waggoota dhiyootiin as dhukkubsachuun hojii aartii irraa fagaatee kan ture yoo ta'u, yeroo inni dhukkubsachuun wallaansa irra turee kaasee hiriiyoonniifi diqisiifattoonni isaa gargaarsa taasisaafii turunsaanii ni yaadatama.

Boqochuun isaa dhaga'amuu hordofee dinqisiifattoonni isaafi ummanni Oromoo bal'aan gumaachi artiifi qabsoo guddaa artistiin gameessi kun taasisaa tureefseenaa yoomiyyu isa yaadata jedhan.

Siroota isaa 'Tokkummaa.... Tokkummaa' irraa hanga 'Isin Waamti Harmeen' jedhutti; 'Markab Too' hanga Munaa Tootti tokkummaafi jaalala geeraree sirbeera jechuun hojiiwwan isaa yaadachuun gadda isaanii ibsachaa jiru.

Ofii Nuhoo Goobanaa eenyu? Wa'ee artiistii gameessa kanaa hagam beektu?

Presentational grey line

Magaalaa Dirree Dhawaa Qafiiraa Ganda Gaaraatti Abbaa isaa Obbo Mohaamamd Goobanaa fi Haadha isaa Faaxumaa Adam irraa dhuma bara 1940 keessa dhalate.

Maqaa Akaakayyuu isaatiin waamamuu waan Jaalatuuf jechas Nuhoo Goobanaa jedhamuun waamama.

Obboleessa dhiiraa tokkoo fi obbolaa dubaraa sadii kan qabu Nuhoon Hangafti isaa Mohaammad Goobanaan barnoota Amantaatti yoo fuullefatu Nuhoon ammoo qalbiinsaa gara sirbaatti hafte.

Qafiiraatti Nuhoo wajjin guddachuu kan himanii amma magaalaa Dirredawaa kan jiraatan Aadde Sa'aadaa Faaraa Nuhoon daa'imummaarraa kaasee fedhii fi qalbiinsaa hundi sirba qofa ture jechuun yaadatu.

"Inni akka Obboleessasaa gara barnoota Darasaa hin deemne. Qalbiinsaa daa'imuma ta'ee muuziquma kana. Xaasaa fa'a dhahee sirba. Hiriyaasaa kan Hamid Mohmmad jedhamutu jira. Inni walaloo nuhoof kenna Nuhoon ammoo isa sirbaa ture," jedhan.

Nuhoo fi Hamid gara caalu sirboota warra Hindii akka caqasaniifi sirboota sanammoo gara Afaan Oromootiin fakkeessanii sirbaa akka turanillene yaadatu.

Presentational grey line
Presentational grey line

Ijoollummaadhaan jaalala sirbaatiin kan qabaman Nuhoo fi saayibni isaa kuni boodarra maatii biraa bahuun qofaatti mana kireeffatanii shaakala sirbaa kana jalqaban. Yeroon kun osoo Sirni Dargii hin seenin bara bulchiinsa Hayilasillaasee keessa jechuudha.

Yeroo Bulchiinsi Sirna Dargii seenuuf jiru hojiin Nuhoofaa kana bulchiinsi yerosii waan hin jaalanneef bara 1968 Nuhoo fi Hiriyoonni isaa hidhaaf akka saaxilamanii turan Himu Aadde Sa'aadaan.

Yeroo gabaabaa hidhamee hidhaadhaas bahe. Haati Nuhoo yeroo sana Daldaltuu Kuduraa waan turaniif jecha Somaalee hedduudhaan waan walbeekaniif karaa isaaniitiin mucaan isaanii kun deebi'ee akka hin hidhamneef jecha gara Jibuutii akka baasan himu Sa'aadaan.

Jireenya Baqattummaafi Sirba..

Wellisaa Nuhoo Goobanaa Umriisaa gara caalu kan dabarse baqattummaadhaan. Jibuutiidhaa hanga Yemen, Saawud Arabiyaa, Italy, Kaanaadaa, Keeniyaa fi biyyoota biroo hedduu keessa marmaareera.

Jireenya baqattummaa tokko jedhee kan eegale yeroo sirni Dargii aangoo qabatu hiriyootasaa wajjin gara Jibuutiitti imaluun.

Namoota bara sana Nuhoo wajjin biyyaa baqatan keessaa tokko yeroo ammaa Kanaadaa Otowaa kan jiraatan Obbo Abdoo Alishooti.

"Jalqaba Nuhoo wajjin gaafa Jibuutiitti baqannu barri isaa akka lakkoofsa Awurooppaa 1979 ture. Jibuutii erga tureen Booda bara 1980 keessa gara Yemenitti ceene," jedhan.

Namoota yeroo sana wajjin biyya alaatti baqatan keessaa kan biraan ammoo wellisaa Elemoo Alii isa tokko.

Nuhoon yeroo Jibuutii turetti hojii ittiin jiraatu hojjechaa yeroo haftetti ammoo waan aartii afaan Oromoo kana bakka argame hundatti waluma faana hojjechaa turre.

Yeroo Jibuutii turettis albama isaa kan jalqabaa uummata biraan gahe.

"Albamni yeroo sanii akka ammaa kana sirba akka gaariitti qindaa'e hin turre. Manuma keessatti Gitaaraa fi kiiboordiidhaani. Sirba oggas baase garri caalu sirba qabsoofi sirba jaalalaati," jedhan.

Sirba inni bara sana Jibuutiitti ittiin jalqabe keessaa tokko sirba 'qeerroo Mataa Tuutaa' kan jedhu keessatti argama

"Qeerroo Mataa Tuutaa

Hin jarjartu suuta" jechaa sirbe.

Albama isaa kan jalqabaa kana Gitaaraan hedduu isaa ofumaaf kan sirbe yoo ta'u erga gara Saawud Arabiyaatti cehanii albama isaa lammaffaa Elemoo waliin ta'uun kan hojjetan.

Albama isaa lammaffaa kana keessaa harki 70 kan tahu sirboota warraaqsaati. Sirba tokko kan 'Yaa galaana jiruu' jedhu ammoo jireenyuma baqannaa isaa kana ilaalee kan sirbe hedduu beekamtii argateef.

"Yaa Galaana Jiruu fuutee namaan deemta

Fedhii tiyyan laaltu tanteetin deemta

Goojjoon ani ijaarradhes fuutee narratti diigda," jechaa sirbe.

Sirba kana Riyaaditti yeroo Nuhoon waraabu lakkii sirba kana dhiisi jennee gorsinee turre, inni garuu waan itti amane kana dhiisuu hin barbaanne jedha Hiriyaan isaa Elemoo Alii.

"Yaa Nuhoo dubbiin Galaanaa tuni nuun deemtii lakkii dhiisin jedheen. Sirbi kan uummataati kiyya qofaa jedheeti didee kan waraabe," jedha.

Sirba 'Yaa Galaana Jiruu,' jedhu kana Elemoo fi Nuhoon Yaadannoo akka irraa qabanilleen hima.

Wallisaa Nahoo Gobanaa

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasaa

Ibsa waa'ee suuraa, Nahoo Gobanaa

"Sirba sana baasee torban isaatti mana inni jiraatu bokkaan seene. Halkan maatiisaa qabatee mana kiyya dhufe. Animmoo warra waraqaa hin qabne hedduun ofbira jiraachisaa ture. Poolisatu balbala dhahe jedheen naasuudhaan goge."

"Booda yoon balbala saaqu Nuhoo fi maatiisaati. Maali Nuhoo jennaan 'Waan ati jette hin oolle Galaanatu narra yaa'e' naan jedhe. Hedduu kolfine," jechuun mudannoo isaanii BBC'tti hime.

Yeroo sirba kana baasu Nuhoon Riyaad keessatti guyyaa guyyaa konkolaachisummaadhaan hojjechaas ture.

Nuhoon waan hunda caalaa saba isaa jaalata jedha Elemoon.

Yeroo inni sirboota qabsoo sirbu sanatti dammaqiinsa akkasii namni qabu hedduu hin turre jedha.

"Yeroon sun akka ammaa kana teeknolojiin hin jiru hubannoo fi dammaqiinsillee hin turre. Yeroo dukkanaati. Nuhoon yeroo sanatti sabasaa dammqsuuf hojjechaa ture. Sirbi Nuhoo hawaasa Oromoo gurrasaanii keessa ture," jedha Elemoon.

Nuhoon yeroo sanatti sirboota qabsoo Sawudii keessatti waraabee gara biyyaatti erguun uummanni akka dhagahee dammaqu waan godheef biyya keessatti yeroo sana sirba Nuhoo dhaggeenfachuunuu yakkamaa nama godha ture.

"Yeroo sana Dirredawaa fa'a keessatti manuma isaaniitti namoonni sirba Nuhoo dhaggeefattan jedhamanii dararaman laayyoo miti. Kanneen sababa kanaan ajjeefamaniyyuu ni jiru," jechuun hima Elemoon.

Jireenya baqattumma keessatti tokkummaan Oromoo biyya baqaa jiruu garuu waan ajaa'ibaa akka tures hima.

"Yeroo sana Oromiyaa bakka kamiiyyuu namni yoo dhufe caayaa Oromoo wana jedhamuun gargaarama. Nama haaraa dhufe caaya kanatu mana kireefateefii nyaataa fi waan barbaachisu guutaaf. Gaafa Hojii argate atis hojiikee hojjechaa ji'aan nama haaraa dhufuuf riyaada 50 kaffalta."

Bara 1970 keessa baqattoonni Oromoo biyya Saawudii jiran haala kanaan wal gargaaranii waldhaabaa turan.

Nuhoo Goobanaa yeroo Riyaad ture sanatti bultii ijaarrachuun ilmaanis kan horate.

Imalli baqaa garuu Riyaaditti hin dhaabbanne. Riyaad irraa gama Ijipt achirraammoo bara 1975 gara Xaaliyaaniitti baqate Nuhoo Goobanaa.

Ergasiis Roomaa irraa bakka waggaa dheeraaf jiraate Kaanaadaatti godaane.

Mootummaa Ce'umsaa fi Gullallee…

Yeroo Mootummana ce'umsaa bara 1991 Itoophiyaa keessatti hundaa'u warreen saba isaanii dammaqsaa turan hedduun abdii Oromiyaan bilisoomuuf jedhuun gara biyyaatti deebi'anii ture.

Yeroo sana Hayyu-duree ABO kan turan Obbo Galaasaa Dilboo waamicha godhaniifin Nuhoo Goobanaas Elemoo Alii, Qamar Yusuuf fi Abdurashiid wajjin Kaanaadaa irraa gara biyyaatti dhufe.

"Yeroo sana waamichatu nuuf godhame bara 1991. Qabsoo kanarraa qooda fudhadhaa jedhamneeti kan dhufne. Dhufnee Finfinnee waajjira Gullalleeti kan turre," jedhe.

Osoo gara biyyaatti dhufin duras Nuhoon quuqqaa waa'ee Finfinnee fi Oromoo irratti jiru kan ittiin kaase sirba 'Finfinnee' jedhu kiraara isaatiin sirbee ture.

"Finfinnee yaa handhuura biyyaa

Maqaan geeddaramee taatuyyuu Ababaa" jechaa weellise.

Qabsoo irratti qooda fudhachuuf kan dhufe Nuhoo Goobanaa waahillan isaa wajjin waajjiruma Gullallee turanis booda keessa haalli akka yaadame ta'uu diduun yeroo ABO'n mootummaa cehumsaa keessaa bahe isaanis Kaanaadaatti deebi'an.

Nuhoon bara 1991 fi 1992 yeroo Finfinnee turetti baandiiwwan wajjin sirboota qabsoo sirbaa ture. Erga gara Kaanaadaatti deebi'ees sirba mata dureen isaa 'Gullallee Lafa seenaa' jedhu sirbe.

Sirba kanaan waan Gaafa Gullallee ture ta'ee fi yaadannoo fi quuqqawwan ture hedduu keessatti kaase Nuhoon.

"Gullallee Lafa seenaadhaa

Baayyedhaa kan siyaadatu

Oromoon sin irraanfatu" jechuun seenaa gaafas ture dhalootaaf dabarse.

Imala gara biyyaafi jireenyaisaan booda ture

Nuhoo Goobanaa waggoota 13 dura guutumatti jireenya isaa gara biyyaatti taasifate.

Haati warraa isaa Aadde Maliyaa Alii akka BBC'tti himanitti, Nuhoon Kaanaadaa irraa gara Keeniyaa deebi'uun waggoota sadiif Naayiroobii erga jiraateen booda bara 2000tti gara Itoophiyaatti deebi'e.

Ergasii waggoota jahaaf hojuma aartii hojjechaa turus waggoota torban darbanii hanga ammaatti sababa dhukkuba isa mudateen manatti hafee hojii aartii jaalaturraas adda bahe.

"Nuhoon yeroo humna qabu waan hojjete aartii fi qabsuma sabaa kanaaf Oolchaa ture. Sumunii tokko ofiifis maatii isaatiifis hin oolchine. Erga dhukkubsatee gargaarsuma lammiitiin jiraachaa jirra. Lammiin keenyas haalaan isa gargaaraa jiru," jedhan Aadde Maliyaan.

Nuhoo Goobanaa haadha manaa afur irraa Ijoollee jaha horate.

Ijoolleen isaas Ameerikaa, Jarmanii, Kaanaadaafi Itoophiyaa keessa jiru.

Nuhoon weellisaa tokkummaa nama qabsoo Oromootiif umuriisaa kennee jiraateedha jechuun ibsu hiriyaan isaa yeroo dheeraa Obbo Abdoo Alishoo.

"Walleewwan Nuhoo hedduu garaa nama raasti. Jaalala biyyaa namatti naqxi.

Nuhoon nama saba isaatiif of wareegedha. Waan inni uummata keenyaaf godhe waan guddaadha. Hammi inni sabasaa jaalatu daangaa hin qabu," jedhan.

Hanga dhukkubsatee aartii irraa adda bahutti Nuhoon sirboota qabsoofi jaalalaa hedduu sirbe.

Sirbootasaa keessaa, Tokkummaa, 911 Natti Hinwaamiin, Markab Too fi kanneen biroo daran kan beekaman tahanis waliigala waggoota 40 darbeef kan sirbe lakkoofsaan nama beeku hin arganne.

Nuhoon sagaleedhaan sirbuu cinaatti meeshaalee muuziqaa akka kiraaraafi kaan ni taphata.

Afaan Oromootiin alas afaanoota akka Amaaraa, Ingliffa, Afaan Arabaa, Somaaleefi Faransaayi dubbachuu dandaha.

Afaanota Somaalee, Arabaafi Amaariffaatiinis sirbeera.

Wellisaa hangaftichi Nuhoo Goobanaa tokkummaa Oromoo irratti ejjennoo hin raafamane qaba ture.

Waggaa tokkoon dura dhukkubsatee yeroo hospitaala turetti gaaffiif deebii BBC waliin taasiserratti, "Oromoon tokkummaa isaatiin alatti waan biraa hin qabu. Tokkummaa keessan cimsaa," jedhee dhaamuun isaa ni yaadatama.