'Qaroon Booranaa' Jaatanii Alii Tandhuu eenyu turan? Ganna hedduun booda ammallee maaliif leellifamu?

Jaatanii Alii

Jaatoo fi Shaalaqaan maqaa hawaasni ittiin yaamu. Maqaan warri baasaniif Jaatanii Alii Tandhuuti.

Gaggeessaan Booranaa duraanii ''jireenya isaa guutuu uummata isaaf jiraate'' jedhamuun har'allee hawaasa Booranaa fi uummata Oromoo biratti guddoo jajama.

''Ilmi sabaa guddoo jaalatamu'' kun erga lubbuun isaa dabree ganna 30tti dhiyaachaa jira.

Hiriyyaan ijoollummaarraa qabee Shaalaqaa beekaniifi wajjin baratan Aabba Taadhii Liiban BBCtti akka himanitti, Jaatanii Alii gabaabumatti ''nama nam dura deemuufi diqqaa -guddaan kan haasa'aasaa jaalatu,'' ture jedhu.

''Akka durii loon callaa horatanii taa'uu hin danda'ani, lafa tanallee qotadhaa miidhaan namaa baafti, loon keessanillee jabeessaa, daldallis nama guddisa. Dirattilee mana ijaarradhaa,'' jedhee hawaasa Booranaa gorsaa akka ture maanguddoon kun dubbatu.

Aabba Huqqaa Garsee Odaa ammoo bara Jaatanii Alii bulchaa turanitti isaan jalatti nama tajaajilaa turaniifi isaan wajjinis nama dirree waraanaa hiriiranidha. ''Jaataniin qaroo fi jagna Booranaati. Beekaa namaati. Kan waan cufa fageessee laaluufi nama nam cufa jaalatu,'' jechuun ibsu.

Namoonni gameessa kana qaamaan beekanis tahe dhaloonni ammaa, waa'ee Jaatanii Alii wayita dubbatan miira keessa galaniiti.

Hiriyyaan isaanii bara dheeraa Aabba Taadhiin ''Duuti namaa ta akkasaa garaa na nyaatte hin jiru,'' jechuun ajjeechaa nama kanaan gadda garaa keessaa hin baane wajjin akka jiran dubbatu.

Kabajaa nama kanaaf jecha har'allee dhaloonni sirba baasu, ni walaleessu, kitaaba barreessu, bakka garagaraa maqaasaatiin moggaasu.

"Gaaddisi dawoo gosaa waa nurraa cabuu hin malle. Jaatanii Alii Tandhuu biyyeen si dhawuu hin malle," jechuun artist Lookoo Ashanee weellisteetti.

Nami akkasiin saba biratti ajjeechaasaa barkurnee sadiin boodas har'allee guddoo jajamu kun eenyu? Hawaasa biratti maaliif akkasiin kabajaa guddaa horate? kan jedhuufi kaanis namoota isatti dhiyeenya qabaniifi kitaaba seenaasaa irratti barreeffame wabeeffachuun odeessa armaan gadii qixeessine.

Shaalaqaa Jaatanii Alii eenyu?

Jaatanii Alii

Jaatanii Alii Tandhuu ALA bara 1941 bakka Melbanaa jedhamtu, Aanaa Dirree Godina Booranaatti dhalatan.

Wayita Kiristinnaa ka'uttis maqaansaa gara MabaaTsiyoon'tti jijjiirame. Hawaasni Booranaa maqaawwan jaalalaa 'Jaatoo' fi maqaa sadarkaa poolisiin argataniin 'Shaalaqaa' jedhamaniin yaamus, maqaan galmeesaaniirra ture garuu Mabaatsiyoon Alii kan jedhudha.

Kitaabni seenaa isaanii Aabba Taadhii Liibaniin Afaan Ingiliiziin barreeffame ''Jatani Ali Tandhu: Life & Legacy of a Borana Statesman'' jedhu akka himutti, Jaataniin bara mootii Hayilasillaasee keessatti ijoollee horsiisee bulaa carraan barnootaa kennameefii keessaa isaan tokko turan. Ijoollee 65 lafi Booranaatii deemanii barnoota argatan kanneen hawaasni ''Ijoollee bulguu kennani,'' jedhee ibsa.

Kanaanis bara 1952tti Finfinneetti kan argamu Mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Madihaanee Alamitti barnootasaa jalqabaa, akkasumas Wiingeetitti ammoo kutaa 10-12tti baratan.

Barnootasaanii erga xumureen booda Akkaadaamii poolisii Abbaa Diinaa jedhamutti leenjii waggoota sadiif galuun, 1965tti eebbifaman. Achiis waggoota torbaaf magaalaa Finfinneefi kutaa biyyaa Gaamoo Goofaa dabalatee itti gaafatamummaa garagaraan hojjetan.

Boodarras gara Finfinneetti geeddaramuun Damee Poolisii Tiraafikaa keessatti ganna shaniif tajaajilan. Kanaanis Itoophiyaa bakka bu'uun yaa'iiwwan biyyoota garagaraatti adeemsifaman irratti hirmaataniiru. Biyyoota akka Jaappaan, Biriteen, Firaans fi Jarmanii Lixaa daawwataniiru.

Boodarras eeyyama hojiisaaniirraa argachuun Yunivarsiitii Hayilasillaaseetti (Yunivarsiitii Finfinnee ammaa) Mana Barnootaa 'Social Work'tti galmaa'uun ganna lamaaf baratan. Achiis gara Harar imaluun tajaajila hawaasummaarratti hirmaatan.

Waggootaan boodas bulchaa Booranaa tahuun tajaajilaa kan turan oggaa tahu, hojiiwwan hawaasa naannichaa fayyadan hedduu hojjechuun, akkasumas daangaa Itoophiyaa gamasaanaan jiru eegsisuuf hojii guddaa hojjechuun jajamu.

Jaatanii Alii

Ji'a 10 Jaatanii wajjin

Qorataa fi barreessaa seenaa kan tahan Aab Jaatanii Diidaa, Kumaalaa Jaatanii Alii Tandhuu ''akka guddoottin fuula beeka'' jechuun, ''waliin hojjenneef osoo hin taane, jaalatti guddanneef beekna,'' jedhu.

Guyyaa gaafa qaraa Jaatanii Alii arganiis guyyaa hedduu rifaasisaa akka tahe yaadatu: ''Warri Somaalee kunniin gaarii isaa [meeshaa] laawuncheriin dhahee, gube. Namni isa wajjin ture nama hedduu ijjeese. Isa Waaqi jalaa baase.''

Bara mootummaan Dargii kufee mootummaan ADWUI aangoo qabatutti, Kumaalaa Jaataniin mootummaan harka kennachuu didee baqachuun bakka Dhoqqollee (Gaar Gubaalaa) jedhamutti ji'a kudhaniif wayita dhokatanii turanitti, Aabba Jaatanii Diidaa nama isa wajjin ture tahuu dubbatu.

''Ji'a 10 wajjin baane. Saayikiliin qaban ture... Yaaballoo hanga Dubluq deemee, Dubluq ammoo km 45 haga Dhoqqollee deemee, nyaataafi waan cufa akkasiin deddeebisaaf ture,'' jedhu. Kanas yoo xiqqaate ji'atti marroo shaniifi jaha deddeebi'uun wanta barbaachisu dhiyeessaaf akka turanillee dubbatu.

Nama Jaatanii arguu barbaadus karaasaaniin malee arguu akka hin dandeenyellee kaasuun, wayita isaan gara Keeniyaatti cehanillee haga daangaatti gaggeessuu himaniiru.

Jaatanii Alii Tandhuu

Ajjeechaa

Erga Shaalaqaa Jaatanii ijjeefamanii barkurnee sadii tahuuf deema. Hawaasa Booranaatiif Adoolessi 2 guyyaa gaddaati.

Ragaaleen akka mul'isanitti, gameessi kun Magaalaa Naayiroobii, Hoteela 'Ngera' jedhamutti Adoolessa 2 bara 1992 rasaasaan rukutamanii du'an.

Ajjeechaa nama kanaaf haga ammaatti namni qabameefi yakkaan himatame akka hinjirres ni himama. Aabba Taadhiin ''namni shakkamee hidhame kan ani beeku hinjiru,'' jedhan.

Qola kitaabaa ''Jatani Ali Tandhu: Life & Legacy of a Borana Statesman'' jedhu

Madda suuraa, Tadhi Liban

Maatii horateeraa?

Jaatanii Alii hin fuune. Wayita tajaajila poolisii keessa jiranitti haadha warraa fuudhuuf yaadanis, hin milkaa'in hafe.

Aabba Taadhiin kitaabasaanii keessatti: ''Jireenyasaa keessatti tajaajila hawaasaaf dursa kennuun nuffii tokko malee hojjete,'' jedhu.

Tahus garuu gara dhuma jireenyasaatti gaa'ela dhaabbachuuf murteessuun kaadhimaa akka godhataniifi isheenis intala akka deesseef ni himama. Jaataniin intalasaa kana ijaan osoo hin argin akka du'anis ni himama.

Qorataan seenaa Aab Jaatanii Diidaa ''wanni haga ammaa du'asaa caalaa kan mataa na dhukkubsaa ture,'' dhimma intalasaa arguu dhabuusaati jedhu.

''Intaltisaa Hawwiin tun eegi inni bahe booda dhalatte. Suuraa intalasaa kan geesseef ana,'' jedhu Aabba Jaataniin.

Akka isaan jedhanitti, wayita suuraa itti agarsiisuuf deemanitti, ilma (wayita sana ganna 10) biraallee Finfinneedhaa akka qabu itti himuusaa dubbatu.

''Nutti akeeki hin barbaannallee jennee gaafannaan 'Na malee namni itti hin bahu' nuu jedhe.''

Siidaa magaalaa Yaaballootti ijaarameef

Madda suuraa, Social Media

Akkasiin maaliif jaalatame?

Aabba Taadhii Liiban wayita seenaa Shaalaqaa kitaabasaaniif qindeessanitti, namoota ijoollummaarraa isa beekan garagaraa dubbisuu himu.

Kanneen keessaa wayita magaalaa Yaaballootti imalanii turanitti, nama Jaatanii Alii beeka jedhan argatanii dubbisan hin dagatan. ''Nama kana Jaatanii beektaa jedhee gaafannaan, imimmaantu keessaa jige,'' jedhu.

''Lafa kanatti namni akkasaa duratti hin dhalanne, duranallee hin dhalatu'' akka jedheen yaadatu.

Aabba Taadhiin dabaluun: ''Wayita biyya bulchutti nam cufa gargar hin qoodu. Nama 'kun gos teenna' jedhee gosaan gargar hin baasu,'' jechuun Shaalaqaan nama hunda walqixa tajaajilaa akka turan dubbatu.

Aabba Taadhiin gorsa Shaalaqaa Jaataniin wayita sana gorsan amma hawaasni Booranaa hojiirra oolachaa jira jedhu. ''Gorsa isaa sanarraa ka'ee... yoon ilaalu Booranni inuma sosocho'uutti jira.''

Aabba Huqqaa Garsee Odaa ammoo Jaataniin ''Kan waan cufa fageessee laalufi nama nam cufa jaalatuufi kabaju,'' jechuun ''nam nama hin tuffanne,'' jedhu.

''Gaafa lolaallee janna,'' jechuun guyyaa lolaas nama waliin bu'ee lolaa ture jedhu.

Aabba Jaatanii Diidaan ''ji'a kurnan waliin dabarse sun mana barumsaa ture. Akka barsiisaatti waa irraa baradhe,'' jedhu.